Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Yeroo Hunda Wanta Dogoggoraa Kanan Dubbadhu Maaliifi?

Yeroo Hunda Wanta Dogoggoraa Kanan Dubbadhu Maaliifi?

 “Yeroo tokko tokko arraba koo toʼachuu nan dandaʼa, haa taʼu malee, yeroo kan biraatti arrabni koo toʼannaa sammuutiin ala waan taʼu natti fakkaata!”Jeemsi.

 “Yeroon dhiphadhu utuu itti hin yaadinan dubbadha; yeroon bashannana irra jiru immoo wanta dubbachuun na irra jiru caalaan dubbadha. Kanaaf, gabaabumatti, yeroo hunda wanta dogoggora taʼen dubbadha.”Maarii.

 Kitaabni Qulqulluun, ‘arrabni ibidda’ akka taʼee fi “bosona guddaa tokko gubuuf ibiddi xinnoon illee akka geessu” dubbata. (Yaaqoob 3:5, 6) Yeroo baayʼee jechoonni ati dubbattu rakkoo keessa si buusaa? Taanaan, mata dureen kun si gargaaruu dandaʼa.

 Wanta dogoggoraa kanan dubbadhu maaliifi?

 Cubbuu dhaalle. Kitaabni Qulqulluun, ‘Hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna. Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabne dha’ jedha. (Yaaqoob 3:2) Mudaa kan qabnu waan taaneef, kan gufannu adeemsa keenya irratti qofa utuu hin taʼin, yeroo haasofnus wanta dogoggora taʼe dubbachuudhaan ni gufanna.

 “Sammuu fi arraba cubbuu irraa bilisa taʼe waanan hin qabneef, mudaa tokko malee isaan nan toʼadha jedhee dubbachuun gowwummaa dha.”—Aanaa.

 Baayʼee dubbachuu. Kitaabni Qulqulluun, “Yommuu dubbiin baayʼatu cubbuun hin hafu” jedha. (Fakkeenya 10:19) Namoonni baayʼee haasaʼanii fi sirriitti hin dhaggeeffanne wanta dogoggoraa dubbachuudhaan warra kaan mufachiisuun isaanii hin oolu.

 “Namni beekaan nama yeroo hunda baayʼee dubbatu miti. Yesuus namoota lafa irra jiraatan keessaa beekaan akka isaa kan hin jirre taʼus, yeroo tokko tokko ni callisa ture.—Juuliyaa.

 Dubbiidhaan nama tuquu. Kitaabni qulqulluun, “Dubbiin gar-malee dubbatamu akka billaa nama waraana” jedha. (Fakkeenya 12:18) Dubbii utuu itti hin yaadamin dubbatamu keessaa tokko dubbiidhaan nama tuquu, jechuunis wanta warra kaan miidhuu fi isaan salphisu dubbachuu dha. Namoonni dubbiidhaan nama tuqan “qoosaan jira” jedhu taʼa. Haa taʼu malee, nama kan biraa salphisuun wanta nama kolfisiisu miti. Kitaabni Qulqulluun “arrabsoo fi wanta miidhaa geessisu hundumaa” akka of irraa fageessinu dubbata.—Efesoon 4:31.

 “Qoosaa baayʼeen jaalladha; nama kolfisiisuunis baayʼee natti tola. Haa taʼu malee, wantoonni kun salphumatti gara dubbiidhaan nama tuquutti na geessu, kunis yeroo baayʼee rakkoo irra na buusa.”—Oksaanaa.

Akkuma saamunaan ilkaanii erga keessaa baʼee booda gara miʼa isaatti deebisuun hin dandaʼamne, wanta tokko erga dubbattee booda deebisuu hin dandeessu

 Arraba leenjisuu

 Arraba ofii toʼachuu barachuun salphaa miti; taʼus dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu si gargaaruu dandaʼu. Fakkeenyaaf isaan armaan gadii ilaali.

 “Garaa keessanitti dubbadhaa; calluma jedhaas.”—Faarfannaa 4:4, NW.

 Yeroo tokko tokko deebiin gaariin calluma jechuu dha. Shamarreen Looraa jedhamtu akkana jetteetti, “Miirri yeroon aarii keessa jiru natti dhagaʼamuu fi yeroon tasgabbaaʼutti natti dhagaʼamu adda adda dha.” Yeroo baayʼee ergan tasgabbaaʼee booda wantan jechuu barbaade jechuu dhiisuu kootti nan gammada.” Sekoondii muraasaaf illee itti yaaduun wanta dogoggoraa dubbachuu irraa si eeguu dandaʼa.

 “Akkuma arrabni nyaata miyeeffatu, gurris immoo dubbii gargar hin baasuu ree?”—Iyoob 12:11.

 Gaaffiiwwan kanatti fayyadamtee wanta dubbachuuf yaadde kan qortu yoo taʼe gadda cimaa jalaa ooluu dandeessa:

  •   Dhugaa dhaa? Gaarii dhaa? Barbaachisaa dha?—Roomaa 14:19.

  •   Namni kan biraan utuu akkas naan jedhee maaltu natti dhagaʼama?—Maatewos 7: 12.

  •   Ilaalcha nama kan biraatiif kabaja akkan qabu kan argisiisu dhaa?—Roomaa 12:10.

  •   Dubbachuudhaaf yeroon inni sirriin ammaa?—Lallaba 3:7.

 “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa.”—Filiphisiyus 2:3.

 Gorsi kun warra kaaniif ilaalcha sirrii qabaachuuf kan si gargaaru siʼa taʼu, kunis arraba kee akka toʼattuu fi dubbachuu kee dura irratti yaaduuf si fayyada. Wanta nama miidhu yoo dubbatte illee, amalli gad of qabuu dhiifama gaafachuuf si gargaara; akkasumas hamma siif dandaʼame ariitiidhaan akkas gochuuf si dandeessisa. (Maatewos 5:23, 24) Achiis arraba kee leenjisuu irratti caalaatti jijjiirama gochuuf murteessi.