Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Harʼa Boru Jechaa Hojii Tursuu Dhiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Harʼa Boru Jechaa Hojii Tursuu Dhiisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Hojii mana keessaa fi hoji manee yeroo hunda saʼaatii dhumaatti xumuruun si nuffisiiseeraa? Wanta hojjetamu boriif kaaʼuu dhiisuun si barbaachisa. Mata dureen kun haalawwan armaan gadii yommuu si mudatanitti illee harʼa boru jechaa hojii tursuu akka dhiistu si gargaara,

Mata duree kana erga dubbistee booda  gaaffii siif qopheessine deebisi.

 Kitaabni Qulqulluun harʼa boru jechaa hojii tursuun miidhaa gaddisiisaa akka fidu ibsa. Akkana jedha: “Namni yeroo hundumaa qilleensa gaarii eeggatu sanyii facaasuu hin danda’u; namni yeroo hundumaa gara duumessaa ilaalus midhaan isaa makarachuu hin danda’u.”—Lallaba 11:4.

 Mee wantoota rakkina kanaaf sababa taʼan tokko tokkoo fi harʼa boru jechaa hojii tursuu dhiisuuf maal gochuu akka dandeessu ilaali.

 Hojichi humnaa ol akka taʼe yeroo sitti dhagaʼamutti.

 Dhugaa isaa dubbachuuf, hojiiwwan tokko tokko baayʼee ulfaatoo waan taʼaniif yeroo kan biraatiif dabarsuun nutti salphata. Akkana taanaan yaadawwan gaggaarii muraasa armaan gaditti argaman ilaali.

  •   Hojicha muraasa muraasa godhii qoqqoodi. Shamarreen Melisaa jedhamtu, “Hojicha turee kanan jalqabe akka taʼe yoon beeke iyyuu, jala jalaan yeroo tokkotti wanta tokko hojjechuudhaan hojicha xumuruufan yaala” jetteetti.

  •   Dafii jalqabi. “Wanta raawwachuuf yaadde keessatti galmeessuu ykn wanta sana akka hin irraanfannetti yaadawwan muraasa yaadannoo xiqqoo irratti qabachuudhaan, hojichi akkuma si gaʼeen jalqabi.”—Veeraa.

  •   Gargaarsa gaafadhu. Warra kee fi barsiisota kee rakkinni akkanaa isaan mudateera taʼa. Muuxannoo isaanii irraa barumsa argachuu dandeessa. Yaada kee akka gurmeeffattuu fi karoora akka baafattu si gargaaruu dandaʼu.

 Gorsa gaarii “Sagantaa baafadhu. Kana gochuun gurmaaʼina qabaachuu fi sagantaa kee hordofuuf murteessuu akka gaafatu beekamaa dha; haa taʼu malee, wanta hunda yeroo hojjetamuu qabutti raawwachuuf waan si gargaaruuf kun mala gaarii dha.”—Abii.

 Kakaʼumsa akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame.

 Yeroo baayʼee, hojiiwwan tokko tokko ulfaataa kan sitti taʼan hojiiwwan sun kan nama nuffisiisan akka taʼan waan sitti dhagaʼamuuf taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, hojiin of harkaa qabdu kan nama hin gammachiisne akka taʼe yoo sitti dhagaʼame maal gochuu dandeessa? Wantoota armaan gadii gochuuf yaali.

  •   Sababa hojicha dursitee itti hojjechuu qabdu irratti yaadi. Fakkeenyaaf, mee gammachuu wanta tokko yommuu xumurtu sitti dhagaʼamu irratti yaadi. Shamarreen Eemii jedhamtu, “Wanta tokko yeroo isaatti hojjedhee yommuun xumuru ykn sagantaan baafadhe dursee yeroon xumuruu fi dhuma irratti boqochuu akkan dandaʼu yeroon yaadu baayʼeen gammada” jetteetti.

  •   Miidhaawwan isaa irratti yaadi. Boodatti hafuun kee dhiphina sitti dabaluu malees, carraawwan milkaaʼina siif argamsiisan si dhabsiisa. Kitaabni Qulqulluun, “Namni waanuma facaase sana haammata” jedha.—Galaatiyaa 6:7.

  •   Guyyaa itti xumuruu qabdu irra dursitee xumuruuf yaali. Shamarreen Aliisiyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Hojiin tokko guyyaa itti xumuramu irraa guyyaa tokko ykn lama dura xumuramuu akka qabu godhee of amansiisuun koo na gargaareera. Achiis irra deebiʼee ilaaluu fi guyyaa tokko lama hambifachuu nan dandaʼa” jetteetti.

 Gorsa gaarii “Hundumaa dura ilaalcha akkanaa qabaachuuf sammuu kee amansiisi. Wanta hojjetamuu qabu hojjechuu fi wanti kam iyyuu yoo si mudate hojicha raawwachuu akka dandeessu of amansiisi. Akkana jedheen yoo of amansiise wantan raawwachuu qabu nan raawwadha.”—Aleeksiis.

 Hojiin akka malee yoo sitti baayʼate.

 Gurbaan Naataan jedhamu tokko, “Namoonni yeroo baayʼee isa harʼa boru jedhee hojii tursu” naan jedhu; “Kun garuu sirrii miti! Hojiin hammam akka natti baayʼatu isaaniif hin galu” jedheera. Akka Naataan kan isinitti dhagaʼamu yoo taʼe gorsa armaan gadii hojii irra oolchuuf yaali.

  •   Hojii sasalphaa taʼe irraa jalqabi. Shamarreen Aamber jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroo taʼe tokkotti namni tokko hojiin tokko daqiiqaa shanii gaditti kan xumuramu yoo taʼe yeruma sana hojjechuu akkan qabu na barsiisee ture. Kunis mana qulqulleessuu, uffata fannisuu, miʼa nyaataa dhiquu, akkasumas bilbila bilbiluu kan dabalatu dha.”

  •   Wanta dursuu qabu murteessi. Kitaabni Qulqulluun, ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaa beeka’ jedha. (Filiphisiyus 1:10) Yaada kana akkamitti hojii irra oolchuu dandeessa? Shamarreen Aanaa jedhamtu, “Hojiin qabu hundumaa fi yeroo itti raawwatamuu qabu galmeesseen qabadha. Hunda caalaa garuu tokkoon tokkoon hojii sanaa yoom hojjechuu fi xumuruu akkan yaade galmeessee qabachuun koo caalaatti na gargaareera” jetteetti.

 Kun bilisummaa akka si dhabsiisu sitti dhagaʼamaa? Mee dhimma kana irratti yaadi! Dhugaa dubbachuuf, sagantaa yommuu baafattu yeroon kee akka si toʼatu heyyamuu mannaa ati yeroo kee ni toʼatta. Kun immoo dhiphina kee ni hirʼisa. Shamarreen Keelii jedhamtu, “Sagantaa qabaachuun koo akkan tasgabbaaʼuu fi ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na taasisa” jetteetti.

  •   Wantoota yaada kee hihhiran irraa fagaadhu. Janiifar akkana jetteetti: “Hojii koo yommuun jalqabu namoota mana koo keessa jiran hundumaattan hima. Wanti akkan isaaniif godhu barbaadan jira taanaan, hojii koo jalqabuu koo dura akka natti himan isaanan gaafadha. Kana malees bilbila koo fi sagalee ergaa iimeelii naaf ergame dhageessisu nan cufa.”

 Gorsa gaarii “Hojii sana yoo hojjettan malee, wanti hojjechuu qabdan isin jalaa hin deemu. Utuu hin hojjetin haftanii yaaddaʼuu mannaa, hojicha hojjedhaa. Sana booda boqochuu dandeessu.”—Joordaan.