Xalayaa Yaaqoob 4:1-17

  • Michuu addunyaa hin taʼinaa (1-12)

    • Diiyaabilosiin mormaa (7)

    • Gara Waaqayyootti dhihaadhaa (8)

  • Akeekkachiisa of tuuluu ilaalchisee kenname (13-17)

    • “Fedhii Yihowaa yoo taʼe” (15)

4  Waraannii fi lolli isin gidduu jiru maal irraa madde? Fedhiiwwan foonii keessan warra isin keessatti* wal morman irraa kan madde mitii?+  Isin ni hawwitu, garuu hin argattan. Ni ajjeestu, akkasumas ni gomjaatu, garuu argachuu hin dandeessan. Wal loltu, waraanas wal irratti bantu.+ Waan hin gaafanneefis hin argattan.  Fedhiiwwan foonii keessan ittiin guuttachuuf jecha kaayyoo dogoggoraatiif waan gaafattaniif, yoo gaafattan iyyuu hin argattan.  Ejjitoota* nana, addunyaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii? Kanaafuu, namni michuu addunyaa taʼuu barbaadu kam iyyuu diina Waaqayyoo of godha.+  Yookiin Kitaabonni Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu yeroo hunda hinaaffaadhaan hawwa”+ kan jedhan sababii malee isinitti fakkaataa?  Haa taʼu malee, gaarummaa guddaan Waaqayyo kennu, hafuura akkasii caalaa guddaa dha. Kanaafuu, “Waaqayyo warra of tuulan ni morma,+ warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna”+ jedhamee barreeffameera.  Kanaafuu, Waaqayyoof bitamaa;+ Diyaabilosiin garuu mormaa,+ innis isin irraa ni baqata.+  Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.+ Isin cubbamoonni, harka keessan qulqulleessaa;+ isin warri yaada dhaabbataa hin qabne, garaa keessan qulqulleessaa.+  Dhiphadhaa, gaddaa, booʼaas.+ Kolfi keessan gaddatti, gammachuun keessanis abdii kutachuutti haa jijjiiramu. 10  Yihowaa* duratti gad of qabaa,+ innis ol isin qaba.+ 11  Yaa obbolootaa, hamaa walitti dubbachuu dhiisaa.+ Namni obboleessa isaatti hamaa dubbatu yookiin obboleessa isaatti murteessu hundi seera irratti hamaa dubbata, akkasumas seera irratti murteessa. Kanaafuu, seera irratti yoo murteessite, ati seera hojii irra oolchaa jirta utuu hin taʼin, abbaa murtii taʼuu kee ti. 12  Seera kan tumuu fi Abbaan Murtii tokko qofa dha;+ innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼu sana dha.+ Haa taʼu malee, nama kan biraatti kan murteessitu ati eenyu?+ 13  Egaa isin warri, “Harʼa yookiin boru gara magaalaa kanaa ni dhaqna, achis waggaa tokko ni turra, ni daldalla, buʼaas ni buufanna”+ jettan dhagaʼaa, 14  isin jireenyi keessan boru maal akka taʼu hin beektan.+ Sababiin isaas, isin hurrii yeroo muraasaaf mulʼatee sana booda badu dha.+ 15  Kanaa mannaa, “Fedhii Yihowaa* yoo taʼe,+ ni jiraanna, kana yookiin sana ni goona” jechuu qabdu. 16  Isin garuu akka malee of tuuluu keessanitti boontu. Of tuuluun akkasii hundi immoo hamaa dha. 17  Kanaafuu, namni tokko wanta sirrii taʼe akkamitti akka hojjetu beekee, utuu hin hojjetin yoo hafe cubbuu isatti taʼa.+

Miiljaleewwan

Kal., “kutaawwan qaamaa keessan keessatti.”
Ykn., “Warra amanamoo hin taane.”