Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Barnoota Fagoo Irratti Milkaaʼina Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Barnoota Fagoo Irratti Milkaaʼina Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Yeroo ammaatti barattoonni hedduun mana isaanii taaʼanii barachaa jiru. Haalli kees akkasuma taanaan barumsa kee irraa caalaatti faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti? Gama kanaan yaadawwan armaan gaditti ibsaman si gargaaru. a

 Qabxiilee milkaaʼina argachuuf si gargaaran shan

  •   Sagantaa baafadhu. Akkuma waan mana barumsaa deemtutti sagantaa dhaabbataa qabaadhu. Hojii mana barumsaatiif, hojiiwwan mana keessatti hojjettuuf, akkasumas wantoota barbaachisoo taʼan kaaniif yeroo ramadi. Akka barbaachisummaa isaatti sagantaa kee irratti sirreeffama gochuu dandeessa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanti hundi . . . karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu.”—1 Qorontos 14:40.

     “Yeroo keetti akka waan mana barumsaa jirtutti fayyadami. Wantoota yeroo taʼe tokko keessatti raawwataman yeruma sana raawwadhu.”—Kaatii.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Sagantaa kee galmeeffattee iddoo salphaatti arguu dandeessu kaaʼuun kee gaarii kan taʼe maaliifi?

  •   Amala of toʼachuu horadhu. Nama gaʼeessa taʼuuf, hojiiwwan hojjechuuf kakaʼumsa isaa hin qabnes hojjechuun si irra jira. Harʼaa bor hin jedhin!

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Jabaadhaa hojjedhaa malee, dhibaaʼoo hin taʼinaa.”—Roomaa 12:11.

     “Wanti baayʼee ulfaatu of toʼachuu dha. Sababa taʼe tokko dhiheessuudhaan, ‘Hojii mana barumsaa koo boodan hojjedha’ jechuun namatti salphata. Booda garuu hin hojjettu; achiis hojiin humna keetii ol taʼe wal irra tuulama.”—Aleksaandiraa.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Hojii mana barumsaa kee guyyaa hundumaa saʼaatii wal fakkaataatti hojjechuun kee caalaatti amala of toʼachuu horachuuf kan si gargaaru akkamitti?

  •   Iddoo itti qoʼattu qabaadhu. Meeshaalee si barbaachisan hundumaa of bira kaaʼadhu. Bakki itti qoʼattu akka sitti tolu godhi; garuu kan hirriiba si qabsiisu taʼuu hin qabu. Achi kan teessu hojiidhaaf malee rafuuf miti! Bakka itti qoʼattu hin qabdu taanaan tarii kushinaa ykn kutaa ciisichaa keessatti qoʼachuu dandeessa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.

     “Kubbaa, tapha viidiyoo fi gitaara dhiisi; moobaayiliin kee akka si hin jeeqne godhi. Wantoota yaada kee hihiran of biraa fageessuun kee barbaachisaa dha.”—Elzaabeet.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Caalaatti xiyyeeffachuu akka dandeessuuf sirreeffama akkamii gochuu dandeessa?

  •   Xiyyeeffannaa kennuu baradhu. Wanta hojjechaa jirtu irratti xiyyeeffadhu; yeroo sanatti wanta biraa hojjechuuf hin yaalin. Al takkaatti waan baayʼee hojjechuuf yoo yaalte, caalaatti dogoggora raawwachuu dandeessa; hojii kee xumuruufis yeroo dheeraa sitti fudhachuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:16

     “Yoo moobaayiliin koo na bira taʼe waan tokko irratti xiyyeeffachuu hin dandaʼu. Wantoota gatii hin qabne raawwachuudhaanan yeroo dheeraa guba.”—Oliiviyaa.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Suutuma suuta yeroo hojii tokko irratti xiyyeeffattee itti turtu dabaluu dandeessaa?

  •   Boqonnaa fudhadhu. Miilaan deemi, saayikilii oofi ykn sochii qaamaa kan biraa godhi. Wanta jaallattu tokko gochuun kees si haaromsa. Kitaabni School Power jedhamu, “Garuu jalqaba hojii kee xumuruu qabda. Hojii kee hundumaa yoo xumurte yeroo boqonnaa dabarsitutti ni gammadda” jedha.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hojii cimaa hammaarraa lama irra boqonnaa hammaarraa tokko wayya; kun bubbee duukaa fiiguu wajjin tokko dha.”—Lallaba 4:6.

     “Yeroo baayʼee mana barumsaatti meeshaa muuziqaatiin taphachuu ykn ogummaa tokko baratta. Wantoota kana hammam akkan jaalladhu kan naa gale yeroon isaan dhabutti dha. Qoʼannaadhaan alattis wantoota si gammachiisan tokko tokko hojjechuun gaarii dha.”—Teeylar.

     Wanta irratti yaadamuu qabu: Sochiin sammuu haaraadhaan qoʼannaa kee itti fufuuf si dandeessisu kan akkamii ti?

a Karaan barnoonni fagoo itti geggeeffamu hedduutu jira. Yaadawwan mata duree kana jalatti ibsaman keessaa isa haala keetiif taʼutti fayyadami.