Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Akkaataan Uffannaa Koo Akkami?

Akkaataan Uffannaa Koo Akkami?

 Uffannaa keetiif xiyyeeffannaa kennuu kan qabdu maaliifi? Uffannaan kee waaʼee kee ergaa dabarsu qaba. Maarree uffannaan kee ergaa akkamii dabarsa?

 Faashinii ilaalchisee dogoggora guguddaa sadii fi akkaataa dogoggora kana irraa of eeguu itti dandeenyu

Dogoggora #1: Miidiyaan akkaataa uffannaa kee irratti dhiibbaa akka godhu heyyamuu.

 Tereesaa ishiin umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko faashinii tokko kanan jaaladhu irra deddeebiʼee beeksisa isaa waanan arguufi. Yommuu sammuun kee suuraa namoota gosa uffannaa tokkoon guutamu gosa uffannaa sana hordofuu dhiisuun ulfaata dha.”

 Beeksisni dhiibbaa kan godhu shamarran irratti qofa miti. Kitaabni The Everything Guide to Raising Adolescent Boys jedhamu akkana jedha: “Faashiniin dhiirotas salphaatti xiyyeeffannaa isaanii harkisuu dandaʼa. Sirni daldalaa ijoollummaa isaaniitii kaasee dhiibbaa isaan irratti gochuuf yaala.”

 Wanta hunda irra wayyu: Kitaabni Qulqulluun, “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, Namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedha. (Fakkeenya 14:15) Qajeelfama kanaa wajjin haala wal simuun wanta beeksisa irratti ilaaltu of eeggannoodhaan qoruu baradhu. Fakkeenyaaf, beeksisa uffataa yommuu ilaaltu akkana jedhii of gaafadhu:

  •  ‘Faashinii kana yoon hordofe eenyutu buʼaa argata?’

  •  ‘Akkaataa jireenyaa akkamii akkan hordofu argisiisa?’

  •  ‘Akkaataan uffannaa sun eenyummaa koo isa dhugaa fi ejjennoo koo ni argisiisaa?’

 Gorsa gaarii: Torban tokkoof beeksisawwanii fi miidiyaawwan kan biroo faashinii argisiisan xiyyeeffannaadhaan hordofi. Akkaataa jireenyaa akkamii jajjabeessu? Ergaa dhoksaadhaan faashinii taʼe tokko hordofuu akka qabdu akka sitti dhagaʼamu godhu dabarsaa? Kaaran ishiin umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu akkana jetteetti: “Mudaa kan hin qabne taatee akka mulʼattu, uffannaa mudaa hin qabnee akka uffattuu fi qaama kee isa mudaa hin qabne akka argisiistu dhiibbaa guddaan si irratti godhama. Namoonni beeksisa qopheessanii fi mala kana hubatan dargaggoota salphaatti hawwachuu dandaʼu.”

Dogoggora #2: Warra kaan fakkaachuuf jecha faashinii hordofuu.

 Maanuweel inni umurii waggoota kurnanii keessa jiru akkana jedheera: “Uffannaan tokko faashinii yoo taʼe nama hundatu uffata. Faashinii sana hordofuu baannaan namoonni nama duubatti hafaa akka taatetti si ilaalu.” Aanaa ishiin umurii waggoota kurnanii keessatti argamtus kana irratti walii galti. “Wanti caalaatti nama hawwatu faashinii hordofuu utuu hin taʼin warra kaanii wajjin wal fakkaachuu isaanii ti” jetteetti.

 Wanta hunda irra wayyu: Kitaabni Qulqulluun, “Sirni kun dhiibbaa akka isin irratti godhu hin heyyaminaa” jedha. (Roomaa 12:2) Gorsa kanaa wajjin haala wal simuun uffata kee ilaaluudhaan akkana jedhii of gaafadhu:

  •  ‘Filannaa uffannaa koo irratti dhiibbaa guddaa kan geessisu maali dha?’

  •  ‘Uffatawwan diizaayinarii ykn kaampaanii beekamaadhaan qophaaʼan uffachuuf hammaman iddoo guddaa kenna?’

  •  ‘Akkaataa uffannaa kootiin nama ajaaʼibsiisuuf yaalii gochaan jiraa?’

 Gorsa gaarii: Filannaa lama, jechuunis faashinii ykn kan yeroon itti darbe taʼuu isaa irratti xiyyeeffachuu mannaa filannaa sadaffaa, jechuunis ofitti amanannaa irratti kan hundaaʼe taʼuu isaa yaadaa. Ofitti amanannaa caalaatti qabaachaa yommuu deemtu waaʼeen warra kaan biratti fudhatama argachuu baayʼee si hin yaaddessu.

Dogoggora #3: Uffanni garmalee xiyyeeffannaa namaa harkisu caalaatti gaarii dha jedhanii yaaduu

 Shamarreen Jeenifar jedhamtu akkana jetteetti: “Dhugaa isaa dubbachuuf uffata garmalee xiyyeeffannaa namaa harkisu, jechuunis baayʼee gabaabaa ykn qaama namaatti kan maxxanu ykn kan qaama mulʼisu uffachuuf qoramta.”

 Wanta hunda irra wayyu: Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Miidhaginni keessan alaan kan mulʼatu . . . akka taʼu hin godhinaa; kanaa mannaa, miidhaginni keessan keessa namummaa keessan isa dhokataa . . . kan mulʼisu haa taʼu.” (1 Pheexiros 3:3, 4) Gorsa kana irratti hundaaʼuudhaan, ‘Caalaatti kan nama hawwatu uffata dha moo amala keessa namummaa argisiisu dha?’ isa jedhu yaadi.

 Gorsa gaarii: Faashinii gaariin hordofuu qabdu uffata akka gad of qabdu argisiisuu filachuu dha. Amalli kun addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti beekamaa miti. Mee karaa kanaan yaadi:

 Namni waaʼee ofii isaa baayʼee haasaʼu si mudatee beekaa? Tarii namni sun of irraa si fageessaa akka jiru hin beeku!

Uffanni akkuma haasaa kee xiyyeeffannaa namoota kaanii kan ofitti harkisu yoo taʼe namoota si irraa fageessuu dandaʼa

 Uffata akka gad of qabdu hin argisiisne yommuu uffattu akka nama sanaa taata. Uffannaan kee ergaa na ilaalaa jedhu dabarsa; akkasumas ofitti amanannaa akka hin qabne ykn garmalee of irratti akka xiyyeeffattu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Xiyyeeffannaa dogoggora taʼe dabalatee xiyyeeffannaa kam iyyuu akka hawwitu si taasisuu dandaʼa.

 Wanta hin gurgurre beeksisuuf yaaluu mannaa kan gad of qabdu taʼuuf carraaqi. Monikaa ishiin umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu akkana jetteetti: “Gad of qabda jechuun akka akkoo keetti uffachuu qabda jechuu miti. Kanaa mannaa ofii keetiifis taʼe namoota naannoo kee jiraniif kabaja akka qabdu karaa argisiisuun uffatta jechuu dha.”