Mulʼata Yohaannis 4:1-11

  • Yihowaan samii irratti mulʼataan argame (1-11)

    • Yihowaan teessoo isaa irra taaʼeera (2)

    • Jaarsolii 24 teessoowwan irra taaʼan (4)

    • Uumamawwan jiraatoo arfan (6)

4  Kana booda nan arge, kunoo, balballi baname tokko samii keessa jira ture; sagaleen jalqaba utuu inni anaa wajjin dubbatuu dhagaʼe akka sagalee malakataa ture; innis, “Kottu as baʼi, ani wantoota taʼuu qaban sitti nan argisiisa” jedhe.  Kana booda yeruma sana hafuuraan humna nan argadhe; kunoo, teessoon tokko samii keessa jira ture, teessoo sana irra kan taaʼe tokkos jira ture.+  Inni achi irra taaʼe sun bifti isaa akka dhagaa yaasphisii*+ fi akka dhagaa saardiyon* ture; guutummaa naannoo teessichaa sabbanni waaqaa imeraaldii fakkaatu jira ture.+  Teessoowwan 24 teessichatti marsanii jiru turan, teessoowwan sana irra jaarsoliin 24+ uffata adii uffatanii fi mataa isaaniitti gonfoo warqii kaaʼatanii utuu taaʼanii nan arge.  Teessicha keessaa bakakkaan,+ sagaleenii fi kakawween ni baʼa ture;+ teessicha duratti ibsaawwan ibiddaa torba ni bobaʼu turan; isaan hafuurota Waaqayyoo torba+ argisiisu.  Teessicha dura wanti akka kiristaalii taʼee fi galaana+ burcuqqoo fakkaatu tokko jira ture. Gidduu teessichaa* fi naannoo teessichaa uumamawwan jiraatoon+ fuulduraa fi duubaan ijaan guutaman afur jiru turan.  Uumamni jiraataan inni tokkoffaan leenca+ fakkaata, uumamni jiraataan inni lammaffaan qotiyyoo+ fakkaata, uumamni jiraataan inni sadaffaan+ fuula fuula namaa fakkaatu qaba, uumamni jiraataan inni arfaffaan+ immoo risaa+ barrisu fakkaata ture.  Uumamawwan jiraatoon arfan sun tokkoon tokkoon isaanii qoochoowwan jaʼa jaʼa qabu turan; qochoowwan sun naannoon isaanii fi keessi isaanii ijaan kan guutame ture.+ Isaan utuu wal irraa hin kutin halkanii fi guyyaa, “Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu dha Yihowaan,*+ Inni Hundumaa Dandaʼu, inni ture, inni jiruu fi inni dhufu”+ jedhu turan.  Uumamawwan jiraatoon sun isa teessoo irra taaʼe isa baraa hamma bara baraatti jiraatu+ sanaaf ulfina, kabajaa fi galata yommuu dhiheessan hundatti, 10  jaarsoliin 24n+ sun isa teessoo irra taaʼe sana duratti gombifamanii isa baraa hamma bara baraatti jiraatu sana waaqeffatan; gonfoo isaanii teessoo sana duratti gatanii akkana jedhan: 11  “Yaa Waaqa keenya Yihowaa,* ati wantoota hundumaa waan uumteef,+ isaanis fedhii keetiin gara jireenyaatti waan dhufanii fi waan uumamaniif, ulfina,+ kabajaa fi humna+ fudhachuun siif ni mala.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “dhagaa diimaa gatii guddaa qabu.”
Ykn., “Gidduutti teessichaa wajjinii.”