Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Warri Koo Jireenya Dhuunfaa Koo Keessa Akka hin Galle Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Warri Koo Jireenya Dhuunfaa Koo Keessa Akka hin Galle Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Warri jireenya dhuunfaa ijoollee isaanii keessa kan galan maaliifi?

 Warri kee kana kan godhan waan siif yaadaniif akka taʼe dubbatu. Ati garuu gar malee jireenya dhuunfaa kee toʼachuuf yaalii gochaa akka jiranitti yaadda. Fakkeenyaaf:

  •   Shamarreen umuriin ishii waggaa 17 taʼee fi Eeriin jedhamtu akkana jetteetti: “Abbaan koo bilbila koo na harkaa fuudhee, paaswordii koo na gaafata; achiis ergaa barreeffamaa koo hunda dubbisa. Isa dhowwuuf yoon yaale immoo, wantin isa dhokse waan jiru isatti fakkaata.”

  •   Deeniiz ishiin jalqaba umurii waggoota 20mmanii irra jirtu haati ishii nagahee bilbila bilbilamee sakattaʼaa akka turte ni yaadatti. Akkana jetteetti: “Lakkoofsota bilbilaa ani bilbile tokko tokkoon ilaaltee kan eenyu akka taʼee fi nama sanaa wajjin waaʼee maalii akka haasofne na gaafatti turte.”

  •   Shamarreen umuriin ishii 19 taʼee fi Keelaa jedhamtu haati ishii yaadannoo dhuunfaa ishii akka jalaa dubbiste dubbatteetti. Akkana jetteetti: “Achi irratti waaʼee ishii dabalatee waaʼee wantoota natti dhagaʼaman hedduu barreesseen ture! Sana booda garuu yaadannoo dhuunfaa barreessuun dhiise.”

 Yaada Ijoo: Warri kee nageenya kee eeguuf itti gaafatamummaan isaan irra jira; ati immoo akkaataa isaan itti gaafatamummaa isaanii kana itti raawwatan toʼachuu hin dandeessu. Yeroo tokko tokko gar malee akka si toʼatan sitti dhagaʼamaa? Taʼuu dandaʼa. Kan nama gammachiisu garuu, miira gar malee akka si toʼatan sitti dhagaʼamu hirʼisuuf wantoonni gochuu dandeessu jiru.

 Wanta gochuu dandeessu

 Iftoomina qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun ‘waan hundumaa irratti amanamummaadhaan akka jiraannu’ nu jajjabeessa. (Ibroota 13:18) Atis warra kee wajjin yeroo dubbatutti waan hundumaa irratti amanamaa taʼuuf carraaqqii godhi. Amanamummaa fi iftoominaan warra keetti dubbachaa yommuu deemtu, isaanis bilisummaa dabalataa siif kennaa deemu.

 Qabxiiwwan Irratti Yaadamuu Qaban: Amanamummaa ilaalchisee maqaa akkamii qabda? Saʼaatii siif murteeffametti manatti galtaa? Hiriyoonni kee eenyufaa akka taʼan warra keetti ni himtaa? Eessa akka dhaqxuu fi maal akka gootu hoo warra keetti ni himtaa?

  “Warri koo wantan barbaadu akka naaf godhan yoon barbaade, anis wanta isaan barbaadan gochuun qaba. Wantoota jireenya koo keessatti na mudatan isaanittan hima. Wanta isaan beekuu barbaadan hunda utuu hin dhoksin isaanittan hima; kun immoo akka na amanan waan godhuuf, gar malee jireenya dhuunfaa koo toʼachuuf hin yaalan.”—Deelyaa.

 Obsa qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa” jechuudhaan nu gorsa. (2 Qorontos 13:5) Warri kee akka si amanan gochuun yeroo gaafata, taʼus akkas gochuun kee si hin gaabbisiisu.

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Warri kees yeroo tokkotti dargaggoota turan. Kun taʼuun isaa akkaataa siin si toʼatan irratti dhiibbaa kan godhu sitti fakkaataa?

 “Warri dogoggora dargaggummaa isaaniitti raawwatan waan yaadataniif, ijoolleen isaaniis dogoggora sana irra deebiʼanii akka raawwatan kan hin barbaanne natti fakkaata.”—Daaniʼel.

 Miira warra kee hubachuuf yaali. Dhimmawwan tokko tokko bakka warra kee taʼuudhaan yaaduuf carraaqi. Kitaabni Qulqulluun, haati manaa kaamettiin “sochii maatii ishii ni toʼatti” jedha; abbaa gaariin immoo, ijoollee isaa “adabaa fi qajeelfama Yihowaatiin isaan guddisa.” (Fakkeenya 31:27; Efesoon 6:4, miiljalee) Kana raawwachuuf immoo warri dirqama waaʼee jireenya dhuunfaa kee beekuun isaan barbaachisa.

 Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Warra dargaggoota umurii kurnanii keessa jiran beekan utuu taatee, jireenya ijoollee kee keessa utuu hin galin jireenya dhuunfaa isaanii irratti bilisummaa guutuu akka qabaatan ni heyyamta turtee?

  “Umurii kurnanii keessa yeroon turetti warri koo jireenya dhuunfaa koo keessa akka galan natti dhagaʼama ture. Amma yeroon umurii kurnanii irra darbu garuu, sababii warri koo akkas itti godhan naa galeera. Akkas kan godhan waan na jaallataniifi.”—Jeemsi.