Dhimma ijoo ta'etti seeni

Namni Anaa Wajjin Saala Wal Fakkaatu Qabu na Hawwata— Ani Geeyii Dha Jechuu Dhaa?

Namni Anaa Wajjin Saala Wal Fakkaatu Qabu na Hawwata— Ani Geeyii Dha Jechuu Dhaa?

 Matumaa akkas jechuu miti!

 Dhugaa Jiru: Haala hedduu keessatti nama saala nu wajjin wal fakkaatu qabu hawwuun yeroo muraasa qofa kan turu dha.

 Liizeet ishiin umuriin ishii waggaa 16 taʼee fi yeroo taʼe tokkotti shamarree tokko hawwitee turte haalli akkasii mudatee ture. Akkas jetteetti: “Mana barumsatti yeroon baayooloojii baradhu, umurii dargaggummaatti hormooniin keenya jijjiirama baayʼee akka godhu baradheen ture. Dargaggoonni hedduun waaʼee qaama isaanii utuu beekanii, nama saala akka ofii qabu hawwuun yeroo muraasaaf qofa akka turu waan hubataniif, dhiibbaa saala wal fakkaataa wajjin saalqunnamtii akka raawwatan isaan irra gaʼuuf hin moʼaman jedheen yaada.”

Dargaggoonni hundi filannoo gochuu qabu—ilaalcha mancaʼaa addunyaan saalqunnamtiidhaaf qabu fudhachuu yookiin daandii ulaagaa naamusaa Yihowaa isa ol aanaa Dubbii isaa keessatti ibsame hordofuu dandaʼu

 Hawwiin nama saala akka keetii qabuuf qabdu yeroo muraasaaf qofa kan turu yoo taʼuu baate hoo? Waaqayyo namni nama saala wal fakkaatu qabu isa hawwatu tokko, saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti raawwatamu irraa akka fagaatu itti himuun isaa gara jabina dhaa?

 Deebiin gaaffii dhuma irratti kaʼeef kennitu eeyyee yoo taʼe, ilaalchi akkasii yaada dogoggoraa namoonni fedhii saalqunnamtii isaanii toʼachuu hin qaban jedhu irratti kan hundaaʼe akka taʼe hubadhu. Kitaabni Qulqulluun namoonni fedhii saalqunnamtii dogoggoraatiif moʼamuu dhiisuuf filachuu akka dandaʼan isaaniif mirkaneessuudhaan namoota kabaja.—Qolosaayis 3:5.

 Ejjennoon Kitaaba Qulqulluu sababa qabeessa kan hin taane miti. Kitaabni Qulqulluun namoonni fedhii saala wal fakkaatu gidduutti saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qaban, wantuma namoonni saalaa faallaan isaan hawwatu godhan akka godhan jechuunis, ‘halalummaa irraa akka baqatan’ isaan gorsa. (1 Qorontos 6:18) Dhugaan isaa namoonni saalaa faallaan isaan hawwatuu fi ulaagaa Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simanii jiraachuu barbaadan miliyoonaan lakkaaʼaman, qorumsi isaan mudatu maal iyyuu yoo taʼe of toʼachuu dandaʼaniiru. Dhugumaan Waaqayyoon gammachiisuu kan barbaadan yoo taʼe, namoonni nama saalaa wal fakkaataa gidduutti saalqunnamtii raawwachuuf fedhii qabanis akkasuma gochuu dandaʼu.—Keessa Deebii 30:19.