Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Gadda Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Gadda Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

 Hiriyaan ykn miseensi maatii kee tokko dhiheenyatti si jalaa duʼeeraa? Taanaan, mata dureen kun gadda si mudate dandamachuuf si gargaaruu dandaʼa.

Mata duree kana keessatti

 Garmaleen gaddaa jiraa?

 Gaddi namoota hedduutti dhagaʼamu cimaa fi yeroo dheeraadhaaf kan turu dha.

 “Gaaf tokko illee waaʼee akaakayyuu koo utuu hin yaadin oolee hin beeku. Erga duʼaan boqotee waggaan lama kan darbe taʼus, amma illee yommuun waaʼee isaa kaasu utuu hin booʼin dubbachuu hin dandaʼu.”—Oliiviyaa.

 “Akkoon koo galmawwan koo irra akkan gaʼuuf deggersa guddaa naaf gooti turte; taʼus galma koo isa tokko irra illee yommuun gaʼu utuu hin argin duʼaan boqotte. Yommuun galma koo tokko irra gaʼu hundatti ishiin waan na hin argineef baayʼeen gadda.”—Aliisan.

 Gaddi mirri garaa garaa akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf:

 “Yeroo wasiilli koo duʼaan boqotetti, baayʼeen naʼe, naasuun koo kunis yeroo dheeraadhaaf na hin gadhiisne. Nama natti dhihoo taʼe duʼaan yeroon dhabu kun isa jalqabaa ture, waanuma baaburri na irra baʼe natti fakkaate.”—Noodiin.

 “Yeroo akaakkayyuun koo duʼetti baayʼee isatti aaren ture, sababiin isaas fayyaa isaa akka kunuunsu isa jajjabeessinee kan turre taʼus utuu akkas hin godhin hafeera.”—Kaarlos.

 “Yeroo akaakkayyuun koo duʼaan boqotetti miseensota maatii keenyaa keessaa kan hin turre anaa fi obboleettii koo qofa ture. Duʼuu isaa dura nagaa waanan isatti hin dhaamneef baayʼeen of ceephaʼe.”—Adriyaanaa.

 “Hiriyoonni gaaʼela maatii keenyatti baayʼee dhihaatan tokko balaa konkolaataatiin duʼan. Sana booda, yeroo miseensi maatii keenyaa tokko manaa baʼu hundatti, inni ykn ishiinis ni duʼuu laata jedhee yaaduudhaan baayʼeen sodaadhan ture.”—Jaared.

 “Waggaa sadii dura yeroo akkoon koo duʼaan boqotte, utuu ishiin lubbuudhaan jirtuu ishiidhaa wajjin yeroo hedduu utuu hin dabarsin hafuu kootti baayʼeen gaabbe.”—Juliyaanaa.

 Yeroo gaddi nu mudatutti nahuun, aaruun, of ceephaʼuun, sodaachuunii fi gaabbuun waanuma jiru dha. Miirawwan kana keessaa tokko tokko sitti dhagaʼama yoo taʼe yeroo booda hirʼachaa akka deemu mirkanaaʼaa taʼi. Hammasitti garuu gadda sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

 Gadda sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

 Miira sitti dhagaʼamu michuu keetti himi. Kitaabni Qulqulluun michuu dhugaan obboleessa “yeroo dhiphinaatiif dhalate” akka taʼe dubbata. (Fakkeenya 17:17) Miira sitti dhagaʼamu nama tokkotti himuun kee gargaarsa si barbaachisu argachuuf si gargaara.

 “Gadduun waanuma jiru dha. Yeroo tokko tokko qofaa kee gadduu dandeessa, kun garuu haalli isaa matumaa akka hin fooyyofne gootee akka yaaddu si taasisuu dandaʼa. Miira sitti dhagaʼamu nama tokkotti dubbachuun barbaachisaa kan taʼe kanaafi.”—Iiveet.

 Nama jaallattuu fi duʼaan dhabde sana hin irraanfatin. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gaariin wanta gaarii garaa isaa keessatti kuufate” akka qabu dubbata. (Luqaas 6:45) Waaʼee nama sanaa wantoota gaggaarii yaadattu barreeffachuu ykn suuraa isaa walitti qabachuu dandeessa.

 “Wanta hiriyaan koo duʼuu isaa dura na barsiise hundumaa barressuufan murteesse. Kunis wantan isa irraa baradhe irraa faayidaa argachuu koo itti fufuuf na gargaara. Waaʼee isaa barreessuun koos gadda natti dhagaʼamu dandamachuuf na gargaareera.”—Jeefrii.

 Fayyaa keetiif kunuunsa godhi. Kitaabni Qulqulluun sochii qaamaa gochuun faayidaa akka qabu dubbata. (1 Ximotewos 4:8) Nyaata madaalamaa nyaadhu, sochii qaamaa godhi, akkasumas sirriitti boqodhu.

 “Yommuu gaddinu sirriitti yaaduu dhiisuu dandeenya, kanaaf haala fayyaa keetii hordofi. Nyaachuu fi hirriba gaʼa argachuu hin dagatin.”—Maariyaa.

 Warra kaan gargaari. Kitaabni Qulqulluun, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedha.—Hojii Ergamootaa 20:35.

 “Namoota kaan, keessumaa immoo warra nama jaallatan duʼaan dhaban gargaaruuf carraaqqii godhi. Akkas gochuun kee namoota kaan irras rakkinni gaʼa akka jiru akka hin daganne si gargaara.”—Kaarlos.

 Miira kee kadhannaadhaan ibsi. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan Waaqa “kadhannaa namaa dhagaʼu” akka taʼe dubbata. (Faarfannaa 65:2) Kana malees, Yihowaan “Warra garaan isaanii cabe ni fayyisa;Madaa isaaniis isaaniif ni hidha” jedha.—Faarfannaa 147:3.

 “Yihowaan deggersaa fi jajjabina si barbaachisu akka siif kennu isa kadhadhu. Guyyoonni tokko tokko isa kaan irra ulfaachuu dandaʼu, Yihowaan garuu yeroo hundumaa si gargaaruu dandaʼa.”—Jaaneet.

 Humnaa ol of irraa hin eegin. Namni hundi gadda isaa kan ibsu karaa garaa garaatiin akka taʼe yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun Yaaqoob ilmi isaa waan duʼe yeroo itti fakkaatetti “jajjabaachuu dide” jedha. (Uumama 37:35) Kanaafuu, gaddi kee yoo sirra ture si dinqisiisu hin qabu.

 “Obboleettiin akkoo kootii erga duutee waggaan 15 kan darbe taʼus wantoonni garaa garaa waaʼee ishii na yaadachiisu turan.”—Teeylar

 Mee lafeen kee akka cabetti yaadi. Garmalee si dhukkuba, bayyaannachuufis yeroo sitti fudhata. Yeroo kanatti ogeessi fayyaa hamma inni sii fayyutti akkamitti kunuunsuu akka qabdu sitti himuu dandaʼa.

 Miidhaa nama jaallannu duʼaan dhabuudhaan nu irra gaʼe irraa bayyaannachuunis kanaa wajjin walfakkaata. Gaddi cimaan nutti dhagaʼamu hirʼachaa kan deemu yeroo booda dha. Kanaafuu obsi. Yaadawwan mata duree kana keessatti dhihaatan irratti yaaduudhaan isa caalaatti si gargaaru adda baafadhu.