Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 2: Yeroon Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabu Maal Eeguun Qaba?

Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabuu—Kutaa 2: Yeroon Walitti Dhufeenya Jaalalaa Jalqabu Maal Eeguun Qaba?

 Namni wajjin wal barte tokko si hawwateera; hiriyoota gaaʼelaa gaarii walii taʼuu keessan murteessuuf walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuuf murteessitaniittu. Hariiroon keessan itti fufaa yommuu deemu maal eeguu qabdu?

Mata duree kana keessatti

 Amanamummaadhaan mariʼachuuf eegaa

 Atii fi namni ati walitti dhufeenya jaalalaa wajjin jalqabde yeroo waliin dabarsaa yommuu deemtan waaʼee walii keessanii wantoota hedduu beekaa deemtu. Wantoota beektan keessaa tokko haalawwan gara garaa ilaalchisee tarkaanfii namni sun fudhatu ilaaluudhaan amala nama sanaa beekuudha.

 Haa taʼu malee, wantoonni iftoominaan mariʼachuu qabdan tokko tokko jiru. Akkas kan gootan taanaan, kaayyoon keessan miira irratti utuu hin taʼin dhugaa irratti hundooftanii murtoo gochuu taʼa.

 Dhimmoonni lamaan keessan irratti mariʼattan wantoota armaan gadii kan dabalatan taʼuu qabu:

  •   Itti fayyadama maallaqa. Liqiin isin irra jiraa? Baasii kee toʼachuun sitti ulfaataa? Gaaʼela yoo godhattan, hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin galii fi baasii keessan irratti murtoo kan gootan akkamitti?

  •   Fayyaa. Fayya buleessadhaa? Kanaan dura dhibee fayyaa cimaan isin mudatee beekaa?

  •   Galmawwan. Jireenya keessan keessatti maal milkeessuu barbaaddu? Galmawwan keessan galmawwan nama walitti dhufeenya jaalalaa wajjin jalqabdan sanaa wajjin walsimuu? Erga gaaʼela godhattanii booda, haalli galmawwan keessan irra akka hin geenye isin dhowwu yoo uumame, gammachuu keessan eegdanii itti fufuu dandeessuu?

  •   Maatii. Yeroo ammaatti dirqamni maatii isin irra jiraa? Gara fuulduraattoo itti gaafatamummaan isin eeggatu akkasii jiraa? Ijoollee godhachuu barbaadduu? Taanaan meeqa?

 Dhimmoota akkasii irratti yeroo mariʼattan guutummaatti amanamoo taʼaa. Caalaatti gaarii fakkaattanii mulʼachuuf jettanii, dhugaa jiru hin dhoksinaa ykn hin jalʼisinaa.—Ibroota 13:18.

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Nama walitti dhufeenya jaalalaa wajjin jalqabdan sana ilaalchisee maal beekuu isin barbaachisa? Inni ykn ishiin hoo waaʼee kee maal beekuu qaba ykn qabdi? Ifatti dubbachuun lamaan keessan gaaʼela godhachuuf yoo murteessitan amanamummaadhaan mariʼachuuf kan isin qopheessu akkamitti?

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Tokkoon tokkoon keessan dhugaa [walitti] dubbadhaa.”—Efesoon 4:25.

 “Shamarran, ‘Tarii jiʼa jaʼa gidduutti wal kaadhimanna’ jedhanii yaadu taʼa; dhiironni garuu waggaa tokko booda yaadu taʼa. Kun immoo shamarran mufachiisuu fi dafanii murtoo gochuu akka qaban waan eeganiif isaan burjaajessuu dandaʼa. Lamaan isaanii iyyuu dhimma kana irratti maal yaadaa akka jiran beekuun isaanii baayʼee barbaachisaadha.”—Ariiʼanaa, erga gaaʼela godhattee waggaa tokko.

 Ilaalcha garaa garaa qabaachuu akka dandeessan eegaa

 Namoonni lama matumaa guutummaatti wal fakkaachuu hin dandaʼan. Kanaaf isinii fi namni walitti dhufeenya jaalalaa wajjin jalqabdan wanta hunda irratti akka walii galtan ykn dhimma tokko irratti ilaalcha wal fakkaataa akka qabaattan gootanii hin yaadinaa. Aadaa fi akkaataa guddinaa keessan dabalatee wantoonni tokko tokko ilaalcha keessan irratti jijjiirama fiduu dandaʼu.

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Wantoota xixinnoo irratti illee ilaalchi keessan garaa gara yommuu taʼu, lamaan keessan iyyuu hamma qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu ifa taʼe hin jiraannetti nagaadhaaf jecha wantoota tokko tokko dhiisuuf fedhii qabduu?

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan . . . kan beekame haa taʼu.”— Filiphisiyus 4:5.

 “Hammam illee akka wal fakkaattan yoo isinitti dhagaʼame, garaa garummaa qabaachuun keessan hin oolu. Walii galuun baayʼee barbaachisaa taʼus, amalawwan lamaan keessan yeroo gidduu keessanitti garaa garummaan uumamutti argisiistan caalaatti barbaachisoodha.”—Maatiwu, erga gaaʼela godhatee waggaa shan.

 Walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuun akka nama dhiphisu eegaa

 Walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuun yeroo keessan hedduu akka fudhatuu fi isin dhiphisuu akka dandaʼu beekamaadha. Maarree gama kanaan maaltu isin gargaaruu dandaʼa?

 Daangaa barbaachisaa tokko tokko kaaʼaa. Hamma itti gaafatamummaa keessan ykn michoota keessan kan biroo irraanfattanitti walitti dhufeenya jaalalaa jalqabdaniin garmalee hin qabaminaa. Alaanaa ishiin erga gaaʼela godhattee waggaa shan taʼe akkana jetteetti: “Erga gaaʼela godhattee booda illee michoonni kee si barbaachisu, atis isaan barbaachista. Amma walitti dhufeenya jaalalaa waan jalqabdeef qofa isaan hin dhiisin.”

 Yeroo gaaʼela godhattu, kutaawwan jireenyaa kee hunda irratti madaallii kee eeguun akka si barbaachisu hubadhu. Maarree amma utuma walitti dhufeenya jaalalaa jalqabdee jirtuu madaallii kee eeguuf maaliif carraaqqii hin gootu?

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Nama walitti dhufeenya jaalalaa wajjin jalqabde irraa yeroo hedduu fi xiyyeeffannaa daangaa isaa darbe eegaa jirtaa? Wanta hedduu ishii irraa eegaa ykn ishiin si irraa eegaa akka jirtu sitti dhagaʼamaa? Lamaan keessan iyyuu hariiroo isin gidduu jiruun akka isin hin nuffiisiisnee fi baʼaa akka isinitti hin taaneef madaallii keessan eeguu kan dandeessan akkamitti?

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba.”—Lallaba 3:1.

 “Hiriyoonni walitti dhufeenya jaalalaa jalqaban bohaartii irratti qofa kan waliin hirmaatan yoo taʼe, gaaʼelli abjuu isaanitti taʼa. Sochiiwwan guyyaa guyyaa, kanneen akka waliin gabaa dhaquu, hojii mana keessaa hojjechuu fi waaqeffannaa irratti waliin hirmaachuu qabu. Kunis gaaʼela isaaniitiif buʼuura cimaa kaaʼuuf isaan gargaara.”—Daaniʼel, gaaʼela erga godhatee waggaa lama.

 Walitti dhufeenya jaalalaa jalqabuun gaaʼela godhachuuf ykn hariiroo jaalalaa sana dhaabuuf murtoo gochuuf kan gargaaru taʼuu isaa yaadadhaa. Kutaa 3​ffaan mata duree kanaa wantoota yeroo murtoo gootanitti tilmaama keessa galchuu qabdan ibsa.