Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 3: Duubatti Akkan Jedhu Kan Na Godhu Maali Dha?

Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 3: Duubatti Akkan Jedhu Kan Na Godhu Maali Dha?

 Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuun si sodaachisaa? Taanaan, mata dureen kun sodaa kee moʼuuf si gargaara.

Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼanna:

 Ergan cuuphamee booda cubbuu cimaa yoon raawwadhe hoo?

 Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi? Tarii nama cubbuu cimaa raawwatee gumiidhaa baafame beekta taʼa. (1 Qorontos 5:11-13) Atis kun narra gaʼuu dandaʼa jettee yaaddofta taʼa.

 “Yommuun jalqaba cuuphamuu yaadetti dogoggora cimaa raawwachuu nan dandaʼa jedhee sodaadheen ture. Dogoggora akkasii raawwachuun koos warra koo qaanessuu dandaʼa jedheen sodaadhe.”—Ribeekaa.

 Caqasa ijoo: “Namni hamaan daandii isaa . . . haa dhiisu; dhiifamni isaa guddaa waan taʼeef, gara Yihowaa isa gara laafina itti argisiisutti, gara Waaqa keenyaatti haa deebiʼu.”—Isaayyaas 55:7.

 Waaʼee kanaa gad fageenyaan yaadi: Namoonni cubbuu raawwatan gumiidhaa kan baafaman taʼus, Yihowaan namoota gad of qabuudhaan yaada geeddaratanii fi sirreeffama isaaniif kenname fudhataniif dhiifama ni godha.—Faarfannaa 103:13, 14; 2 Qorontos 7:11.

 Kana malees, dhugaan jiru kana dha: Cubbuu kan dhaalte taatus, gargaarsa Waaqayyootiin qorumsa moʼuu ni dandeessa. (1 Qorontos 10:13) Kana malees, cubbuu raawwachuu fi dhiisuuf kan murteessu si dha malee nama kan biraa miti.

 “Ergan cuuphamee booda dogoggora cimaa raawwachuu nan dandaʼa jedheen sodaadha ture, yeroo booda garuu dogoggora kan taʼu cuuphamuu dhiisuu koo akka taʼen hubadhe. Wanta bor taʼu ykn taʼuu dhiisu dandaʼu sodaadhee wantan harʼa gochuu qabu dhiisuu akkan hin qabne hubadheera.”—Kaaran.

 Yaada ijoo: Yoo murteessite akkuma tajaajiltoota Yihowaa hedduu cubbuu raawwachuu irraa fagaachuu ni dandeessa.—Filiphisiyus 2:12.

 Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa? Mata duree “Qorumsa Moʼuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu dubbisi.

 Itti gaafatamummaa cuuphamuun fidu fudhachuu yoon sodaadhe hoo?

 Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi? Fakkeenyaaf, dargaggoota tajaajila Yihowaadhaaf dhiheessan balʼifachuuf maatii fi michoota isaanii irraa fagaatanii deeman beekta taʼa. Atis ‘namoonni akkas akkan godhu barbaadu’ jettee yaaddofta taʼa.

 “Kiristiyaanni tokko yeroo cuuphamu tajaajila Yihowaa keessatti wanta dabalataa raawwachuuf gaʼumsa ni qabaata, garuu namoonni tokko tokko akkas gochuuf qophaaʼoo miti ykn haalli isaanii isaaniif hin heyyamu.”—Meerii.

 Caqasa ijoo: “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.”—Galaatiyaa 6:4.

 Waaʼee kanaa gad fageenyaan yaadi: Namoota kaanii wajjin wal bira of qabuu mannaa Maarqos 12:30 isa “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan . . . jaalladhu” jedhu irratti xiyyeeffadhu.

 Garaa guutuudhaan Yihowaa kan tajaajilu sidha malee namni kan biraa sii tajaajiluu hin dandaʼu. Garaadhaa Yihowaa kan tajaajiltu yoo taʼe hamma humna kee isa tajaajiluuf ni carraaqxa.

 “Cuuphaan wanta akka salphaatti ilaalamu taʼuu baatus, baʼaa ulfaataa miti. Namoonni wajjin ooltu namoota gaarii yoo taʼan si gargaaruu dandaʼu. Suutuma suuta itti gaafatamummaa fudhachuun kee gammachuu siif argamsiisa. Cuuphamuu dhiisuun kee garuu si miidha.”—Juliyaa.

 Yaada ijoo: Dinqisiifannaa jaalala Yihowaan sitti argisiiseef qabdu guddifadhu. Kun immoo wanta dandeessu hunda isaaf gochuuf si kakaasa.—1 Yohaannis 4:19.

 Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa? Mata duree, “Ani nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu dhaa?” jedhu dubbisi.

 Yihowaa tajaajiluuf gaʼumsa akka hin qabne yoo natti dhagaʼame hoo?

 Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi? Yihowaan Bulchaa uumama cufaa ti; nuti immoo isa biratti yeroo ilaalamnu wayittuu kan lakkaaʼamnu miti! Kanaaf, Yihowaan jiraachuu kee illee waan beeku sitti hin fakkaatu taʼa.

 “Warri koo Dhugaa Baatota Yihowaa waan taʼaniif, hariiroon Yihowaa wajjin qabu isaan irraan dhaale malee Yihowaan dhuunfaatti gara isaatti akka na hin harkisne natti dhagaʼama ture.”—Naataalii.

 Caqasa ijoo: “Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu.”—Yohaannis 6:44.

 Waaʼee kanaa gad fageenyaan yaadi: Cuuphamuuf yaaduun kee iyyuu Yihowaan caalaatti michuu isaa akka taatuuf ofitti harkisaa akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Maarree affeerraa kana fudhachuu ni barbaaddaa?

 Namoota ofitti harkisuu barbaadu kan filatu Yihowaadha malee sii ykn namoota kan biraa akka hin taane yaadadhu. Kana malees, Dubbiin isaa “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan kana nuu mirkaneessa.—Yaaqoob 4:8.

 “Waaʼee Yihowaa beekuun kee fi gara isaatti harkifamuun kee inni akka si jaallatu kan argisiisu dha. Yeroo gatii akka hin qabne sitti dhagaʼamutti inni garuu bakka guddaa akka siif kennu yaadadhu. Yihowaan yeroo hunda sirriidha.”—Seliinaa.

 Yaada ijoo: Ulaagaa Kitaaba Qulqulluu cuuphamuuf barbaachisu yoo guutte, Yihowaa waaqeffachuuf gaʼumsa qabda jechuu dha. Hunda caalaa immoo, waaqeffannaan kee Yihowaadhaaf kan malu taʼuu isaa yaadadhu.—Mulʼata 4:11.

 Gargaarsa dabalataa ni barbaaddaa? Mata duree “Kadhannaan Faayidaa Qabaa?” jedhu dubbisi.