Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Abbaan Ykn Haati Koo Yoo Dhukkubsatan Hoo?

Abbaan Ykn Haati Koo Yoo Dhukkubsatan Hoo?

 Dargaggoonni hedduun waa’ee warra isaanii kunuunsuu isaan hin yaaddessu. Sababiin isaas, yeroo baayʼee warri isaanii kan dhukkubsatan waggoottan hedduu booda dha.

 Taʼus ijoollee taatee utuu jirtuu abbaan ykn haati kee yoo dhukkubsatan hoo? Mee dargaggoota haalli akkasii isaan mudate lama haa ilaallu.

 Seenaa Imaalin

 Haati koo dhukuba Eelars-Daanlos siyndrom (EDS) jedhamuun dhiphatti. Dhibeen kun dhukkuba cimaa yeroo dheeraaf itti fufu si’a ta’u buusaa qaamaa, gogaa fi hidda dhiigaa irratti miidhaa geessisa.

 Dhibeen kun qoricha kan hin qabne si’a taʼu, waggoottan kurnan darbaniif dhukubni kun haadha kootti hammaachaa deemeera. Dhugaa dubbachuuf lakkoobsi seelii dhiigaa haadha koo gadi buʼuu isaatiin kan kaʼe, yeroo jireenyi ishii balaa irra bu’e ykn dhukkubni ishii baayʼee cimaa taʼuu isaatiin kan kaʼe duʼuu itti barbaadde jira.

 Anii fi maatiin koo Dhugaa Baatota Yihowaa dha, gumiin keenya madda jajjabina guddaa nuuf taʼeera! fakkeenyaaf, dhiheenyatti shamarreen umurii koo irra jirtu takka maatii koo baayʼee akka jaallattuu fi yeroo kamitti iyyuu yommuu gargaarsa barbaadnu ishii gaafachuu akka dandeenyu ibsuudhaan kaardii nuuf ergite. Michuu akkasii qabaachuun baayʼee namatti tola!

 Kitaabni Qulqulluun baayʼee na gargaareera. Fakkeenyaaf, caqasan jaalladhu keessaa inni tokko Faarfannaa 34:18 isa, “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha” jedhu dha. Kan biraan immoo Ibroota 13:6 isa, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu” jedhu dha.

 Keessumaa caqasni inni lammaffaa hiika addaa naaf qaba. Sodaan koo inni guddaan haadha koo duʼaan nan dhabaa laata isa jedhu dha. Baayʼeen ishii jaalladha, guyyaan ishii wajjin dabarsu hundumaafis nan galateeffadha. Caqasni kun fuulduratti wanti na mudatu maal iyyuu yoo taʼe amanannaa akkan qabaadhu na gargaareera.

 Garuu wantin sodaadhu kan biraanis jira. Dhibeen EDS sanyiidhaan namatti darba. Haati koo haadha ishii irraa qabamte ani immoo haadha koo irraan qabame. Kanaafuu anis dhibee EDS qaba. Taʼus Ibroonni 13:6 Yihowaan gama kanaanis “gargaaraa koo” akka taʼu naaf mirkaneessa.

 Haa taʼu malee, wanta darbe yaaduu ykn waa’ee gara fuulduraa yaaddaʼuu mannaa wantan amma qabu dinqisiifachuufan yaala. Humni harmee daangeffamuu isaatiin wanta amma raawwattu isa kanaan dura raawwachuu dandeessuu wajjin yoon wal bira qabe nan dhiphadha. Kitaabni Qulqulluun rakkinni nu irra ga’u abdii jireenya bara baraa dhibee irraa bilisa taʼe wajjin yommuu wal bira qabamu “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” akka taʼe dubbata.—2 Qorontos 4:17; Mulʼata 21:1-4.

 Wanta irratti yaadamuu qabu: Imaalin ilaalcha sirrii akka qabaattu wanti ishii gargaare maalidha? Ati hoo rakkinni yommuu si mudatu ilaalcha sirrii qabaattee itti fufuu kan dandeessu akkamitti?

 Seenaa Emiliiyi

 Yeroon mana barumsaa sadarkaa lammaffaa barachaa turetti abbaan koo dhiphachuu jalqabe. Akkuma waan Abbaan koo badee namni kan biraan bakka isaa bu’e fakkaata. Yeroo sanaa jalqabee abbaan koo gaddaan, sodaa sababii hin qabnee fi dhiphinaan rakkachaa jira. Dhiphina kanaan waggoota 15f rakkachaa jira. Sababii akka gaddu isa taasisu tokko illee akka hin qabne kan beeku taʼus, gaddaan liqimfamuun isaa akka isa dhiphisu ifa dha!

 Nuti Dhugaa baatota Yihowaa dha, gumiin nuti irratti hirmaannus baayʼee nu deggeraa jira. Obboloonni keenya gaarummaa qabu, nama hubatus, namni kam iyyuu abbaan koo gumichaaf akka hin barbaachisne akka isatti dhagaʼamu godhee hin beeku. Abbaan koo rakkina kana dandamachaa akka jiru arguun koo yoom iyyuu caalaa akkan isa jaalladhu na taasiseera.

 Abbaan koo akkuma isaa duraanii dhiphinaan kan hin liqimfamnee fi gammadaa akka taʼu nan barbaada. Guyyaa guyyaadhaan diina hin mulʼannee fi sammuu isaa keessa jiru wajjin walʼaansoo kan godhu taʼuun isaa baayʼee na gaddisiisa.

 Haa taʼu malee, ilaalcha sirrii qabaachuuf carraaqqii guddaa godha. Dhiheenya kana yeroo rakkisaa taʼe tokkotti, caqasni dubbisu muraasa taʼu illee Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisa. Kunis baayʼee isa jabeesseera. Barsiifanni akkasii salphaa fakkaatus jireenya namaa oolcha. Abbaa kootti akka Yeroo rakkisaa kanaatti boone hin beeku.

 Yaada Nahimiyaa 8:10 irra jiruu fi “gammachuun Yihowaa dahoo keessan” jedhu baayʼeen jaalladha. Yaanni kun dhugaadha. Gumii irratti argamuu, hirmaachuu fi dammaqinaan dhaggeeffachuun koo gammachuu naaf argamsiisa. Kun immoo yommuu garaa koo keessatti qaawwaan uumamu duuchuuf na gargaara. Guyyaa guutuu gammachuu naaf argamsiisa. Fakkeenyi abbaa kootii wanti na mudatu maal iyyuu yoo ta’e, Yihowaan yeroo hundumaa na gargaaruuf na cina akka jiru na barsiiseera.

 Wanta irratti yaadamuu qabu: Emiliiyi abbaan ishii yeroo dhukkubsatetti kan isa gargaarte akkamitti? Nama dhiphinaan rakkachaa jiru akkamitti gargaaruu dandeessa?