Dhimma ijoo ta'etti seeni

Cuuphaan Maalidha?

Cuuphaan Maalidha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Namni tokko cuuphamuudhaaf guutummaatti bishaan keessa gadi lixuu qaba. a Cuuphaawwan hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamaniiru. (Hojii Ergamootaa 2:41) Isaan keessa tokko cuuphaa Yesuus Laga Yordaanos keessatti cuuphamedha. (Maatewos 3:13, 16) Waggoota muraasa boodammoo, namni Itoophiyaa “bishaan” karaa inni irra deemaa jirutti dhihoo jiru tokko keessatti cuuphame ture.—Hojii Ergamootaa 8:36-40.

 Yesuus cuuphaan ulaagaa duuka buutonni isaa guutuu qaban akka taʼe barsiiseera. (Maatewos 28:19, 20) Pheexiros ergamaanis barumsa kana irra deebiʼee barsiiseera.—1 Pheexiros 3:21.

Mata duree kana keessatti

 Cuuphaa jechuun maal jechuudha?

 Cuuphaan wanta namni cuuphamu sun cubbuu isaa irraa yaada geddaratee guutummaatti fedha Waaqayyoo raawwachuuf waadaa galuu isaa namoota duratti ifatti argisiisuuf raawwatudha. Kun immoo karaa Waaqayyoo fi Yesuusiif akka ajajamnu argisiisuun jiraachuu dabalata. Namoonni cuuphaman daandii jireenya bara baraa irra deemuu jalqabaniiru jechuudha.

 Bishaaniin cuuphamuun mallattoo gaarii namni sun jireenya isaa irratti jijjiirama akka godhe argisiisudha. Akkas kan jennu maaliifi? Kitaabni Qulqulluun cuuphamuu awwaalamuu wajjin wal fakkeessa. (Roomaa 6:4; Qolosaayis 2:12) Namni tokko bishaan keessa gad lixuun isaa, jireenya isaa isa duraatiif duʼuu isaa argisiisa. Bishaan keessaa baʼuun isaammoo Kiristiyaana of murteesse taʼuudhaan jireenya haaraa jalqabuu isaa argisiisa.

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee daaʼima cuuphuu ykn kiristinnaa kaasuu maal jedha?

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee “kiristinnaa kaasuu” waan ibsu hin qabu. b Daaʼimman cuuphamuu akka qabanis hin barsiisu.

 Kitaabni Qulqulluun daaʼimman cuuphamuu akka qaban hin barsiisu. Kanaa mannaa, namni cuuphamuu barbaadu tokko ulaagaalee tokko tokko guutuu akka qabu barsiisa. Fakkeenyaaf, yoo xinnaate barumsawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo hubachuu fi barumsawwan sanaa wajjin haala walsimuun jiraachuu akka qabu barsiisa. Cubbuu isaa irraa yaada geddarachuu qaba. Akkasumas, kadhannaadhaan jireenya isaa Waaqayyoof murteessuu qaba. (Hojii Ergamootaa 2:38, 41; 8:12) Daaʼimman immoo kana gochuu hin dandaʼan.

 Maqaa Abbaa, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu jechuun maal jechuudha?

 Yesuus duuka buutota isaa, “Namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa; wanta ani isin ajaje hunda akka eeganis isaan barsiisaa” jedhee ajajeera. (Maatewos 28:19, 20) “Maqaa” Abbaa, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu jechuun aangoo Abbaa fi Ilmaa, akkasumas gaʼee hafuurri qulqulluun qabu hubachuu fi amananii fudhachuudhaan cuuphamuu argisiisa. Fakkeenyaan ibsuuf: Pheexiros ergamaan nama yeroo dhalatee kaasee naafa tureen, “Maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazireetiin kaʼiitii deemi!” jedhee ture. (Hojii Ergamootaa 3:6) Hiikni isaa ifadha—Pheexiros aangoo Kiristoos hubatee fi amanee fudhatee akka ture, akkasumas dinqiidhaan isa fayyisuu kan dandaʼu Yesuus taʼuu isaa dubbateera.

  •   “Abbaa” kan jedhame Yihowaadha. c Inni Uumaa, Madda Jireenyaa fi Waaqa Hundumaa Dandaʼu waan taʼeef aangoo guddaa qaba.—Uumama 17:1; Mulʼata 4:11.

  •   “Ilma” kan jedhame Yesuus Kiristoos isa lubbuu isaa nuuf jedhee dabarsee kennedha. (Roomaa 6:23) Gaʼee guddaa Yesuus kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu keessatti qabu yoo hubannee fi amannee yoo fudhanne malee fayyina hin argannu.—Yohaannis 14:6; 20:31; Hojii Ergamootaa 4:8-12.

  •   “Hafuura qulqulluu” kan jedhame humna Waaqayyoo isa hojii irra jiru dha. d Waaqayyo uumuuf, jireenya kennuuf, raajota isaa fi namoota kan birootti ergaa isaa dabarsuuf, akkasumas fedha isaa akka raawwatan humna isaan barbaachisu isaaniif kennuuf hafuura qulqulluutti fayyadameera. (Uumama 1:2; Iyyoob 33:4; Roomaa 15:18, 19) Kana malees, barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu yaada isaa akka galmeessan gochuuf hafuura isaatti fayyadameera.—2 Pheexiros 1:21.

 Siʼa tokko caalaa cuuphamuun cubbuudhaa?

 Namoonni hedduun amantii isaanii jijjiiruuf ni murteessu. Haa taʼu malee, kanaan dura waldaa keessa turan keessatti cuuphamaniiru yoo taʼehoo? Lammata cuuphamuun isaanii cubbuudhaa? Namoonni tokko tokko yaada Efesoon 4:5 irratti, “Gooftaa tokko, amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira” jedhame irratti hundaaʼanii eeyyee jedhanii deebisu. Haa taʼu malee, caqasni kun namni tokko deebiʼee cuuphamuu hin dandaʼu jechuu isaa miti. Akkas kan jennu maaliifi?

 Yaada naannoo isaa jiru. Yaanni naannoo Efesoon 4:5 jiru akka argisiisutti, Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni dhugaan wanta itti amananiin tokko taʼuun akka isaan barbaachisu ibsaa ture. (Efesoon 4:1-3, 16) Tokkummaan akkasii jiraachuu kan dandaʼu, Gooftaa tokko, jechuunis Yesuus Kiristoosiin yoo hordofan, amantii tokko yoo qabaatan ykn wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu ilaalchisee hubannaa tokko yoo qabaatan, akkasumas ulaagaalee cuuphaa Kitaaba Qulqulluu irratti caqasaman yoo hordofan qofadha.

 Phaawulos ergamaan namoonni cuuphamanii turan tokko tokko irra deebiʼanii akka cuuphan jajjabeessee ture. Kunis kan taʼe barumsa Kiristiyaanaa ilaalchisee hubannaa guutuu utuu hin qabaatin waan cuuphamaniif ture.—Hojii Ergamootaa 19:1-5.

 Cuuphaa sirriin cuuphaa akkamiiti? Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf, cuuphaan beekumsa dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. (1 Ximotewos 2:3, 4) Namni tokko barumsawwan amantaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu irratti hundaaʼee cuuphame yoo taʼe, cuuphaan isaa Waaqayyo duratti fudhatama hin qabu. (Yohaannis 4:23, 24) Namni sun kakaʼumsa gaarii kan qabu taʼullee, tarkaanfii kan fudhate ‘beekumsa sirrii irratti hundaaʼee’ miti. (Roomaa 10:2) Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf, dhugaa Kitaaba Qulqulluu barachuu, wanta barate hojii irra oolchuu, jireenya isaa Waaqayyoof murteessuu fi deebiʼee cuuphamuu qaba. Namni tokko haalawwan akkasii keessatti deebisee cuuphamuun isaa cubbuu miti. Kanaa mannaa, akkas gochuun isaa wanta sirrii raawwachuu qabudha.

 Cuuphaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kan biroo

 Kitaabni Qulqulluun cuuphaawwan kan biroo, cuuphaa bishaanii duuka buutonni Kiristoos cuuphan irraa hiika adda taʼe qaban caqaseera. Mee akka fakkeenyaatti muraasa isaanii haa ilaallu.

 Cuuphaa Yohaannis Cuuphaatiin raawwatame. e Yihudoonnii fi namoonni amantaa Yihudii fudhatan cubbuu Seera Musee cabsuudhaan, jechuunis Seera Waaqayyo Israaʼelotaaf karaa Musee kenne cabsuudhaan raawwatan irraa qalbii geddarachuu isaanii argisiisuuf cuuphamu turan. Cuuphaan Yohaannis namoonni Masiihicha, jechuunis Yesuus isa nama Naazireet akka beekanii fi akka fudhatan kan qopheessu ture.—Luqaas 1:13-17; 3:2, 3; Hojii Ergamootaa 19:4.

 Cuuphaa Yesuus. Yesuusiin kan cuuphe Yohaannis yommuu taʼu, cuuphaan isaa cuuphaa kaan irraa adda ture. Yesuus mudaa kan hin qabne waan tureef cubbuu tokko illee hin hojjenne. (1 Pheexiros 2:21, 22) Kanaaf, cuuphaan isaa qalbii geddarachuu ykn “qalbii gaarii argachuuf kadhannaa Waaqayyoof dhihaatu” kan dabalatu hin turre. (1 Pheexiros 3:21) Kana mannaa, akkuma Masiihicha ykn Kiristoosiin ilaalchisee raajiidhaan dubbatame, fedha Waaqayyoo raawwachuuf isaaf of dhiheessaa akka jiru kan argisiisudha. Kunis, nuuf jedhee lubbuu isaa kennuu kan dabalatudha.—Ibroota 10:7-10.

 Hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu. Yohaannisis taʼe Yesuus waaʼee hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu dubbataniiru. (Maatewos 3:11; Luqaas 3:16; Hojii Ergamootaa 1:1-5) Cuuphaan kun garuu maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu wajjin tokko miti. (Maatewos 28:19) Akkas kan jennu maaliifi?

 Duuka buutota Yesuus muraasa qofatu hafuura qulqulluudhaan cuuphama. Isaanis Kiristoosii wajjin samii irratti mootota taʼanii akka bulchanii fi lafa irratti luboota taʼanii akka tajaajilan waan waamamaniif hafuura qulqulluudhaan dibamaniiru. f (1 Pheexiros 1:3, 4; Mulʼata 5:9, 10) Duuka buutonni Yesuus miliyoonaan lakkaaʼamanii fi lafa Jannata taatu irra jiraachuuf abdii qaban isaan jalatti bulu.—Maatewos 5:5; Luqaas 23:43.

 Kiristoos Yesuusittii fi gara duʼa isaatti cuuphamuu. Namoonni hafuura qulqulluudhaan cuuphaman ‘Kiristoos Yesusittis cuuphamaniiru.’ (Roomaa 6:3) Kanaafuu, cuuphaan kun duuka buutota isaa dibamoo isaa wajjin samii irratti bulchaniif hojjeta. Yesuusitti cuuphamuudhaan miseensa gumii dibamtootaa taʼaniiru. Inni Mataadha, isaan immoo qaamadha.—1 Qorontos 12:12, 13, 27; Qolosaayis 1:18.

 Kana malees, Kiristiyaanonni dibamoon ‘duʼa Yesuusitti cuuphamaniiru.’ (Roomaa 6:3, 4) Fakkeenya Yesuus hordofuudhaan, fedhii ofii isaanii aarsaa gochuudhaan Waaqayyoof ni ajajamu, abdii bara baraaf lafa irra jiraachuuf qabanis aarsaa godhu. Yeroo duʼanitti cuuphaa fakkeenyaan ibsame kana xumuranii, uumamawwan hafuuraa taʼanii jireenya samiitiif duʼaa kaafamu.—Roomaa 6:5; 1 Qorontos 15:42-44.

 Ibiddaan cuuphamuu. Yohaannis Cuuphaan namoota isa dhaggeeffataniin akkana jedhee ture: “Inni [Yesuus] hafuura qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. Laayidaa ittiin qulleessu harkatti qabateera; oobdii isaa guutummaatti ni qulqulleessa; achiis qamadii isaa gootaraatti ni galcha, habaqii isaa garuu ibidda dhaamuu hin dandeenyeen guba.” (Maatewos 3:11, 12) Ibiddaan cuuphamuu fi hafuura qulqulluudhaan cuuphamuun garaa garummaa qaba. Yohaannis yeroo kana dubbatu maal jechuu isaa ture?

 Qamadiin namoota Yesuusiin dhaggeeffatanii fi isaaf ajajaman argisiisa. Namoonni akkasii abdii hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu qabaatu. Habaqiin immoo namoota Yesuusiin hin dhaggeeffanne argisiisa. Namoonni kun ibiddaan cuuphamu, jechuunis bara baraaf balleeffamu.—Maatewos 3:7-12; Luqaas 3:16, 17.

a Akka galmeen jechootaa Vineʼs Complete Expository Dictionary of Old and New Testament Words jedhamu kaaʼetti, jechi Afaan Giriikii “cuuphuu” jedhu, “bishaan keessa gad liccisuu fi guutummaatti bishaan keessa galchanii baasuu” argisiisa.

b Kiristinnaa kaasuun, sirna mana amantaa tokko tokko keessatti daaʼimmaniif maqaa erga baasanii booda, bishaan itti facaasuu ykn mataa irratti naquudhaan cuuphuu argisiisudha.

c Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyooti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

d Mata duree “Hafuurri Qulqulluun Maali Dha?” jedhu ilaali.

e Mata duree “Yohaannis Cuuphaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

f Mata duree “Gara Samii kan Deeman Eenyu Faʼi?” jedhu ilaali.

g Kana malees, Kitaabni Qulqulluun jecha “cuuphaa” jedhu miʼawwan waaqeffannaa wajjin walqabatan qulqulleessuu kanneen akka miʼawwan bishaan keessa cuuphuu wajjin wal qabsiisee ibsa. (Maarqos 7:4; Ibroota 9:10) Kun garuu cuuphaa Yesuusii fi duuka buutonni isaa cuuphaman irraa baayʼee addadha.