Ximotewos Lammaffaa 3:1-17

  • Guyyoota dhumaatti yeroon baayʼee rakkisaa taʼe ni dhufa (1-7)

  • Fakkeenya Phaawulos sirriitti hordofuu (8-13)

  • ‘Wantoota barattetti cimii itti fufi’ (14-17)

    • Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin barreeffaman (16)

3  Haa taʼu malee, guyyoota dhumaatti+ yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki.  Sababiin isaas, namoonni kan of jaallatan, maallaqa kan jaallatan, kan of jajan, kan of tuulan, arrabsitoota, warra isaaniitiif kan hin ajajamne, kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane,  jaalala kan hin qabne, walii galuuf fedhii kan hin qabne, maqaa kan balleessan, kan of hin toʼanne, gara jabeeyyii, wanta gaarii kan hin jaallanne,  gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan, Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan taʼu;  Waaqa kan sodaatan fakkaatu, humna isaa garuu ni ganu;+ namoota akkasii irraa fagaadhu.  Warri manneen namootaa keessa loʼanii galan isaan kana keessaa kaʼu; isaan, dubartoota dadhaboo cubbuun irra tuulamee fi hawwii adda addaatiin asii fi achi oofaman boojiʼanii fudhatu;  dubartoonni kun yeroo hunda ni baratu, garuu matumaa beekumsa dhugaa isa sirrii bira gaʼuu hin dandaʼan.  Akkuma Yaaneesii fi Yaambires Musee morman, isaanis dhugaa mormuu isaanii itti fufu. Namoonni akkasii, sammuun isaanii guutummaatti kan mancaʼe yeroo taʼu, amantii wajjin haala wal qabateen fudhatama dhabaniiru.  Haa taʼu malee, akkuma namoota sana lamaanii gowwummaan namoota kanaa, hundumaa duratti ifatti waan mulʼatuuf eessa iyyuu hin gaʼan.+ 10  Ati garuu barumsa koo, akkaataa jireenyaa koo,+ kaayyoo koo, amantii koo, obsa koo, jaalala koo fi jabaadhee dhaabbachuu koo cimsitee hordofteetta; 11  ariʼatamaa fi rakkina Anxokiyaa,+ Iqooniyumii+ fi Lisxiraatti+ na irra gaʼes beekta. Ani ariʼatama kana dandaʼeera, Gooftaanis hunda isaanii irraa na oolcheera.+ 12  Eeyyee, namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu.+ 13  Haa taʼu malee, hamoonnii fi fakkeessitoonni dogoggorsuu fi dogoggoruudhaan+ isa gadhee irraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti deemu. 14  Ati garuu eenyu irraa akka baratte waan beektuuf, wantoota barattee fi itti amante sanatti cimii itti fufi;+ 15  daaʼimummaa keetii jalqabdee+ Kitaabota Qulqulluu+ fayyina Kiristoos Yesuusitti amanuudhaan argamuuf ogeessa si gochuu dandaʼan baratteetta.+ 16  Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman+ yeroo taʼu, barsiisuuf,+ balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf* fayyadu;+ 17  kunis namni Waaqaa hojii gaarii hundumaatiif akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophaaʼe akka taʼuufi.

Miiljaleewwan

Ykn., “adabuuf.”