Fakkeenya 20:1-30

  • Daadhiin wayinii qoostuu nama godha (1)

  • Dhibaaʼaan yeroo gannaatti hin qotu (4)

  • Yaanni namaa akka bishaan gad fagoo ti (5)

  • Akeekkachiisa ariifatanii wareega wareeguu ilaalchisee kenname (25)

  • Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti (29)

20  Daadhiin wayinii qoostuu,+ dhugaatiin alkooliis gadhiisii nama godha;+Namni isaaniin daandii irraa jalʼatu kam iyyuu ogeessa miti.+   Naasisuun* mootii akkuma gururiʼuu leencaa ti;*+Namni aarii isaa kakaasu kam iyyuu lubbuu isaa balaadhaaf saaxila.+   Namni tokko falmii irraa fagaachuun isaa isaaf ulfina dha,+Namni gowwaa taʼe hundi garuu itti seena.+   Namni dhibaaʼaan yeroo gannaa hin qotu,Kanaafuu, yeroo makaraatti homaa waan hin qabaanneef ni kadhata.*+   Yaanni* garaa namaa keessa jiru akka bishaan gad fagoo ti,Namni hubataan garuu achi keessaa waraabee ni baasa.   Namoonni hedduun jaalala amanamaa akka qaban dubbatu,Nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?   Namni qajeelaan amanamummaadhaan deddeebiʼa.+ Ijoolleen* isaa warri isa booda dhufan gammadoo dha.+   Mootiin murtii kennuuf yommuu teessoo irra taaʼu,+Hammina hundumaa ija isaatiin ni gingilcha.+   “Garaa koo qulqulleeffadheera;+Cubbuu koo irraa qulqulluu dha” jechuu kan dandaʼu eenyu?+ 10  Dhagaan madaallii sirrii hin taanee fi safartuun sobaa,*Lamaanuu Yihowaa duratti jibbisiisoo dha.+ 11  Mucaan tokko illee amalli isaa qulqulluu fi sirrii taʼuun isaaGocha isaatiin ni beekama.+ 12  Gurra dhagaʼuu fi ija argu,Lamaan isaanii iyyuu Yihowaatu uume.+ 13  Hirriba hin jaallatin, taʼuu baannaan ni hiyyoomta.+ Ija kee bani, nyaata ni quufta.+ 14  Namni yeroo waa bitu, “Gaarii miti, gaarii miti!” jedha;Erga deemee booda immoo of jaja.+ 15  Warqiin jira, elellaa* hedduunis jira,Afaan beekumsa dubbatu garuu gatii guddaa qaba.+ 16  Namni tokko ormaaf yoo wabii taʼe uffata isaa irraa fudhadhu;+Kana kan godhe dubartii biyya ormaatiif* yoo taʼe immoo qabsiisa irraa fudhadhu.+ 17  Namni tokko nyaanni gowwoomsaadhaan argate isatti ni miʼaawa,Sana booda garuu afaan isaa cirrachaan guutama.+ 18  Mariidhaan* karoorri ni milkaaʼa,*+Qajeelfama ogummaa irratti hundaaʼeen waraana kee geggeessi.+ 19  Namni maqaa namaa balleessu asii fi achi deemee iccitii saaxila;+Nama hamii jaallatutti* hin michoomin. 20  Namni abbaa isaa fi haadha isaa abaaru kam iyyuu,Yommuu dukkanaaʼutti ibsaan isaa ni dhaama.+ 21  Dhaalli jalqaba irratti sassataan argameDhuma irratti eebba hin taʼu.+ 22  “Wanta hamaa ana irratti raawwatameef hamaa nan deebisa!” hin jedhin.+ Yihowaa abdadhu,+ innis si oolcha.+ 23  Dhagaan madaallii sirrii hin taane* Yihowaa duratti jibbisiisaa dha,Madaalliin gowwoomsaanis gaarii miti. 24  Tarkaanfii namaa Yihowaatu qajeelcha;+Namni daandii ofii isaa* akkamitti hubachuu dandaʼa? 25  Namni tokko ariifatee, “Qulqulluu dha!”+ yoo jedhe,Sana booda immoo wanta wareege irratti yoo yaade kiyyoo isatti taʼa.+ 26  Mootiin ogeessi hamoota ni gingilcha,+Geengoo ittiin midhaan dhaʼanis isaan irra ni oofa.+ 27  Hafuurri namni baafatu ibsaa Yihowaa ti,Keessa namichaa akka gaariitti ni qora. 28  Jaalalli amanamaanii fi amanamummaan mootii ni eegu;+Jaalala amanamaadhaanis teessoo isaa ni tursa.+ 29  Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti,+Miidhaginni maanguddootaa immoo harrii isaanii ti.+ 30  Dirmammuunii fi madaan hammina ni balleessa,+Reebichis keessa nama tokkoo ni qulqulleessa.

Miiljaleewwan

Ykn., “Sodaachisuun.”
Ykn., “leenca saafelaa ti.”
Ykn tarii, “Yeroo makaraatti ni barbaada, garuu homaa hin argatu.”
Kal., “Gorsi.”
Kal., “Ilmaan.”
Ykn., “Dhagaan madaallii adda addaa lamaa fi miini safaraa adda addaa lama.”
Ykn., “nama biyya ormaatiif.”
Ykn., “Gorsaan.”
Ykn., “jabaatee ni dhaabbata.”
Ykn., “afaan isaatiin sossobutti.”
Ykn., “Dhagaan madaallii adda addaa lama.”
Ykn., “daandii irra deemu.”