Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Warra Kaan Biratti Fudhatama Yoon Dhabe Maalan Godha?

Warra Kaan Biratti Fudhatama Yoon Dhabe Maalan Godha?

 “Warra kaan biratti fudhatama argachuu qabda, taʼuu baannaan michoota, jireenyas taʼe abdii gara fuulduraa hin qabaattu. Dhuma irratti irraanfatamtee kophaatti hafta.”—Kaarl.

 Yaanni kun kan arbeeffame dhaa? Fakkaachuu dandaʼa. Garuu, namoonni tokko tokko wanta Kaarl ibse kana irraa ooluuf wanta dandaʼan hunda godhu. Ati hoo? Mata dureen kun malawwan gaarii michoota horachuuf si gargaaran qabateera.

 Namoonni warra kaan biratti fudhatama argachuuf kan yaalan maaliifi?

  •   Warri kaan akka of irraa isaan fageessan waan hin barbaanneefi. “Miidiyaa hawaasaa irratti suuraa garee namoota bakkan ani hin jirretti baʼanii wantoota tokko tokko raawwatan argisiisu tokkon arge. Kunis maalan balleesse jedhee akkan yaaduu fi yaada na hin barbaadan jedhuun akkan jeeqamu na godheera.”—Naataalii.

     QABXIIWWAN IRRATTI YAADAMUU QABAN: Garee tokko irraa akka qoodamte sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan garee sanatti makamuuf jettee waa gooteettaa?

  •   Warra kaan irraa adda taʼuu waan hin barbaanneefi. “Warri koo moobaayilii akkan qabaadhu naaf hin heyyamne. Ijoolleen lakkoofsa bilbilaa koo yommuu na gaafatanii fi anis moobaayilii akkan hin qabne yommuun isaanitti himu ‘Dhugaa jettaa? Umuriin kee meeqa?’ naan jedhu. Anis umuriin koo 13 akka taʼe yommuun isaanitti himu naaf gaddanii na ilaalu.”—Meerii.

     QABXIIWWAN IRRATTI YAADAMUU QABAN: Wanta warri kee si dhoowwan akkamiitu warra kaan irraa adda akka taate akka sitti dhagaʼamu godhe? Maarree maal goota?

  •   Warri kaan akka isaanitti roorrisan waan hin barbaanneefi. “Mana barumsaatti ijoolleen warra gochaan, dubbiidhaan ykn waaqeffannaadhaan illee isaan irraa adda taʼan hin jaallatan. Atis isaan biratti fudhatama hin qabdu taanaan namoonni hedduun kana hubachuu fi si miidhuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama.”—Oliiviyaa.

     QABXIIWWAN IRRATTI YAADAMUU QABAN: Warra kaan biratti fudhatama dhabuu keetiin kan kaʼe miidhaan si irra gaʼee beekaa? Maarree haala kana akkamitti dandamatte?

  •   Michoota isaanii dhabuu waan hin barbaanneefi. “Gareen keessa jiru hundumaa wajjin wal fakkaadhee jiraachuuf yaalii godheera. Akkaataa dubbii kootii irraa adda taʼeen nan dubbadhan ture. Wanta nama hin kofalchiisnetti nan kolfan ture. Kun akka nama miidhu akka gaariitti utuman beekuu ijoolleen nama tokkotti yommuu qoosan isaanii wajjinan itti qoosa ture.”—Reechal.

     QABXIIWWAN IRRATTI YAADAMUU QABAN: Hiriyoota kee biratti jaallatamuun siif hammam barbaachisaa dha? Warra kaan biratti fudhatama argachuuf jettee amala kee jijjiirtee beektaa?

 Wanta beekuu qabdu

  •   Warra kaan biratti fudhatama argachuuf wanta warri kaan raawwatan raawwachuun miidhaa geessisuu dandaʼa. Maaliif? Sababiin isaas yeroo baayʼee namoonni fakkeessaa akka jirtu ni hubatu. Biraayin inni umuriin isaa waggaa 20 taʼe akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbateera: “Nama kan biraa fakkaadhee mulʼachuuf yommuun yaalii godhetti hiriyoota daree koo keessa jiran biratti fudhatama argachuu hin dandeenye. Namoonni yommuu ati fakkeessitu beekuu waan dandaʼaniif of taʼuun gaarii taʼuu isaa hubadheera.”

     TARKAANFII GAARII TAʼE: Wanti dursa kennituuf maal akka taaʼe yaadi. Kitaabni Qulqulluun, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beekaa’ jedha. (Filiphisiyus 1:10) Kanaafuu, ‘Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe namoota seera amalaa kan koo irraa adda taʼe qaban biratti fudhatama argachuu moo eenyummaa koo isa dhugaa eegee jiraachuu dha?’ jedhii of gaafadhu.

     “Warra kaan fakkaachuuf yaalii gochuun faayidaa hin qabu. Namoonni caalaatti akka si jaallatanis taʼe nama gaarii akka taatu si hin taasisu.”Jeemsi.

  •   Warra kaan biratti fudhatama argachuuf yaaluun eenyummaan kee akka dhokatu gochuu dandaʼa. Kun wanta warri kaan akka taatu barbaadan taʼuuf yaaluudhaan nama namoota biratti jaallatamuu barbaadu akka taatu si gochuu dandaʼa. Dargaggeessi Jeremii jedhamu tokko akkana jedheera: “Maqaa gaarii hin taane akkan qabaadhu kan godhu taʼu illee garee taʼe tokko biratti fudhatama argachuuf wantan dandaʼu hunda nan godhan ture. Kun immoo warri kaan akka na toʼatan godheera. Ashaangulliitii isaanii taʼeen ture.”

     TARKAANFII GAARII TAʼE: Akkuma gaararraa wanta naannoo ishiitti argamu fakkaachuuf halluu ishii jijjiirtuu taʼuu mannaa, ulaagaawwan amalaa kee beeki, akkasumas isaanii wajjin karaa wal simuun jiraadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Wanta hamaa hojjechuudhaan tuuta duukaa hin bu’in” jechuun isaa sirrii dha.—Baʼuu 23:2.

     “Wanta isaan jaallatan hunda, jechuunis muuziqaa, geemota, uffata, agarsiisawwanii fi miʼawwan miidhaginaa jaallachuuf yaalii godheera; walumaa galatti isaan taʼuuf yaalii godheera. Isaanis fakkeessaa akkan jiru waan hubatan natti fakkaata. Anas dabalatee namni hundi kana waan hubate natti fakkaata. Dhuma irratti gaddaa fi kophummaan natti dhagaʼame; sana booda eenyummaa koo illee nan wallaale. Sana booda wantan jaalladhuu fi wantan yaadu illee beekuun dadhabe. Nama hunda biratti fudhatama argachuus taʼe namni hundi na jaallachuu akka hin dandeenye hubadheera. Kana jechuun garuu michoota qabaachuuf yaalii gochuu hin qabdu jechuu miti; obsa qabaadhu, michoota horachuunis taʼe gaʼeessa taʼuun yeroo akka gaafatu yaadadhu.”—Meliindaa.

  •   Warra kaan biratti fudhatama argachuuf yaaluun amala kee balleessuu dandaʼa. Dargaggeessi Kiriis jedhamu tokko kun dhugaa taʼuu isaa durbii isaa irratti argeera. Kiriis akkana jedheera, “Durbiin koo warra kaan biratti fudhatama argachuuf qofa jedhee wantoota yeroo kaan hin raawwanne, kan akka qoricha sammuu hadoochufaa fudhachuu jalqabe. Achiis guutummaatti araada kanaan qabame; kun immoo jireenya isaa mancaasuu jala gaʼee ture.”

     TARKAANFII GAARII TAʼE: Namoota dubbiin isaaniis taʼe amalli isaanii gaarii hin taane irraa fagaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa; miiltoon gowwootaa garuu in bada” jedha.—Fakkeenya 13:20.

     “Yeroo tokko tokko carraaqqii gochuu fi warra kaan biratti fudhatama argachuuf yaalii gochuun gaarii dha. Haa taʼu malee, wanta sirrii akka taʼe beektu aarsaa gochuudhaan matumaa wanta akkanaa raawwachuu hin qabdu. Namoonni michoota gaarii siif taʼan eenyummaa kee isa dhugaadhaan si simatu.”—Meelaanii.

     Gorsa gaarii: Namoota haaraa wajjin wal baruu fi michuu isaan godhachuuf yommuu yaaltu warra fedhii akka keetii qaban qofa hin barbaadin. Namoota amalawwan gaggaarii ati qabdu qaban, jechuunis namoota karaa hafuuraa, karaa amalaa fi karaa naamusaa si fakkaatan barbaaddadhu.

    Uffanni tokko tokko si irraa hin bareedu taʼa. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni tokko tokkos amalawwan kee siif hin fooyyessan