Ibrootaaf 10:1-39

  • Aarsaan horii cubbuu balleessuu hin dandaʼu (1-4)

    • Seerichi gaaddidduu dha (1)

  • Aarsaa Kiristoos isa hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha dhihaate (5-18)

  • Daandii haaraa gara jireenyaatti geessu (19-25)

    • Walitti qabamuu keenya hin dhiisnu (24, 25)

  • Akeekkachiisa taʼe jedhanii cubbuu hojjechuu ilaalchisee kenname (26-31)

  • Jabaatanii dhaabbachuuf amanannaa fi amantiin barbaachisaa dha (32-39)

10  Seerichi gaaddidduu+ wantoota gaggaarii dhufuuf jiranii ti+ malee, wantootuma sana miti; kanaafuu, inni* aarsaawwan utuu wal irraa hin citin waggaa waggaadhaan dhihaataniin, namoota Waaqayyotti dhihaatan sana matumaa mudaa kan hin qabne gochuu hin dandaʼu.+  Utuu kun taʼuu baatee, namoonni tajaajila qulqulluu dhiheessan sun takkaa erga qulqullaaʼanii booda cubbamoota akka taʼan waan isaanitti hin dhagaʼamneef, aarsaawwan sun dhihaachuun isaanii hin hafu turee?  Kanaa mannaa, aarsaawwan kun waggaa waggaadhaan cubbuun akka yaadatamu godhu;+  sababiin isaas, dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa cubbuu balleessuu hin dandaʼu.  Kanaafuu, inni gara addunyaa yeroo dhufetti akkana jedhe: “‘Ati aarsaa fi kennaa hin barbaanne, kanaa mannaa dhaqna anaaf qopheessite.  Ati aarsaa guutummaatti gubamuu fi aarsaa cubbuutti hin gammanne.’+  Anis, ‘Yaa Waaqayyoo, kunoo ani (waaʼeen koo maraa kitaabaa irratti barreeffameera) fedhii kee raawwachuuf dhufeera’+ nan jedhe.”  Jalqaba aarsaawwan akka Seerichaatti dhihaatan ilaalchisee, “Ati aarsaawwan, kennaawwanii fi aarsaawwan guutummaatti gubaman, akkasumas aarsaawwan cubbuu hin barbaanne, isaanittis hin gammanne” jedhe.  Achiis, “Kunoo, ani fedhii kee raawwachuuf dhufeera”+ jedhe. Inni isa lammaffaa hundeessuuf jedhee isa jalqabaa balleessa. 10  Nuti “fedhii”+ kanaan, karaa kennaa dhaqna Yesuus Kiristoosiin yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha qulqulloofneerra.+ 11  Kana malees, lubni hundi guyyaa guyyaadhaan tajaajila qulqulluu dhiheessuu*+ fi aarsaawwan matumaa guutummaatti cubbuu balleessuu hin dandeenye+ sana irra deddeebiʼee dhiheessuuf+ iddoo isaa dhaabbata. 12  Namni kun garuu yeroo hundumaatiif akka taʼutti cubbuudhaaf aarsaa tokko dhiheessee mirga Waaqayyoo taaʼe;+ 13  yeroo sanaa jalqabee hanga diinonni isaa ejjeta miila isaa godhamanitti eeggachaa jira.+ 14  Inni aarsaa tokko dhiheessuudhaan warri qulqulleeffaman sun yeroo hundumaatiif mudaa kan hin qabne akka taʼan godheera.+ 15  Kana malees, hafuurri qulqulluun yommuu ragaa nuuf baʼu akkana jedha: 16  “‘Guyyoota sana booda, kakuun ani isaanii wajjin galu isa kana’ jedha Yihowaan.* ‘Ani seerawwan koo garaa isaanii keessa nan kaaʼa, sammuu isaanii keessattis nan barreessa.’”+ 17  Itti dabaluudhaanis, “Ani sana booda cubbuu isaanii fi jalʼina isaan hojjetan hin yaadadhu”+ jedha. 18  Cubbuuwwan kanaaf dhiifamni erga argamee booda aarsaan sababii cubbuutiif dhihaatu hin barbaachisu. 19  Yaa obbolootaa, dhiiga Yesuusiin daandii gara iddoo qulqulluutti+ geessutti galuuf ija jabina* arganneerra; 20  daandiin inni nuuf bane* kun daandii haaraa gara jireenyaatti geessu dha; kana kan godhes golgaa+ sana jechuunis foon isaa keessa darbuudhaani; 21  akkasumas luba guddaa mana Waaqayyoo irratti muudame qabna;+ 22  kanaafuu, qalbii hamaa irraa qulqullaaʼuudhaaf+ garaa keenyatti facaafannee, akkasumas qaama keenya bishaan qulqulluudhaan dhiqannee+ garaa qulqulluu fi amantii guutuudhaan Waaqayyotti haa dhihaannu. 23  Inni waadaa gale amanamaa waan taʼeef, utuu hin raafamin+ carraa abdii keenya ifatti lallabuuf arganne jabeessinee haa qabannu. 24  Akkasumas jaalalaa fi hojii gaariidhaaf+ wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu;* 25  akka namoonni tokko tokko barsiifata godhatan walitti qabamuu keenya hin dhiisnu;+ kanaa mannaa, guyyichi dhihaachuu isaa yommuu arginu+ isa duraa caalaa wal haa jajjabeessinu.+ 26  Beekumsa dhugaa isa sirrii erga argannee booda, taʼe jennee cubbuu hojjechuu yoo amaleeffanne,+ sana booda aarsaa kan biraan cubbuu keenyaaf dhihaatu hin jiraatu;+ 27  kanaa mannaa, murtii sodaachisaa isa akka dhufu eegamuu fi dheekkamsa bobaʼu isa warra morman sana gubutu jiraata.+ 28  Namni Seera Musee cabse kam iyyuu namoonni lama yookiin sadii yoo ragaa isa irratti baʼan gara laafina tokko malee ajjeefama.+ 29  Egaa namni Ilma Waaqayyoo irra ejjete, dhiiga kakuu+ isa ittiin qulqulleeffame sana akka waan faayidaa hin qabnetti lakkaaʼee fi hafuura Waaqayyoo isa gaarummaa guddaa kennu sana tuffate adaba guddaa akkamiitu isaaf mala jettanii yaaddu ree?+ 30  Nuti Waaqa isa, “Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jedhe beekna. Akkasumas, “Yihowaan* saba isaatiif murtii ni kenna.”+ 31  Harka Waaqa jiraataa keessatti kufuun wanta nama sodaachisu dha. 32  Haa taʼu malee, yeroo darbe isa erga ifni isiniif ifee booda,+ rakkina guddaadhaan qabsoo cimaa keessa jabaattanii itti dhaabbattan sana yaadadhaa. 33  Yeroo tokko tokko uummata duratti* arrabsamaa fi rakkinni isin irra gaʼaa ture; yeroo kan biraatti immoo warra rakkina akkasii keessa jiran cinaa dhaabbattanii turtan. 34  Isin warra hidhamanitti gara laafina argisiistaniittu; akkasumas isinis qabeenya isa caaluu fi hin badne akka qabdan waan beektaniif,+ qabeenyi keessan yommuu saamamu gammachuu keessan hin dhabne.+ 35  Kanaafuu, ija jabina* keessan isa badhaasa guddaa isiniif argamsiisu sana darbattanii hin gatinaa.+ 36  Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, waadaa inni gale sana argachuuf jabaattanii dhaabbachuun isin barbaachisa.+ 37  Sababiin isaas, “yeroo muraasaaf”+ malee, “inni dhufaa jiru sun ni dhufa, hin turus.”+ 38  “Haa taʼu malee, tajaajilaan koo inni qajeelaan amantiidhaan jiraata,”+ “gara duubaatti yoo deebiʼe ani* isatti hin gammadu.”+ 39  Egaa nuti akka namoota amantii isa lubbuu isaanii jiraataa godhee eegu qabanii ti malee, akka namoota badiisaaf duubatti deebiʼanii miti.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “namoonni.”
Ykn., “tajaajila uummataa raawwachuu.”
Ykn., “amanannaa.”
Kal., “eebbise.”
Ykn., “waliif haa yaannu.”
Kal., “akka bakka tiyaatiraatti saaxilamtanii.”
Kal., “bilisummaa dubbachuu.”
Ykn., “lubbuun koo.”