Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Dhibee Fayyaa Akkan Qabu Yoon Beeke Maalan Godha? (Kutaa 1)

Dhibee Fayyaa Akkan Qabu Yoon Beeke Maalan Godha? (Kutaa 1)

 Dargaggoota dhibee fayyaa cimaa taʼeen dhiphachaa jiran beektaa? Ati hoo dhibee ykn miidhaa qaamaa sochiiwwan hiriyoonni kee irratti hirmaatan irratti akka hin hirmaanne si dhoowwu qabdaa?

 Taanaan yeroo tokko tokko abdii kutachuun kee nama hin dinqisiisu. Haa taʼu malee Kitaabni Qulqulluun yaadawwan baayʼee nama jajjabeessan lama qabateera.

  •   Uumaan kee Yihowaan haala keessa jirtu beeka. Kana malees, ‘inni siif yaada.’—1 Pheexiros 5:7.

  •   Kaayyoon Yihowaa dhukkuba hunda balleessuu dha! Waaʼee kanaa Kitaaba Qulqulluu keessaa Isaayaas 33:24 fi Mulʼata 21:1-4 irraa dubbisuu dandeessa.

 Dargaggoonni hedduun dhibee fayyaa qaban Waaqayyoo fi abdiiwwan inni kenne irratti amantii qabaachuun isaanii akka isaan gargaare hubataniiru. Mee fakkeenya afur ilaali.

 YAAMII

 Yeroo umuriin koo waggaa 11 taʼu asii fi achi deddeemuuf wiilchariin na barbaachisee ture. Hojiiwwan sasalphaa taʼan kan akka wantoota xixinnoo taʼan kaasuu illee hojjechuu hin dandaʼun ture.

 Yeroo umuriin koo waggaa shan turetti dhukkuba muscular dystrophy jedhamuu fi maashaalee dadhabsiisuun akkan qabame qorannoodhaan beekame. Dhukkubni kun hammaachaa kan deemu waan taʼeef sochiiwwan koo garmalee kan daangessu ture. Yeroo sana wantoota hiriyoonni koo godhan gochuu waanan hin dandeenyeef abdii kutadheen ture. Haa taʼu malee warri koo fi obboloonni gumii koo keessa jiran deeggarsa qaamaa, miiraa fi hafuuraa naa godhaniiru. Amma tajaajila yeroo guutuu irratti hirmaachaan jira; akkasumas yeroon namoota fedhii qaban Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu deemu Kiristiyaanonni hidhata amantii koo taʼan na wajjin deemu.

 Yesuus guyyaan hundi yaaddoo mataa isaa akka qabu dubbateera. (Maatewos 6:34) Kanaafuu waaʼee boruu yaaddaʼuu mannaa waaʼee harʼaa yaaduufan yaala; akkasumas galmawwan ani irra gahuu dandaʼu nan baafadha. Yeroon itti ani addunyaa haaraa Waaqayyoo keessatti “jireenya isa dhugaa” jiraadhuu fi dhukkuba nama laaffisu kana irraa bilisa itti taʼu hawwiidhaanan eeggadha.—1 Ximotewos 6:19.

Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Yaamiin “galmawwan irra gahuun dandaʼamu baafachuun” kan nama gargaaru taʼuu isaa hubatteetti. Ati hoo akkana gochuu kan dandeessu akkamitti?—1 Qorontos 9:26.

 MAATE’OO

 Yeroo umuriin koo waggaa jaʼa taʼu dugdi koo miidhamuu jalqabe; doktaroonnis dhukkubni koo guddina koo wajjin akka wal qabatu dubbatanii turan. Waggaa tokko booda xannachi tokko dugda koo keessatti guddachuu akka jalqabe hubatan.

 Yaalii baqaqsanii hodhuu naaf godhanii kan turan taʼus xannachi yaalii kanaan baʼe parsantii 40 qofa ture. Achiis jiʼa lama keessatti xannachi sun iddoo duraaniitti deebiʼe! Yeroo sanaa jalqabee qorannoo hedduu fi yaalii hedduun kan naaf godhame taʼus haalli isaa abdii kan nama kutachiisu ture.

 Yeroo tokko tokko xannachi kun dugda koo fi laphee koo baayʼee waan na dhukkubsuuf akka waan cuupheen na waraanee natti dhagaʼama. Taʼus haallin keessa jiru akka na hin toʼanne gochuuf nan yaala. Namoonni kaanis haalawwan rakkisaa taʼan dandaʼanii kan jiraatan taʼus, ilaalcha sirrii akka qaban of yaadachiisuufan yaala. Ilaalcha sirrii akkan qabaadhu wanti na gargaare inni guddaan, Yihowaan guyyaa tokko rakkinoota hunda balleessuudhaan waadaa gale akka raawwatu amanannaa qabaachuu kooti.—Mulʼata 21:4.

Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Waaʼee waadaa Waaqayyo rakkinoota balleessuudhaaaf galee yaaduun, akkuma Maateʼoo gargaare atis jabaattee akka dhaabbattu si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?—Isaayaas 65:17.

 BIRUUNAA

 Nama dhukkubsatu waanan hin fakkaanneef namoonni tokko tokko dhibaaʼaa akkan taʼe yaaduu dandaʼu. Dhugaa dubbachuuf garuu hojii mana keessaa hojjechuu, qoʼachuu ykn siree koo irraa kaʼuu dabalatee wanti hundi natti ulfaata.

 Yeroo umuriin koo waggaa 16 turetti dhukkuba multiple sclerosis jedhamuu fi baayʼee nama dadhabsiisu akkasumas hammaachaa deemu akkan qabu beekame. Dhukkubni kun dandeettii hojjechuu koo qofa utuu hin taʼin, sochiiwwan Kiristiyaanaa irratti hamman barbaadu akkan hin hirmaanne dhiibbaa ana irratti godheera. Yaada 1 Pheexiros 5:7 irra jiruu fi, “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa [Waaqayyo] irratti gataa” jedhu irra deddeebiʼeen dubbisa ture. Yaada, Yihowaan hunda keenyaaf dhuunfaatti akka yaadu ibsu kana irraa jabina argadheera. Hanga harʼaattis na jabeessuu isaa itti fufeera.

Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Ati hoo akkuma Biruunaa yaaddoo kee Yihowaa irratti gatuun kee si fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?—Faarfannaa 55:22.

 ANDIREE

 Namoonni tokko tokko mucaa waggaa 10 akkan taʼetti na ilaalu. Anis mucaa xinnoo waanan fakkaadhuuf isaan hin ceephaʼu.

 Yommuu umuriin koo waggaa lama turetti gosa kaansarii baayʼee baramaa hin taanee fi ribuu lafee irraa jalqabee gara sammuutti deemu akkan qabu beekame. Doktaroonni dhukkubicha toʼachuu kan dandaʼan taʼus, yaaliin fayyaa naaf godhame guddina koo irratti dhiibbaa godheera. Amma dheerinni koo meetira 1.37 qofa dha. Namoonni baayʼeen yeroon ani umuriin koo waggaa 18 akka taʼe isaanitti himu waanan sobu isaanitti fakkaata!

 Gumii Kiristiyaanaa keessatti namoonni kabajaan na qabu. Akka ijoolleen mana barumsaa ani itti baradhuu isaan anatti hin qoosan. Haalan keessa jiru ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaadhee itti fufuufan yaala. Kan nama gammachiisu, wanta nama tokko mudachuu dandaʼu keessaa inni hunda irra caalu na mudateera, innis Yihowaa beekuu kooti! Wantin dandaʼee jiraachuu qabu maal iyyuu yoo taʼe Yihowaan akka na kunuunsu beeka. Waaʼee addunyaa haaraa isa dinqisiisaa taʼee fi Yihowaan abdachiisee yaaduun koo ilaalcha sirrii akkan qabaadhu na gargaareera.—Isaayaas 33:24.

Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban: Akkuma Andireen jedhe Yihowaa beekuun, “wanta nama tokko mudachuu dandaʼu keessaa isa hunda irra caalu” kan taʼe maaliifi?—Yohaannis 17:3.