Dhimma ijoo ta'etti seeni

‘Misiraachicha Lallabaa!’

Walgaʼii Naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa 2024

Ol seenuuf kaffaltiin hin barbaachisu Qodaan buusii hin naanneffamu

Odeeffannoo Gabaabaa Sagantichaa

Jimaata: Ragaan misiraachoon waaʼee Yesuus ibsuu fi Wangeelota keessatti galmeeffamee jiru sirrii taʼuu isaa argisiisu ni dhihaata. Gabaasni Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu kun yeroo harʼaatti kan nu fayyadu akkamitti akka taʼes ni ibsama.

Sanbadduraa: Dhalachuu Yesuusii fi jireenya ijoollummaa isaa ilaalchisee raajiiwwan kamfaatu dubbatame? Raajiiwwan kun raawwatamaniiruu?

Dilbata: Haasaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi “Oduu Hamaa kan hin Sodaanne Maaliifi?” jedhu irratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman utuma addunyaan kun caalaatti mancaʼaa deemuu tasgabbiin kan isaanitti dhagaʼamuu fi gara fuulduraatti wanti gaariin ni dhufa jedhanii kan amanan maaliif akka taʼe baradhu.

Diraamaa Kitaaba Qulqulluu

Seenaa Tajaajila Yesuus: Kutaa 1

Ifa Addunyaa Isa Dhugaa

Yesuus dinqiidhaan dhalachuunsaa wantoota ajaaʼibsiisoo raawwataman hedduu keessaa isa jalqabaadha. Warri isaa mootii isa ajjeesuuf isa barbaadaa ture jalaa isa oolchuuf Gibxiitti isa geessaniiru. Yeroo booda, barsiisota ciccimoo bara isaa turan tokko tokko dinqisiisee ture. Taʼee kanaa fi kan biroo, diraamaa kutaa lama qabuu fi jimaataa fi Sanbadduraa dhihaaturraa ilaali.

Walgaʼii Naannoo waggaa kanaa ilaalchisee viidiyoowwan kana ilaali

Walgaʼii Naannoo Keenya Irratti Maaltu Raawwatama?

Walgaʼiin Naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa maal akka fakkaatu ilaali.

Walgaʼii Naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa 2024: ‘Misiraachicha Lallabaa!’

Walgaʼii Naannoo baranaa irratti maal akka barannu ilaali.

Beeksisa Diraamaa: Seenaa Tajaajila Yesuus

Namoonni hedduun Yesuus dinqiidhaan akka dhalate beeku. Haataʼu malee taʼee dinqisiisaa kana duraa fi booda maaltu raawwatame?