Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Wanta Hin Dandaʼamnen Of Irraa Eegaa?

Wanta Hin Dandaʼamnen Of Irraa Eegaa?
  •   Qormaata hunda irratti A+ fiduun qaba yoo jetta taʼe

  •   Naa hin milkaaʼu jettee waan sodaattuuf wantoota tokko tokko hojjechuu hin barbaaddu yoo taʼe

  •   Wanta tokko akka sirreessitu yommuu yaadni sii kennamu akka si ceephaʼaa jiranitti kan yaaddu yoo taʼe

 . . .  deebiin gaaffiiwwan olitti kaʼaniif kennitu eeyyee taʼuu dandaʼa. Garuu nama akkasii taʼuun miidhaa qabaa?

Wanta hin dandaʼame of irraa eeguun dogoggoraa?

  Wanta siif dandaʼame hunda gochuuf yaaluun dogoggora hin qabu. Haa taʼu malee, kitaabni Perfectionism—What’s Bad About Being Too Good? jedhamu akka jedhutti, “wanta nuuf dandaʼame hunda gochuuf yaaluu fi wanta hin dandaʼamne gochuuf yaaluu gidduu garaagarummaa guddaan jira.” Kitaabichi itti dabaluudhaan, “wanta hin dandaʼamne of irraa eeguun baʼaa guddaa dha, sababiin isaas namni gonka qabeessa taʼe hin jiru” jedha.

 Kitaabni Qulqulluun yaada kana ni deggera. Akkas jedha: “Namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii godhu . . . tokko illee lafa irratti hin argamu.” (Lallaba 7:20) Gonka qabeessa waan hin taaneef, yeroo tokko tokko wanta yaaddee gad hojjechuu dandeessa.

 Kana amanuun sitti ulfaataa? Taanaan, wanta hin dandaʼamne of irraa eeguun karaawwan itti si miidhuu dandaʼu afur ilaali.

  1.   Ilaalcha ofiif qabdu irratti. Namoonni wanta hin dandaʼame of irraa eegan, ulaagaa bira gaʼuu hin dandeenye ofiif baasu, kun immoo abdii isaan kutachiisa. Shamarreen Aliishiyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Dhugaa dubbachuuf, wanta hundaan gaarii taʼuu hin dandeenyu. Gonka qabeessa waan hin taaneef qofa yoo of ceephaane ofitti amanannaa dhabna. Kun immoo baayʼee nama gaddisiisa.”

  2.   Ilaalcha gorsa gaariitiif qabdu irratti. Namoonni wanta hin dandaʼamne of irraa eegan gorsa isaaniif kennamu maqaa isaanii balleessuuf akka qophaaʼe godhanii ilaalu. Dargaggeessi Jermii jedhamu akkas jedheera: “Yommuu sirreeffamni naaf kennamu baayʼeen aara. Wanta hin dandaʼamne of irraa eeguun hanqina akka qabdu amantee akka hin fudhannee fi gargaarsa si barbaachisu akka hin fudhanne si taasisa.”

  3.   Ilaalcha warra kaaniif qabdu irratti. Namoonni wanta hin dandaʼamne of irraa eegan yeroo baayʼee namoota ceephaʼu, maaliif akkas akka godhan hubachuun immoo ulfaataa miti. Anaa ishiin umuriin ishii waggaa 18 taʼe akkas jetteetti: “Wanta hin dandaʼamne yommuu of irraa eegdu, namoonni kaanis akkasuma akka godhan isaan irraa eegda, yommuu namoonni ulaagaa sana guutuu dadhabanitti immoo abdii isaanitti kutatta.”

  4.   Ilaalcha warri kaan siif qaban irratti. Wanta hin dandaʼamne warra kaan irraa eegda yoo taʼe, warri kaan akka si irraa fagaatan hin shakkin! Dubartii umurii waggaa 29 kan taate Beeti, “Ulaagaa nama wanta hin dandaʼamne of irraa eeguu guutuun dadhabsiisaa dha. Namni nama akkasii wajjin taʼuu barbaadu tokko illee hin jiru” jetteetti.

Karaan kana irra wayyu jiraa?

  Kitaabni Qulqulluu akkas jedha: “Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.” (Filiphisiyus 4:5) Namoonni sababa qabeeyyii taʼan of irraas taʼe warra kaan irraa wanta eegan irratti madaallii isaanii eeggatu.

 “Alaan dhiibbaan nu irra gaʼu hedduun jira. Maarree wanta hin dandaʼamne of irraa eeguudhaan maaliif baʼaa dabalataa ofitti feena? Yaada akkasii fudhachuun kan ulfaatu kanaafi!”—Naayilaa.

 Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: ‘Humna kee beekii Waaqa kee wajjin deddeebiʼi!’ (Miikiyaas 6:8, miiljalee) Namoonni humna isaanii beekan hanqina akka qaban amananii fudhatu. Hamma hojjechuu dandaʼanii ol hin fudhatan; akkasumas hojii hojjechuu hin dandeenye irratti yeroo dheeraa hin dabarsan.

 “Itti gaafatama koo akka gaariitti akkan raawwadhe akka natti dhagaʼamu yoon barbaade, hamman dandaʼu qofan fudhadha. Wantin hojjechuu dandaʼu hammuma sana qofa dha.”—Haalee.

 Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Wanta gochuu dandeessu kam iyyuu humna kee guutuudhaan raawwadhu.” (Lallaba 9:10) Rakkina wanta hin dandaʼamne of irraa eeguu hambisuuf furmaanni isaa dhibaaʼummaa utuu hin taʼin, jabaatanii hojjechuu dha, taʼus amalawwan olitti ibsaman kan akka yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu fi humna ofii beekuu qabaachuun barbaachisaa dha.

 “Hojii koo karaa hunda caalaa gaarii taʼeen hojjechuuf nan yaala, akkasumas guutummaatti of nan kenna. Matumaa mudaa kan hin qabne akkan hin taane beeka, taʼus wanta naaf dandaʼame hunda akkan godhe beekuu kootti nan gammada.”—Jooshuwaa.