Dhimma ijoo ta'etti seeni

Barumsi Yoo na Jibbisiise Maal Gochuun Dandaʼa?

Barumsi Yoo na Jibbisiise Maal Gochuun Dandaʼa?

Wantoonni kun si gargaaruu dandaʼu

 Barumsaaf ilaalcha sirrii qabaachuu. Faayidaa guddaa barumsi qabu irratti yaadi. Barumsi ati barattu hundumtuu keessumaa yeroo sanatti faayidaa kan qabu fakkaachuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus barumsi garaa garaa ati barattu hubannaa addunyaa naannoo kee jiruuf qabdu siif guddisa. Dandeettii namoota guddina garaa garaa qaban haasofsiisu siif argamsiisuudhaan “akaakuu namootaa hundumaatiif waan hundumaa akka taatu” si gargaara. (1 Qorontos 9:22) Akkasumas yoo xinnaate dandeettii yaadu kee si fooyyessa. Kun immoo yeroo hundumaaf si gargaara.

Barumsa barachuun akkuma bosona keessatti karaa baasuu ti—lamaan isaanii iyyuu meeshaa sirriidhaan ni dandaʼama

 Barsiisaa keetiif ilaalcha sirrii qabaadhu. Barsiisaan kee kan nama nuffisiisu akka taʼe yoo sitti dhagaʼame barsiisaa kee irratti utuu hin taʼin, barumsicha irratti xiyyeeffadhu. Barsiisaan kee barumsa wal fakkaatu siʼa baayʼee ykn siʼa dhibbaan lakkaaʼamuuf kutaa kan biraatti barsiisee taʼuu akka dandaʼu yaadadhu. Kanaafuu barumsa kanaaf miira hoʼaa jalqaba irratti qabu eegee itti fufuun itti ulfaachuu dandaʼa.

 Gorsa gaarii: Yaadannoo qabadhu, yaada dabalataa argachuuf kabajaan gaafadhu, akkasumas barumsichaaf miira hoʼaa qabaadhu. Miirri hoʼaan warra kaanitti ni darba.

 Dandeettii keef ilaalcha sirrii qabaadhu. Manni barumsaa dandeettii uumamaa qabdu hubachuuf si gargaaruu dandaʼa. Phaawulos Ximotewosiif akkas jedhee barreesseera: ‘Kennaa Waaqayyoo isa sii kenname akka ibiddaatti qabsiisi.’ (2 Ximotewos 1:6) Haalli isaa akka argisiisutti Ximotewos kennaan hafuura qulqulluu tokko tokko isaaf kennamee ture. Taʼus ‘kennaan’ kun ukkaamamee akka hin hafneef ykn akka gatii hin dhabneef guddachuu qaba ture. Dhugaa dha, dandeettiin ati mana barumsaatti argattu kallattiidhaan Waaqayyo irraa kan siif kennamu miti. Taʼus, dandeettii addaa qabda. Barumsi dandeettii ati akka qabdu hin beekne akka hubatuu fi akka guddistu si gargaara.