Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Jireenya Bifa Lama Qabu Jiraachuu Dhaabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Jireenya Bifa Lama Qabu Jiraachuu Dhaabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Yeroo tokko tokko tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan jiraachuun sirrii taʼuu fi dhiisuunsaa gaaffii isaanitti taʼa. (Faarfannaa 73:2, 3) Gocha seera Yihowaan baaseen faallaa taʼe raawwachuullee jalqabuu dandaʼu; achiis amalasaanii gadhee taʼe waaqeffattoota kaan dhoksuudhaan isaan gowwoomsuuf yaalu.

 Mata dureen kun namoota jireenya akkanaa jiraachuu jalqabanii fi haala kana dhaabuu barbaadan gargaaruuf kan qophaaʼedha.

Mata duree kana keessatti wantoota armaan gadii ilaalla

 Jireenya bifa lama qabu jiraachuun maalidha?

 Jireenya bifa lama qabu jiraachuu jechuun hiriyoota kee warra Yihowaadhaaf hin ajajamnee wajjin yeroo taatu wanta ati sirrii akka hin taane beektu raawwachuu, yeroo miseensota gumii amanamoo taʼanii wajjin taatummoo Yihowaa akka tajaajiltu fakkaachuuf yeroo yaaltudha. Yeroo jireenya bifa lama qabu jiraattu yeroo lamaanuu wanta taʼe tokko dhoksaa jiraatta.

 “Jireenya bifa lama qabu yeroo jiraattu gama lamaaniin iyyuu wanta taʼe tokko dhoksaa waan jiraattuuf namummaa kee isa dhugaa beekuun hin dandaʼamu. Jireenya bifa lama qabu jiraachuun gama lamaaniin iyyuu amanamaa taʼuu dhiisuu argisiisuudha.”—Eeriin.

 Kana beektaa? Jireenya bifa lama qabu jiraachuun kophaa kee yeroo taatutti gochawwan Yihowaa biratti fudhatama hin qabne raawwachuu dabalata.

 “Umuriin koo waggaa 14 yeroo turetti Intarneetii irraa fakkiiwwanii fi viidiyoowwan saalqunnamtii kakaasan ilaaluun jalqabe. Warra kaanii wajjin yeroon taʼu poornoogiraafii akkan jibbun fakkeessa; akkas akka hin taane garuu keessi koo natti hima.”—Noolaan.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata.”—Maatewos 6:24.

 Jireenya bifa lama qabu jiraachuun nama gadhee na taasisaa?

 Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Dhugaadha namoonni tokko tokko ulaagaa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuu dhiisuuf murteessaniiru. Atoo akkas taʼuu barbaaddaa? Moo amala kanarraa adda taʼe kanneen akka armaan gadii qabda?

  •   Hiriyoota keerraa adda taatee argamuu sodaachuu.

  •   Warra gumii keessa jiran caalaa ijoollee wajjin barattuu wajjin wantoota wal si fakkeessan hedduu akka qabdu sitti dhagaʼama.

  •   Ciminaa fi dandeettii akka hin qabne waan sitti dhagaʼameef qofa ajajawwan Waaqayyoo hunda hordofuu dadhabuu.

 “Dargaggoonni jireenya bifa lama qabu jiraatan gocha fudhatama isaaniif argamsiisu raawwachuu waan barbaadaniif namoota amala Kiristiyaanaa hin argisiisnee wajjin taʼuun caalaatti isaanitti tola.”—Daaviid.

 Dhugaadha qabxiiwwan olitti ibsaman jireenya bifa lama qabu jiraachuuf sababa taʼuu hin dandaʼan. Taʼus namoonni gaariin illee kanaan qabamuu akka dandaʼan ibsuuf gargaara. Kun si mudateera taanaan maal gochuu dandeessa?

 Jireenya bifa lama qabu jiraachuu dhaabuu kanan dandaʼu akkamitti?

  1.  1. Waaʼee akkaataa jireenyaa kee irratti yaadi. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Nama akkasii taʼuun barbaadaa? Akkasitti kanan itti fufu taanaan maaltu narra gaʼuu dandaʼa?’

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata, . . .  namni muuxannoo hin qabne garuu ittuma deema, miidhaanis isa irra gaʼa.”—Fakkeenya 27:12.

  2.  2. Amanamaa taʼi. Haala kee ilaalchisee maatii kee ykn michuu seerawwan Yihowaatiif kabaja qabuu wajjin mariʼadhu. Gargaarsa isan gaafachuun kee baayʼee isaan gammachiisa. Wanta sirrii taʼe raawwachuu akka barbaaddu arguun isaan gammachiisa.

    Jireenya bifa lama qabu jiraachuudhaan baayʼee qoramaa kan jirtu taanaan gargaarsa gaafadhu

     “Wanta baayʼee natti ulfaatu keessaa tokko dogoggora koo warra kaanitti himuudha; ergan dubbadhee booda garuu boqonnaa guddaatu natti dhagaʼama.”—Noolaan.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni balleessaa isaa dhoksu milkaaʼina hin argatu, namni balleessaa isaa himatuu fi isa dhiisu garuu araara ni argata.”—Fakkeenya 28:13.

  3.  3. Wanta sirraan geessisu fudhadhu. Warra kee fi gumicha wanta taʼe kan dhoksitu taanaan amanannaa akka sirratti hin qabaanne gochaa akka jirtu yaadadhu. Kanaan kan kaʼes warri kee ykn gumichi dhorkaa tokko tokko sirratti gochuu dandaʼu. Miidhaa sirra gaʼe amantee fudhachuudhaan “waan hundumaa irrattis amanamummaadhaan” deddeebiʼuuf yaali.—Ibroota 13:18.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Booda irratti ogeessa akka taatuuf, gorsa dhagaʼi, adabas fudhadhu.”—Fakkeenya 19:20.

  4.  4. Waaqayyo akka si jaallatu amantii cimaa qabaadhu. Yihowaan waan nu jaallatuuf wanta goonu hunda ni beeka. Kanaafuu jireenya bifa lama qabu kan jiraattu taanaan Yihowaan ni beeka; kanattis ni gadda. Taʼus siif “waan yaaduuf” daandii kee akka sirreessitu si gargaaruu ni hawwa..—1 Pheexiros 5:7.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf, ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.”—2 Seenaa Baraa 16:9.