Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Qooqa Kan Biraa Barachuu Kan Qabdu Maaliifi?

Qooqa Kan Biraa Barachuu Kan Qabdu Maaliifi?

 Qooqa kan biraa barachuun of toʼachuu fi gad of qabuu si gaafata. Maarree kun carraaqqiin godhamuufii qabaa? Dargaggoonni hedduun eeyyee jechuudhaan deebisaniiru. Mata dureen kun akkas kan godhan maaliif akka taʼe ibsa.

 Barachuuf kan murteessan maaliifi?

 Namoonni hedduun qooqa kan biraa kan baratan manni barumsaa isaanii waan isaan dirqisiisuufi. Warri kaan immoo sababa mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf:

  •   Shamarreen Awustiraaliyaa jiraattuu fi Aanaa jedhamtu, afaan Laatviyaa isa afaan dhalootaa haadha ishii taʼe barachuuf murteessite. Aanaan akkas jetteetti: “Maatiin keenya gara Laatviyaa deemuuf waan karoorfateef, yeroo achi geenyu firoota koo wajjin walii galuun barbaade.”

  •   Giinaa, ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee fi Yuunaayitid Isteetis jiraattu, Afaan Mallattoo Ameerikaa (ASL) barattee tajaajila ishii balʼifachuuf gara Beeliiz deemte. Akkas jetteetti: “Namoonni gurri isaanii hin dhageenye, namoonni isaan wajjin dubbachuu dandaʼan muraasa qofadha. Afaan mallattoo (ASL) kanan baradhe namoota Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf akka taʼe namootatti yommuun himu baayʼee dinqisiifatu!”

 Kana beektaa? Kitaabni Qulqulluun misiraachoon waaʼee Mootummaa Waaqayyoo, ‘saba, gosaa fi qooqa hundumaaf’ akka labsamu dursee dubbateera. (Mulʼata 14:6) Raawwii raajii kanaatiin kan kaʼe, Dhugaa Baatonni dargaggoo taʼan hedduun biyya isaaniitti ykn biyya kan biraatti tajaajila isaanii balʼifachuuf qooqa kan biraa barachuuf murteessaniiru.

 Rakkoowwan akkamiitu isaan mudate?

 Qooqa haaraa barachuun salphaa miti. Shamarreen Koorinaa jedhamtu akkas jettetti: “Jechoota haaraa barachuu qofa akka taʼetti yaadeen ture, taʼus aadaa haaraa fi karaa haaraa taʼeen yaaduu barachuu akka dabalatus hubadheera. Qooqa tokko barachuun yeroo akka fudhatu beekamaa dha.”

 Kana malees, gad of qabuu gaafata. Jeemsi inni dargaggeessa taʼee fi Afaan Ispaanishii barate akkas jedheera: “Dogoggora hedduu waan raawwattuuf, ofitti kolfuu barachuu qabda. Taʼus, kunis kutaa barumsichaa ti.”

 Yaada ijoo: Rakkina si mudatuu fi dogoggora raawwattuun qaanii sitti dhagaʼamu kan dandamattu yoo taʼe, qooqa haaraa barachuu irratti milkaaʼina argachuun kee hin oolu.

 Gorsa gaarii: Warri kaan si caalaa guddina akka godhan yoo hubatte abdii hin kutatin. Kitaabni Qulqulluun, “namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata” jedha.—Galaatiyaa 6:4.

 Eebbawwan akkamii argatan?

 Faayidaan qooqa haaraa barachuu hedduudha. Fakkeenyaaf, dargaggeessi Oliiviyaa jedhamu akkana jedheera: “Jaalala kee balʼifata, akkasumas michoota haaraa horatta.”

 Shamarreen Meerii jedhamtu qooqa haaraa barachuun ishii ofitti amanannaa ishii akka dabalee hubattetti. Ishiin akkas jetteetti: “Wantan hojjedhu hundumaatti gammaduun baayʼee natti ulfaata, amma garuu qooqa haaraa barachaa waanan jiruuf, jecha haaraa tokko ergan beekee booda baayʼeen gammada. Kun miirri gaariin akka natti dhagaʼamu godha.”

 Giinaa ishiin olitti ibsamte, afaan mallattoodhaan namoota Kitaaba Qulqulluu barsiisuun tajaajila ishii irratti gammachuu ishiidhaaf dabaleera. Akkana jetteetti: “Namoota afaan isaaniitiin haasofsiisuu ergan jalqabee booda fuulli isaanii yommuu ifu arguun badhaasa guddaadha!”

 Yaada ijoo: Qooqa haaraa barachuun kee michoota haaraa akka argattu, amanannaan kee akka guddatuu fi tajaajilli kee hiika akka qabaatu taasisa. Qooqa haaraa barachuun misiraachicha, ‘saba, gosa, namaa fi qooqa hundumaatiin’ gaʼuuf barbaachisaa dha.—Mulʼata 7:9.