Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Maal Beekuun Qaba?

Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Maal Beekuun Qaba?

 Kitaabni Qulqulluun naannoo seerri heyyamutti hamma tokko dhugaatii alkoolii dhuguu hin dhorku. Machii garuu ni dhorka.—Faarfannaa 104:15; 1 Qorontos 6:10.

 Haa taʼu malee, naannoo seerri dhugaatii alkoolii dhuguu dhowwutti ykn yeroo warri kee dhugaatii alkoolii akka dhugdu siif hin heyyamnetti akka dhugdu dhiibbaan yoo si irratti godhame maal goota?

 Wanta erga dhugdee booda uumamuu dandaʼu irratti yaadi

 Hiriyoonni kee tokko tokko yeroo gaarii dabarsuuf dhugaatii alkoolii dhuguun barbaachisaa akka taʼe yaadu taʼa. Haa taʼu malee, dhugaatii alkoolii erga dhugdee booda maaltu uumamuu dandaʼa?

  •  Seeraan itti gaafatamta. Bakka dhugaatii alkoolii dhuguun seeraan dhorkaa taʼe kan jiraattu yoo taʼe, dhugaatii alkoolii dhuguun kee, qarshiidhaan akka adabamtu, yakkamaa jedhamtee akka himatamtu, heyyama konkolaachisummaa kee akka dhabdu, tajaajila hawaasaa akka raawwattu ykn hidhaan illee akka sitti murteeffamu gochuu dandaʼa.—Roomaa 13:3.

  •  Maqaan kee ni bada. Dhugaatiin alkoolii akka of hin toʼanne si gochuu dandaʼa. Dhiibbaa dhugaatii alkooliitiin wanta booda itti gaabbitu dubbachuu ykn gochuuf qoramuu dandeessa. (Fakkeenya 23:31-33) Yeroo weebsaayitiin hawaasaa itti babalʼate kanatti gochi kee maqaa kee irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa.

  •  Humna of eeguuf qabdu si jalaa laaffisa. Dhugaatiin alkoolii miidhaa qaamaa ykn saalaatiif akka saaxilamtu gochuu dandaʼa. Kana malees, dhiibbaa warra kaaniitiif moʼamuudhaan, wanta balaadhaaf si saaxilu ykn gocha seeraan ala taʼe akka raawwattu si taasisuu dandaʼa.

  •  Araada sitti taʼuu dandaʼa. Qorannaawwan tokko tokko akka argisiisanitti, ijoollummaa keetti dhugaatii alkoolii dhuguu jalqabuun kee, carraan araada sitti taʼuuf qabu akka balʼatu godha. Dhiphina, kophummaa ykn mukaaʼummaa sitti dhagaʼamu dandamachuuf jecha dhugaatii alkoolii dhuguun kee, araada baayʼee cimaa taʼeen akka qabamtu si gochuu dandaʼa.

  •  Duʼaaf si saaxiluu dandaʼa. Waggoota dhihoodhaa asitti, Yunaayitid Isteetis keessatti dhugaatii alkoolii dhuganii konkolaachisuun daqiiqaa 52 keessatti lubbuu nama tokkoo galaafachaa jira. Waggaa shan qofa keessatti waggaa waggaatti namoonni umurii waggaa 21 gad taʼanii fi 1,500 ol taʼan sababii balaa dhugaatii alkoolii dhuganii konkolaachisuutiin gaʼeen duʼaniiru. Ati dhugaatii alkoolii dhuguu baattu illee, konkolaataa namni dhugaatii alkoolii dhuge konkolaachisuun yoo deemte balaadhaaf of saaxiluu dandeessa.

 Murtoo godhi

 Rakkoowwan gar malee dhugaatii alkoolii dhuguun geessisu irraa of qusachuuf maal akka gootu dursitee yoo murteessite, balaa fi kaasaaraa guddaa gama kanaan dhufu irraa of eeguu dandeessa.

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.” (Fakkeenya 22:3) Konkolaachisuu ykn sochiiwwan xiyyeeffannaa guutuu barbaadan kam irratti iyyuu hirmaachuu dura dhugaatii alkoolii dhuguun sirrii miti.

 Murtoo: ‘Dhugaatii alkoolii dhuguuf yoon murteesse, hamma seerrii fi haalli isaa naaf heyyamutti eeguun qaba.’

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Nama ajajamtan sanaaf garbicha taatu.’ (Roomaa 6:16) Hiriyoonni kee waan dhuganiif qofa kan dhugdu yoo taʼe, warri kaan akka si toʼatan heyyamaa jirta jechuu dha. Mukaaʼummaa ykn dhiphina dandamachuuf kan dhugdu yoo taʼe immoo, dandeettiiwwan rakkoowwan dandamachuuf si barbaachisan guddifachaa hin jirtu jechuu dha.

 Murtoo: ‘Hiriyoonni koo akkan dhugu dhiibbaa akka na irratti godhan isaaniif hin heyyamu.’

 Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namoota daadhii wayinii hedduu dhuganii wajjin . . . hin taʼin.” (Fakkeenya 23:20) Hiriyoota gadhee wajjin michoomuun kee murtoo kee akka laaffistu si gochuu dandaʼa. Namoota dhugaatii alkoolii gar malee dhuganii wajjin yommuu taatu balaadhaaf of saaxilta.

 Murtoo: ‘Namoota dhugaatii alkoolii gar malee dhuganii wajjin hin michoomu.’