Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 2: Cuuphaaf Qophaaʼuu

Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 2: Cuuphaaf Qophaaʼuu

 Ulaagaa Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimtee jiraachaa fi Waaqayyoo wajjin michummaa uumaa jirta taanaan tarii waaʼee cuuphamuu yaadaa jirta jechuu dha. Maarree cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu kee akkamitti beekta? a

Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadiitu ibsama

 Beekumsa hangamii qabaachuun qaba?

 Cuuphaaf qophaaʼuun akka nama qorumsa mana barumsaatiif qophaaʼuutti wanta baratte sammuutti qabachuu kan dabalatu miti. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun dhugaa akka barsiisu amanannaa qabdu cimsachuuf ‘dandeettii yaaduu kee” fayyadamuu qabda. (Roomaa 12:1) Fakkeenyaaf:

 Maal gochuun qaba?

 Cuuphamuuf mudaa kan hin qabne taʼuun si hin barbaachisu. Haa taʼu malee, dhugumaan ‘Wanta hamaa irraa akka deebitee fi wanta gaarii raawwachuu’ akka barbaaddu argisiisuu qabda. (Faarfannaa 34:14) Fakkeenyaaf:

 Gorsa gaarii: Cuuphaaf qophaaʼuuf akka si gargaaruuf, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamu Jildii 2 boqonnaa 37 dubbisi. Keessumaa gilgaala fuula 308 fi 309 (Amaariffa) irra jiru qalbeeffadhu.

a Mata duree, “Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1 jedhuu isa hiikaa cuuphaa fi barbaachisummaa of murteessuu fi cuuphamuu ibsu dubbisi.