Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Weebsaayitiin Hawaasaa Kan Na Miidhu Akkamitti?

Weebsaayitiin Hawaasaa Kan Na Miidhu Akkamitti?

 Warri kee weebsaayitii hawaasaa akka fayyadamtu siif heyyamuu? Taanaan mata dureen kun karaawwan barbaachisoo taʼan sadiin si gargaaruu dandaʼa.

Fuula kana irratti

 Weebsaayitiin hawaasaa itti fayyadama yeroo koorratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

 Yeroo hunda weebsaayitii hawaasaa fayyadamuun farda gulufuuf sardamuu wajjin wal fakkaata; toʼadhu ykn isatu si toʼata.

 “Daqiiqaa muraasaaf waa ilaaluuf Weebsaayitii hawaasaan bana, haa taʼu malee, utuman hin beekin saʼaatii hedduun ni darbu. Weebsaayitiin hawaasaa araadaa fi yeroo qisaasessuudha.”—Joʼaanaa.

 Kana beektaa? Weebsaayitiin hawaasaa araada namatti taʼa; kan qophaaʼes haala araada namatti taʼuuni. Diizaayinaroonni weebsaayitii beekamaan tokko caalaatti jaallatamaa yeroo taʼu namoonni caalaatti yeroo akka irratti dabarsan akkasumas namoonni beeksisawwan dabarsan qarshii hedduu akka kaffalan beeku.

 Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Utuu natti hin beekamin weebsaayitii hawaasaarratti yeroo dheeraan dabarsaa? Yeroon asirratti dabarsu kana wantoota caalaatti barbaachisaa taʼanirratti dabarsuu nan dandaʼaa?’

 Wanta gochuu dandeessu. Yeroo weebsaayitii hawaasaarratti dabarsitu daangessi, yeroo ramadde sanas eegi.

Weebsaayitii hawaasaarratti yeroo dabarsitu daangessi

 “Toʼataa yeroo saʼaatii murtaaʼe booda appilikeeshinoota tokko tokko narratti akka cufu godhun moobaayilii koo irratti feʼe. Yeroo murtaaʼeef akkana ergan godhee booda weebsaayitii hawaasaarratti yeroo dheeraa utuu hin taʼin yeroo hangamii dabarsuu akkan qabu murteessuuf na gargaareera.”—Tiinaa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:16.

 Weebsaayitiin hawaasaa hirriba koorratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

 Hayyoonni hedduun dargaggoonni yoo xinnaate guyyaa guyyaatti saʼaatii saddeet rafuu akka qaban dubbatu; taʼus, dargaggoonni baayʼeen garuu yeroo muraasa rafu. Tarii weebsaayitii hawaasaatti fayyadamuun kanaaf gumaacha gochuu dandaʼa.

 “Rafuu koo dura wanta barbaachisaa taʼe moobaayilii koorraan ilaala; sana booda wantoota weebsaayitiirra maxxanfaman ilaaluudhaan yeroo koo hin gubu. Barsiifata gadhee kana dhaabuuf yaalaan jira.”—Maariyaa.

 Kana beektaa? Hirriba gaʼaa dhabuun dhiphinaa fi yaaddoodhaaf nama saaxila. Piroofeesara xiinsammuu kan taate Jiin Tiweenji sababa guddaa namoonni gammachuu itti dhaban keessaa inni tokko hirriba dhabuu akka taʼe dubbatteetti. Itti dabaluudhaanis hirriba dhabuun “yeroo booda dhibee sammuu cimaa” geessisuu akka dandaʼu dubbatteetti. a

 Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Galgala galgala saʼaatii hangamiin rafa?’ ‘Yeroon tasgabbaaʼuu fi rafuuf jedhutti weebsaayitii hawaasaan ilaalaa?’

 Wanta gochuu dandeessu. Yeroo rafuuf jettu meeshaalee elektirooniksii kutaa ciisichaa keerraa fageessi. Siif dandaʼamnaan rafuu kee saʼaatii lama dura meeshaalee elektirooniksii ilaaluu dhaabi. Sagalee hirribaa si dammaqsu yoo barbaadde moobaayilii ykn taableetii utuu hin taʼin meeshaa gara biraatti fayyadami.

Rafuu kee dura meeshaalee elektirooniksii ilaaluu dhaabi

 “Yeroo tokko tokko meeshaalee elektirooniksii utuun ilaaluu halkan taʼa, kun rakkina ani fooyyessuuf yaaludha. Nama gaʼeessa taʼe jechuunis nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuun barbaada. Dafee rafuudhaan bor guutummaatti hojii koo akka gaariitti raawwachuuf of qopheessuun qaba.”— Jermiin.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baasaatii beekaa.’—Filiphisiyus 1:10.

 Weebsaayitiin hawaasaa miira koorratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

 Qoʼannaan godhame tokko akka ibsutti ijoollee durbaa mana barumsaa sadarkaa ol aanaa harka walakkaa taʼan “miira gaddaa ykn abdii kutachuu wajjin qabsoo godhu.” Miira uumame kanaaf weebsaayitiin hawaasaa hamma tokko gumaacha godheera. Doktar Liyoonaardi Saaksi akkana jedhaniiru: “Namoota kaanii wajjin yommuu walbira of qabdu weebsaayitii hawaasaarratti caalaatti yeroo dabarsaa yommuu deemtu, caalaatti dhiphinaan qabamaa deemta. b

 “Dargaggoonni warra kaanii wajjin walbira of qabuun isaanii wanta baramaa taʼedha; weebsaayitiin hawaasaammoo dhimmi kun caalaatti akka hammaatu godha. Fakkiiwwan namoonni garagaraa weebsaayitii irratti maxxansan saʼaatii hedduutiif ilaaluudhaan warra kaanii wajjin walbira of qabda ykn michoonni kee wantoota akka nama kofalfisiisan godhan ilaaluudhaan ati wanti kun akka si darbe akka sitti dhagaʼamu godhu.”—Feebeen.

 Kana beektaa? Weebsaayitiin hawaasaa michoota kee wajjin akka wal qunnamtu kan si gargaaru taʼus qaamaan waliin haasaʼuu bakka hin buʼu. Doktar Niikolaas Kaardaraas akkana jedhaniiru: “Meeshaalee elektironikiidhaan wal qunnamuun akka qaamaan waliin haasaʼuu matumaa garaa nu gaʼuu hin dandaʼu. Ilmaan namootaa qaamaan wal arguu waan barbaadaniif dhugumaan miira keenya hin quubsu.” c

 Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wanta michoonni koo godhan ergan ilaalee booda kophummaatu natti dhagaʼamaa?’ ‘Weebsaayitii hawaasaarratti michoonni koo wanta jireenya gammachiisaa akka qaban argisiisuu fi isaan maxxansan ergan ilaalee booda jireenyi koo nuffisiisaa akka taʼe natti dhagaʼamaa?’ ‘Weebsaayitii hawaasaarratti wanta tokko ergan maxxansee booda namoonni jaallatan muraasa yoo taʼan ykn hin jiran yoo taʼe abdiin kutadhaa?”

 Wanta gochuu dandeessu. “Weebsaayitii hawaasaarraa yeroodhaaf fagaachuuf” yaali. Weebsaayitii hawaasaarraa fagaachuun guyyoota muraasa, torban tokko ykn tarii jiʼa tokko fudhachuu dandaʼa. Kanaafuu, michoota kee wajjin qaamaan ykn bilbilaan yeroo dheeraa dabarsi. Weebsaayitii hawaasaarraa yeroo fagaattetti dhiphinni sitti dhagaʼamu hirʼachuu fi gammadaa taʼuu kee hubachuuf yaali.

Michoota kee wajjin qaamaan yeroo dheeraa dabarsuu dandeessaa?

 “Weebsaayitii hawaasaatti yeroon fayyadamu wanta namoonni kaan hojjetanirratti garmaleen xiyyeeffadha. Akkaawuntii weebsaayitii ani itti fayyadamu ergan balleessee booda baʼaa ulfaataa akka narraa buʼe natti dhagaʼame akkasumas wantoota buʼa qabeessa taʼan hedduu hojjechuufis yeroon argadhe.”—Biraayaanaa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata.”—Galaatiyaa 6:4.

a Kitaaba iGen jedhamu irraa.

b Kitaaba Why Gender Matters jedhamu irraa.

c Kitaaba Glow Kids jedhamu irraa.