Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Gargar Baʼuu Qabnaa? (Kutaa 2)

Gargar Baʼuu Qabnaa? (Kutaa 2)

 Tokkoffaa, marii gochuuf haala mijataa taʼe filadhu. Kun maal taʼuu dandaʼa? Mee, ati namoonni akkamiittiin utuu si qaban akka barbaaddu yaadi. (Maatewos 7:12) Wanti akkasii namoota duratti akka sitti himamu ni barbaaddaa? Akka hin barbaanne beekamaa dha.

 Haalli isaa mijataa miti yoo taʼe malee, karaa bilbila ergaa galmeessuu, karaa ergaa gabaabaa ykn iimeeliitiin hariiroo sana addaan kutuun hin filatamu. Kanaa mannaa, yeroo fi iddoo dhimma cimaa kana mariʼachuuf si dandeessisu filadhu.

 Yeroon itti dubbattu yommuu gaʼu maal jechuu qabda? Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni walii isaanitti ‘dhugaa akka dubbatan’ jajjabeesseera.—Efesoon 4:25.

 Kanaafuu, karaan hunda caalaa gaarii taʼe, malaa fi ejjennoo cimaa qabaachuu dha. Hariiroon kun siif taʼuu akka hin dandeenye maaliif akka sitti dhagaʼame ifatti dubbadhu.

 Dogoggora jiru hundumaa tarreessuun ykn wanta ati hin jaallanne dubbachuun si hin barbaachisu. Eeyyee, “Ati kana hin gootu,” ykn “Ati matumaa kana gootee hin beektu” jechuu mannaa, jechoota wanta sitti dhagaʼamu ibsan irratti xiyyeeffachuun gaarii dha; “Ani kanan barbaadu nama . . . dha” ykn Sababii . . . tiin kan kaʼe, hariiroo keenya addaan kutuu akka qabnu natti dhagaʼameera.”

 Kun yeroo itti ejjennoo kee jijjiirtu ykn yaada nama kan biraatiif harka laattu miti. Hariiroo kana addaan kutuuf kan filatte sababii cimaadhaan kan kaʼe taʼuu isaa yaadadhu. Kanaafuu, jaalalleen kee haxxummaadhaan yaada kee si jijjiirsisuuf akka hin yaalle of eeggadhu. Shamarreen Loorii jedhamtu akkas jetteetti: “Hariiroo keenya ergan addaan kutee booda, jaalalleen koo duraanii, yeroo hundumaa waan dhiphate fakkaatee mulʼachuu jalqabe. Akkas kan godhe akkan isaaf gadduuf jedhee akka taʼe natti dhagaʼama. Anis miirri balleessaa natti dhagaʼame. Taʼus, amalli inni argisiisu murtoon godhe akka na jijjiirsisu hin heyyamne.” Akkuma Loorii isinis maal akka barbaaddan beekaa. Murtoo keessan jabeessaa qabadhaa. Lakkiin keessan lakkii haa taʼu.Yaaqoob 5:12.