Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Ergan Cuuphamee Booda Maal Gochuun Qaba?—Kutaa 1: Sochii Gootu Itti Fufi

Ergan Cuuphamee Booda Maal Gochuun Qaba?—Kutaa 1: Sochii Gootu Itti Fufi

 Qabeenyawwan gatii guddaa qaban, kanneen akka manaa ykn konkolaataa yeroo yerootti suphamuu barbaadu. Hariiroon Waaqayyoo wajjin qabdus kanaa wajjin wal fakkaata. Maarree hariiroo kana erga cuuphamtee booda caalaatti cimsachuu kan dandeessu akkamitti?

Mata duree kana keessatti

 Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu kee itti fufi

 Caqasa ijoo: “Hojii gaarii hundumaan firii godhachuu fi beekumsa sirrii waaʼee Waaqayyoo ibsuun [guddadhaa].”—Qolosaayis 1:10.

 Hiika isaa: Erga cuuphamtee booda, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kee fi wanta baratte irratti xiinxaluu kee itti fufuu qabda.—Faarfannaa 25:4; 119:97.

 Wanta eeguu qabdu: Yeroo tokko tokko, qoʼachuuf fedhii hin qabaatu taʼa. Qoʼachuun anaaf hin taʼu jettee yaadda taʼa.

 Wanta gochuu dandeessu: Mata dureewwan Kitaaba Qulqulluu caalaatti si hawwatan irratti gad fageenyaan qorannaa godhi. Sagantaa qoʼannaa dhuunfaa baʼaa sitti hin taane baafadhu. Yeroo qoʼannaa gootu, galmi kee jaalala Yihowaa fi Dubbii isaatiif qabdu guddifachuu dha. Qoʼannaan akkasii faayida qabeessaa fi gammachiisaa dha.—Faarfannaa 16:11.

 Gorsa gaarii: Qoʼannaa kee irraa guutummaatti fayyadamuuf, bakka tasgabbii qabuu fi wantoonni qalbiin kee akka hihhiramu godhan hin jirre filadhu.

 Gargaarsi dabalataa si barbaachisaa?

 Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kee itti fufi

 Caqasa ijoo: “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa.”—Filiphisiyus 4:6.

 Hiika isaa: Waaqayyoo wajjin dubbachuu jechuun, inni sitti dubbata, atis isaa wajjin dubbatta jedhuu dha: Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbistu isa dhaggeeffatta; yommuu isatti kadhannaa dhiheessitu immoo isaa wajjin dubbatta. Kadhannaan dhiheessitu irratti wanta barbaaddu gaafachuu malees, eebba argatteef galata isaaf dhiheessuu qabda.

 Wanta eeguu qabdu: Yeroo tokko tokko, kadhannaan dhiheessitu kan irra deddeebiʼame akka taʼe sitti dhagaʼama taʼa. Kana malees, Yihowaan dhugumaan kadhannaa kee akka dhagaʼu ykn kadhannaa ati dhiheessitu dhagaʼuu kan barbaaddu taʼuu isaa illee shakkuu jalqabuu dandeessa.—Faarfannaa 10:1.

 Wanta gochuu dandeessu: Guyyaa tokko keessatti wantoota kadhachuu dandeessu irratti yaadi. Haalli kee kadhannaa dheeraa dhiheessuuf yoo mijataa taʼuu baate, guyyaa keessatti gara boodaatti kadhachuuf karoora baafadhu. Wantoota si yaaddessan malees waaʼee wantoota namoota kaan barbaachisan kadhadhu.—Filiphisiyus 2:4.

 Gorsa gaarii: Kadhannaan kee kan irra deddeebiʼame akka taʼe yoo sitti dhagaʼame, waaʼee kanaa Yihowaa kadhadhu. Inni yaaddoo waaʼee kadhannaa qabdu dabalatee wantoota si yaaddessan hundumaa akka isatti himattu barbaada.—1 Yohaannis 5:14.

 Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa?

 Waaʼee amantii kee warra kaanitti himuu itti fufi

 Caqasa ijoo: “Ofii keetii fi barumsa barsiistuuf yeroo hunda xiyyeeffannaa kenni. . . . Kana yoo goote ofis taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita.”—1 Ximotewos 4:16.

 Hiika isaa: Waaʼee wantoota itti amantuu warra kaanitti yommuu himtu amantiin kees ni cima. Akka kanaan lubbuu kees taʼe lubbuu namoota si dhaggeeffatanii oolchuu dandeessa.

 Wanta eeguu qabdu: Yeroo tokko tokko, waaʼee wantoota itti amantuu warra kaanitti himuuf hin kakaatu taʼa. Keessumaa immoo mana barumsaatti akkas gochuun si sodaachisa taʼa.

 Wanta gochuu dandeessu: Miirawwan akka sodaa jiraniin kakaatee murtoo hin godhin. Phaawulos ergamaan, “Fedhii koo malee yoon [misiraachoo lallabe] illee, itti gaafatamummaan imaanaadhaan natti kennameera” jedhee barreesseera.—1 Qorontos 9:16, 17.

 Gorsa gaarii: Heyyama warra keetii gaafachuudhaan, nama si gargaaruu fi tajaajila irratti fakkeenya gaarii siif taʼu barbaaddadhu.—Fakkeenya 27:17.

 Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa?

 Walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irratti argamuu kee itti fufi

 Caqasa ijoo: “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu.”—Ibroota 10:24, 25.

 Hiika isaa: Adda durummaadhaan gara walgaʼii kan deemnu Yihowaa waaqeffachuufi. Haa taʼu malee, walgaʼiiwwan irratti argamuun faayidaawwan dabalataa lama argamsiisa. Tokkoffaa, namoota hidhata amantii kee taʼan irraa jajjabina argatta. Lammaffaa, walgaʼii irratti argamtee kutaa yommuu dhiheessituu fi yaada yommuu kennitu isaan jajjabeessita.—Roomaa 1:11, 12.

 Wanta eeguu qabdu: Yeroo tokko tokko walgaʼii irra utuu jirtuu waaʼee wantoota kan biroo yaaduu jalqabda taʼa. Kanaan kan kaʼes, barumsa gaarii dhihaachaa jiru utuu hin hubatin hafta taʼa. Yookiin walgaʼii hunda irratti argamuu dhiista taʼa. Kunis kan taʼe wantoota biroo kanneen akka hoj-manee mana barumsaa irratti xiyyeeffachaa waan jirtuuf taʼuu dandaʼa.

 Wanta gochuu dandeessu: Hoj-manee kee hojjechuu kan qabdu taʼus, yeroo hunda walgaʼii irratti argamuuf murtoo godhi, hamma siif dandaʼame barumsa kennamu irraa fayyadamuuf galma baafadhu. Harka baasuudhaan walgaʼii irratti yaada kenni. Walgaʼii booda, yoo xinnaate nama tokko hirmaannaa godheef galateeffadhu.

 Gorsa gaarii: Wanta walgaʼii irratti qoʼatamu dursii qophaaʼi. Appilikeeshinii JW Library® garagalfadhu, achiis wantoota walgaʼii hunda irratti fudhatamu argachuuf mata duree “Walgaʼiiwwan” jedhu ilaali.

 Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa?