Dhimma ijoo ta'etti seeni

Warri Koo Yoo Wal Hiikan Haala Isaa Akkamittan Dandamachuu Dandaʼa?

Warri Koo Yoo Wal Hiikan Haala Isaa Akkamittan Dandamachuu Dandaʼa?

Wanta gochuu dandeessu

 Wanta si yaaddesse irratti mariʼadhaa. Warri kee hangam akka gaddite ykn akka burjaajofte akka beekan godhi. Tarii wanta uumame siif ibsuudhaan wanti si yaaddesse akka sitti salphatu gochuu dandaʼu.

 Warri kee deggersa barbaachisu siif kennuu yoo dadhaban, michuu muuxannoo qabutti himuu dandeessa taʼa.—Fakkeenya 17:17.

 Hunda caalaa, Abbaan kee inni samii, ‘inni kadhata namaa dhagaʼuu’ si dhaggeeffachuu dandaʼa. (Faarfannaa 65:2) ‘Inni siif waan yaaduuf’ wanta garaa keessa jiru isa duratti dhangalaasi.—1 Pheexiros 5:7.

Wanta gochuu hin qabne

Gadda warri kee wal hiikuu isaaniitiin sitti dhagaʼamu irraanfachuun akkuma harka cabe irraa bayyanachuu kan nama dhukkubsu taʼus oolee bulee fayyuun isaa hin oolu

 Haaloo hin qabatin. Daaniʼel inni yeroo warri isaa wal hiikan umuriin isaa torba ture akkana jedheera: “Warri koo ofittoo turan. Isaan dhugumaan waaʼeen keenyas taʼe wal hiikuun isaanii nu irratti miidhaa akkamii akka geessisu isaan hin yaaddessine.”

 Daaniʼel aaree gubachuu isaa fi mufachuu isaa yoo dhiisuu baate maaltu isa mudachuu dandaʼa?—Yaada: Fakkeenya 29:22 dubbisi.

 Daaniʼel miidhaa warri isaa isa irraan gaʼaniif dhiifama gochuun isatti ulfaachuu kan dandaʼu taʼus, dhiifama gochuun isaa faayidaa kan qabu maaliifi?—Yaada: Efesoon 4:31, 32 dubbisi.

 Amala si miidhu argisiisuu irraa of qusadhu. Deeniin akkana jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: “Warri koo erga wal hiikanii booda gammachuu kanan dhabe taʼuu isaa irra iyyuu, baayʼee gaddeen ture. Qabxiin mana barumsaa koo hirʼachaa kan dhufe siʼa taʼu waggaa tokko kutaa kan biraatti utuu hin darbinan hafe. Sana booda immoo . . . kutaa keessatti kan jeequu fi naman argee wajjin kan wal lolun ture.”

 Deeniin kutaa keessatti amala akkasii argisiisuu kan jalqabe maaliif sitti fakkaata? Namootaa wajjin akka wal lolu kan isa taasise maal taʼuu dandaʼa?

 Qajeelfamni Galaatiyaa 6:7 irra jiru namoota ilaalcha akka Deenii adeemsa isaanuma miidhu hordofuu irraa akka of qusatan isaan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

 Miidhaan miiraa fayyuuf yeroo fudhachuun isaa hin oolu. Taʼus akkuma kanaan duraa wanta hojjettu sagantaadhaan raawwachuu yommuu jalqabdu miirri kee tasgabbaaʼaa dhufa.