Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Lubbuudhaan Jiraachuun Yoo Na Jibbisiise Hoo?

Lubbuudhaan Jiraachuun Yoo Na Jibbisiise Hoo?

 “Waggoota muraasa dura, gar malee dhiphachaa waanan tureef akkuma waan ibidda guyyaa guyyaadhaan bobaʼu dhaamsuuf dhamaʼutti natti dhagaʼama ture. Yeroo sanatti of ajjeessuuf yaadaan ture. Dhugaa isaa dubbachuuf duʼuu hin barbaadu. Duʼuu kanan barbaadu garuu dhiphina natti dhagaʼamu irraa furmaata gochuufi.”—Joonaataan, 17.

 Qorannoo barattoota sadarkaa lammaffaa 14,000 taʼan irratti godhameen, ijoollee 5 keessaa tokko jiʼoota 12 darban keessatti waaʼee of ajjeesuu yaadanii akka turan ifatti dubbataniiru. a Atis lubbuudhaan jiraachuun yoo si jibbisiise, maal gochuu dandeessa?

  •   Obsi. Fedhii sitti dhagaʼame ilaalchisee daftee tarkaanfii akka hin fudhanne murteessi. Rakkoon si mudate humna keetii ol akka taʼe kan fakkaatu taʼu illee, filannoowwan rakkoo sana dandamachuuf si gargaaruu dandaʼan jiraachuu dandaʼu.

 Rakkoon si mudate furmaata akka hin qabaanne sitti dhagaʼama taʼa. Miirri sitti dhagaʼamu garuu yeroo hundumaa sirrii dha jechuu miti. Karaawwan haala sana itti dandamattu jiraachuu dandaʼa; gargaarsa yeroo sirrii taʼetti siif kennameen daftee furmaata argachuu dandeessa.

  •  Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Nuti karaa hundumaan gad dhiibamna, garuu sochoʼuu hin dadhabnu; ni burjaajofna, garuu karaa itti keessaa baanu hin dhabnu.”—2 Qorontos 4:8.

     Yaada: Miirri akka of ajjeestu sitti dhagaʼamu cimaa kan taʼee fi irra deddeebiʼee kan sitti dhagaʼamu yoo taʼe, karaa itti gargaarsa argattu, jechuunis toora bilbilaa namoota of ajjeessuuf yaadan gargaaruuf qophaaʼe ykn mana yaalaa kutaa hatattamaa taʼuu dandaʼa qunnamuuf yaalii godhi. Bakkawwan kana namoonni gargaarsa kennuuf leenjii argatan hedduun jiru, namoonni kun si gargaruufis fedhii guddaa qabu.

  •   Namatti himadhu. Namoonni siif yaadanii fi si gargaaruu barbaadan hedduun jiru. Namoonni kun michoota kee fi miseensota maatii kee yoo isaanitti himte malee haala ati keessa jirtu hubachuu hin dandeenye kan dabalatani dha.

 Namoonni tokko tokko wantoota tokko tokko sirriitti ilaailuuf fuulleen ijaa isaan barbaachisa. Haaluma wal fakkaatuun, michuun kee tokko rakkoowwan si mudatan irratti sirriitti akka yaadduu fi fedhii lubbuudhaan jiraachuuf qabdu deebistee akka argattu si gargaaruu dandaʼa.

  •  Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Michuu dhugaan . . . yeroo dhiphinaatiif dhalate.”—Fakkeenya 17:17.

     Yaada: Maree jalqabuuf akkana jechuu dandeessa: “Amma amma yaada baayʼee dogoggora taʼetu natti dhagaʼama. Wanta natti dhagaʼamu utuun sitti himee sitti tolaa?” Yookiin akkana jechuu dandeessa: “Rakkinni ofuma kootiin furuu hin dandeenye na mudateera. Na gargaaruuf fedhii qabdaa?”

  •   Ogeessa fayyaa bira dhaqi. Dhibeen fayyaa kan akka dhukkuba dhiphinaa namoonni lubbuudhaan jiraachuuf fedhii akka dhaban gochuu dandaʼa. Kan nama gammachiisu haalli akkasii walʼaansa yaalii fayyaatiin fayyuun ni dandaʼama.

 Akkuma utaalloon fedhii nyaataa akka dhabdu taasisu, dhukkubni dhiphinnaas jiraachuuf fedhii akka dhabdu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, lamaanuu walʼaanamuu kan dandaʼani dha.

  •  Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.”—Maatewos 9:12.

     Yaada: Hiriba gaʼaa rafi, sochii qaamaa godhi, akkasumas nyaata madaalamaa nyaadhu. Haalli fayyaa kee ilaalcha jireenyaaf qabdu irratti jijjiirama fiduu dandaʼa.

  •   Kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun Uumaa keenya ilaalchisee, “Garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka” jedha. (1 Yohaannis 3:20) Maarree harʼa maaliif gara isaatti kadhannaa hin dhiheessitu? Maqaa isaa isa Yihowaa jedhutti fayyadamuudhaan miira sitti dhagaʼamu isatti himadhu.

 Baʼaawwan tokko tokko kophaa kee baachuun gar malee sitti ulfaata. Yihowaa inni Uumaa kee taʼe immoo si gargaaruu barbaada.

  •  Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu karaa Kiristoos Yesuus garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”—Filiphisiyus 4:6, 7.

     Yaada: Yihowaatti rakkoo si mudate himuu qofa utuu hin taʼin, wanta gaarii harʼa isa galateeffachuu itti dandeessu keessaa yoo xinnaate tokko irratti yaaduuf carraaqqii godhi. (Qolosaayis 3:15) Kan galateeffattu taʼuun kee, wantoota gaarii jireenya keessatti argatte irratti xiyyeeffachuuf si gargaara.

 Lubbuudhaan jiraachuuf fedhii akka hin qabne kan amantu yoo taʼe, gargaarsa argachuuf carraaqqii godhi. Kana kan dubbate Joonaataan isa olitti caqasamee ture dha. Akkana jedheera: “Warra koo wajjin yeroo hedduu mariʼachuu fi gargaarsa yaalii fayyaa argachuun na barbaachisee ture. Taʼus amma baayʼee bayyaannachaan jira. Amma illee yeroon itti gaddu jiraatus, miira akkan of ajjeesu natti dhagaʼamuu wajjin qabsoo gochuu irraa furameera.”

a Qorannaan kun kan geggeeffame bara 2019 Giddu Gala Eegumsa Fayyaa fi Ittisa Dhukkubaa Yuunaayitid isteetisitti dha.