Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Akka hin Bututne Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Akka hin Bututne Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Akka bututte sitti dhagaʼamaa? Taanaan, mata dureen kun si gargaaruu danda’a!

 Kaʼumsi isaa maali dha?

  •   Hojii Baayʼee. “Shamarreen Juulii jedhamtu akkana jetteetti: “Kallattii jireenya keenya hundumaa keessatti, wanta caalaatti wayyuu akka hojjennu, akka of fooyyessinuu fi galma guddaa baafannee buʼaa caalaatti wayyu akka argannu dhiibbaan wal irraa hin cinne nu irratti godhama. Dhiibbaa wal irraa hin cinne akkasii keessa jiraachuun ulfaataa dha!”

  •   Teknooloojii. Bilbila ammayyaa, taableetii fi meeshaawwan kaan waan argannuuf, yeroo hunda itti fayyadamna, kunis yeroo booda nu dhiphisa, akkasumas nu butucha.

  •   Hirriba dhabuu. Shamarreen Miiraandaa jedhamtu akkana jetteeti: “Dargaggoonni hedduun barumsa, hojii fi bashannanaa wajjin haala wal qabateen yeroo baayʼee ganamaan kaʼu, akkasumas dhiisifatanii rafu. Haalli akkasii immoo yeroo baayʼee akka bututan godha.

 Si yaaddessuu kan qabu maaliifi?

 Kitaabni Qulqulluun jabaatanii hojjechuu ni jajjabeessa. (Fakkeenya 6:​6-8; Roomaa 12:11) Haa taʼu malee, fayyaan keenya akka hubamu gochuu dabalatee, wanta jireenya keessatti raawwannu hunda hamma dagannutti hojjechuu hin deggeru.

 “Yeroo tokko itti gaafatamummaan qabu hedduu irratti xiyyeeffadhee waanan tureef, guyyaa guutuu hagabuu koo akkan ooleen hubadhe. Yeroo sanaa kaasee nageenyi koo hamma balaadhaaf saaxilamutti, itti gaafatamummaa naa kennamu hunda fudhachuun gaarii akka hin taane baradheera.”​—Ashliin

 Kitaabni Qulqulluun, “Leenca duʼe irra saree jiru wayya” jechuun isaa sirrii dha. (Lallaba 9:4) Of dirqisiistee hojjechuun kee yeroo muraasaaf akka leencaa jabaa akka taate akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, of butuchuun kee fayyaa kee irratti miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa.

 Maal gochuu dandeessa?

  •   Lakki jechuu baradhu. Kitaabni Qulqulluun, “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jedha. (Fakkeenya 11:2) Namoonni gad of deebisan, humna isaanii waan beekaniif itti gaafatamummaa humna isaaniitii ol taʼe hin fudhatan.

     “Namni bututudhaaf saaxilamu namaa lakki jechuu hin dandeenye, jechuunis nama hojii isaaf kenname hunda fudhatu dha. Akkas gochuun gad of deebisuu miti. Kun immoo oolee bulee nama butuchuun isaa hin oolu.”​—Jordaan.

  •   Boqonnaa gaʼaa argachuu. Kitaabni Qulqulluun, “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya” jedha. (Lallaba 4:6) Hirribni “nyaata sammuu” jedhameera; haa taʼu malee, dargaggoonni hedduun hirriba halkanii saʼaatii sadeetii hanga kudhanii argachuu qaban hin argatan.

     “Yeroon sagantaa hedduu qabaadhutti hirriba gaʼaa rafuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko saʼaatiin dabalataa utuun hin rafiin hafe sun guyyaa itti aanutti hojii buʼa qabeessa hojjechuu fi gammachuu argachuuf baayʼee na barbaachisa.”​—Biruukiliin.

  •   Kan gurmooftan taʼaa. Kitaabni Qulqulluun, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba” jedha. (Fakkeenya 21:5) Yeroo kee fi sochii gootu karaa qindoomina qabuun itti fayyadamuu barachuun dandeettii jireenya kee guutuu si fayyadu dha.

     “Karoora baafachuun dhiphina ofitti fidnu hedduu hambisuu dandaʼa. Sagantaa baafattan of duraa qabaachuun keessan, bututuu irraa fagaachuuf iddoo kamitti sirreeffama gochuu akka dandeessan hubachuun akka isiniif salphatu godha.”​—Vaanessaa.