Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1: Hiika Cuuphaa

Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1: Hiika Cuuphaa

 Waggaa waggaadhaan dargaggoonni maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti dhalatan hedduun ni cuuphamu. Atis tarkaanfii akkasii fudhachuuf yaadaa jirtaa? Taanaan jalqaba of murteessuu fi cuuphamuun hiika inni qabu hubachuu qabda.

 Cuuphaan maali dha?

 Cuuphaan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame bishaan facaasuudhaan utuu hin taʼin, guutumaan guutuutti bishaan keessa lixuu kan argisiisu dha; kun immoo hiika addaa kan qabu dha.

  •   Yeroo cuuphamtutti guutummaatti bishaan keessa lixuun kee kana booda jireenya ofii kee gammachiisuu kan hin hordofne taʼuu kee namootaaf ibsa.

  •   Bishaan keessaa baʼuun jireenya haaraa Waaqayyoon gammachiisuu irratti hundaaʼe jalqabuu kee argisiisa.

 Cuuphamuun kee wanta sirrii ykn dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa baasuuf aboo kan qabu Yihowaa taʼuu isaa amantee fudhachuu kee argisiisa. Akkasumas wanta Waaqayyo sirraa barbaadu fedhiidhaan raawwachuuf waadaa galuu kee nama duratti mirkaneessita.

 Wantoota Kanarratti Yaadi: Jireenya Yihowaaf ajajamuu irratti hundaaʼe jiraachuuf namoota duratti waadaa galuun kan barbaachise maaliifi? Tokkoffaa Yohaannis 4:19 fi Mulʼata 4:11 ilaali.

 Of murteessuun maali dha?

 Cuuphamuu kee dura kophaa kee taʼuudhaan Yihowaadhaaf of murteessuu qabda. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti?

 Kadhannaa dhuunfaadhaa Yihowaatti dhiheessuudhaan bara baraaf isa tajaajiluuf waadaa akka galtu akkasumas haalli akkamii iyyuu si mudatus ykn warri kaan maal iyyuu yoo godhan fedhii isaa kan gootu taʼuu kee itti himta.

 Cuuphaa sirna murtoo dhuunfaa keetti goote namootatti argisiistu dha. Cuuphamuun kee of ganuu kee fi qabeenyaa Yihowaa taʼuu kee warra kaanitti argisiisa.—Maatewos 16:24.

 Wantoota Kanarratti Yaadi: Qabeenyaa Yihowaa taʼuun kee jireenya gaarii jiraachuuf kan si gargaaru akkamitti? Isaayaas 48:17, 18 fi Ibroota 11:6 ilaali.

 Cuuphaan barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

 Yesuus cuuphamuun ulaagaa barattoota isaa irraa eegamu akka taʼe ibseera. (Maatewos 28:19, 20) Kanaafuu, harʼas taanaan cuuphaan ulaagaa Kiristiyaanota irraa eegamu dha. Kana irra iyyuu caalaa Kitaabni Qulqulluun cuuphaan fayyina argachuuf barbaachisaa akka taʼe ibsa.—1 Pheexiros 3:21.

 Haa taʼu malee, wanti cuuphamuuf si kakaasuu qabu jaalalaa fi dinqisiifannaa Yihowaaf qabdu taʼuu qaba. Ilaalcha faarfatichaa qabaachuu qabda. Faarfatichi akkas jechuudhaan barreesseera: “Wanta gaarii inni naaf godhe hundumaatiif, Yihowaadhaaf maalan deebisa? . . . Maqaa Yihowaas nan waammadha. Saba isaa hundumaa duratti wareega koo Yihowaadhaaf nan raawwadha.”—Faarfannaa 116:12-14.

 Wantoota Kanarratti Yaadi: Yihowaan wanta gaarii akkamii siif godheera? Atoo maal deebisuufi dandeessa? Keessa Deebii 10:12, 13 fi Roomaa 12:1 ilaali.