Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Warri Koo Weebsaayitii Hawaasaatti Akkan Fayyadamuu Yoo Naa Heyyamuu Baatan Maalan Godha?

Warri Koo Weebsaayitii Hawaasaatti Akkan Fayyadamuu Yoo Naa Heyyamuu Baatan Maalan Godha?

 Tarii hiriyoonni kee hundi weebsaayitii hawaasaa fayyadamu, yeroo hundas waaʼee isaa odeessu taʼa. Ati akkaawuntii waan hin qabneef sitti qoosu taʼa. Haala kana ilaalchisee maal beekuu qabda? Wanti gochuu dandeessuhoo jiraa?

Wanta Beekuu Qabdu

 Akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Warri hedduun ijoolleen isaanii weebsaayitii hawaasaa akka fayyadaman isaaniif hin heyyaman. Weebsaayitii hawaasaatti fayyadamuun wantoota armaan gadii kan fidu taʼuu isaa hubatanii taʼuu dandaʼa:

  •   dhukkuba dhiphinaa fi dhibeewwan sammuu wajjin walqabatan kan biraa.

  •   poornoogiraafii, akkasumas ergaa, suuraa ykn viidiyoo saalqunnamtii jajjabeessuu fi karaa intarneetii miidhaa isaan irra gaʼuuf isaan saaxila.

  •   michoota gidduutti walitti buʼiinsi akka uumamu godha.

 Ijoolleen umurii kurnanii irra jiran hedduun weebsaayitii hawaasaa fayyadamuu dhiisuuf filataniiru. Ofuma isaaniitiin faayidaa isaa irra, miidhaan geessisu akka caalu hubataniiru. Muuxannoowwan jireenyaa kana ilaali:

  •   Piriisiilaan yeroo karaa buʼa qabeessa taʼeen itti fayyadamuu dandeessu akka ishii jalaa fudhate ishiitti dhagaʼameera.

  •   Jeermiin wantoota sirrii hin taanee fi karaa weebsaayitii hawaasaa isaa dhufan toʼachuu dadhabuun isaa isatti hin tolle.

  •   Bitaaniin wanta namoonni kaan raawwatan irratti garmalee akka xiyyeeffatu akka ishii taasisu hubatteetti.

 “Appilikeeshinii weebsaayitii hawaasaa koo balleessuufan murteesse, akkas gochuu kootiinis gammachuutu natti dhagaʼama. Wanti tokko akka natti hafe natti hin dhagaʼamu; wanta anaaf caalaatti barbaachisaa taʼe irratti xiyyeeffachuuf yeroo dabalataa argadheera.”—Siyeeraa.

 “Weebsaayitiin hawaasaa araada natti taʼuun isaa fi deebii namoonni wantan intarneetii irratti gadhiiseef kennan na yaaddessuun isaa natti hin tolle. Akkaawuntii koo balleessuun salphaa hin turre, akkuman balleesseen garuu boqonnaa guddaatu natti dhagaʼame. Amma isa malee nagaa hedduun qaba.”—Kaatee.

Wanta gochuu dandeessu

 Seerawwan warri kee baasaniif ajajami. Utuu hin aarin ykn utuu hin gungumin seera isaan baasaniif ajajamuudhaan akka bilchaatte isaanitti argisiisi.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni gowwaan, yaada aarii garaa isaatii hundumaa in dubbata, namni ogeessi garuu in obsa, of qabaas in dubbata.”—Fakkeenya 29:11, Hiika Bara 1997.

 Namoonni tokko tokko warri kee utuu hin beekin weebsaayitii hawaasaa akka fayyadamtu ykn iccitiidhaan akkaawuntii akka baafattu si gorsu taʼa. Kun dogoggoradha! Amanamaa utuu hin taʼin hafuun kee si dhiphisuu fi akka of ceephaatu si gochuu dandaʼa. Yoo si irratti beekan immoo rakkina irra buuta, akkasumas si amanuun akka isaanitti ulfaatu godha.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Waan hundumaa [irratti] amanamummaadhaan jiraachuu hawwina.”—Ibroota 13:18.

 Murtoo mataa kee godhi. Akkuma dargaggoota olitti caqasamanii, sababii itti weebsaayitii hawaasaa irraa itti fagaattu hedduu yaadu dandeessa. Weebsaayitii hawaasaa fayyadamuun filannoo gaarii akka hin taane ifa yoo siif taʼe, warri kee waan murteessaniif utuu hin taʼin murtoo kee akka taʼu godhi. Taanaan hiriyoonni kee waaʼee kanaa yoo si gaafatan hin qaanoftu, akkasumas carraan sitti qoosuuf qaban baayʼee muraasa taʼa.

 Yaada ijoo: Warra kee wajjin waltaʼiinsaan hojjedhu, murtoon isaanii murtoo kee akka taʼu gochuuf wanta irratti walii galtan tokko argachuuf carraaqi. Ammaaf weebsaayitii hawaasaa malee jiraachuu ni dandeessa.