Wangeela Yohaannis 4:1-54

  • Yesuusii fi dubartii Samaariyaa (1-38)

    • Waaqayyoon “hafuuraa fi dhugaadhaan” waaqeffadhaa (23, 24)

  • Namoonni Samaariyaa hedduun Yesuusitti amanan (39-42)

  • Yesuus ilma abbaa taayitaa tokkoo fayyise (43-54)

4  Gooftaan inni Yohaannis caalaa namoota hedduu barattoota gochaa fi cuuphaa+ akka jiru Fariisonni dhagaʼuu isaanii yommuu hubatu  (garuu, barattoota isaatu cuuphaa ture malee Yesuus ofii isaatii hin cuuphne)  Yihudaa keessaa baʼee ammas gara Galiilaa dhaquuf kaʼe.  Haa taʼu malee, Samaariyaa keessa darbee deemuu qaba ture.  Kanaafuu, magaalaa Samaariyaa Siikaar jedhamtuu fi lafa Yaaqoob ilma isaa Yoseefiif kennetti+ dhihoo jirtu tokko gaʼe.  Boolli bishaanii Yaaqoob achi jira ture.+ Yesuusis karaa deemuu isaatiin waan dadhabeef boolla bishaanii* sana bira taaʼe. Yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture.  Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte. Yesuusis, “Bishaan ani dhugu naa kenni” ishiidhaan jedhe.  (Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turan.)  Kanaafuu dubartiin sun, “Ati Yihudii taatee utuu jirtuu, akkamitti ana dubartii Samaariyaa bishaan dhugamu gaafatta?” isaan jette. (Akkana kan jette, Yihudoonni warra Samaariyaa wajjin waan walitti hin dhihaanneef ture.)+ 10  Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqayyo+ tola kennuu fi inni, ‘Bishaan ani dhugu naa kenni’ siin jedhu eenyu akka taʼe utuu beektee, silaa ati iyyuu isa kadhatta turte; innis bishaan jireenyaa+ siif kenna ture” ishiidhaan jedhe. 11  Ishiinis akkana isaan jette: “Gooftaa, ati wanta ittiin bishaan waraabbattu illee hin qabdu; boollichi immoo gad fagoo dha. Maarree bishaan jireenyaa kana eessaa argatta? 12  Ati abbaa keenya Yaaqoob irra ni caaltaa? Inni boolla bishaanii ilmaan isaa fi loon isaa wajjin keessaa dhugaa ture kana nuuf kenneera.” 13  Yesuusis deebisee akkana ishiidhaan jedhe: “Namni bishaan kana irraa dhugu hundi deebiʼee ni dheebota. 14  Namni bishaan ani isaaf kennu irraa dhugu hundi garuu matumaa hin dheebotu;+ kanaa mannaa, bishaan ani isaaf kennu sun isa keessatti burqaa bishaanii jireenya bara baraa kennuuf burqu ni taʼa.”+ 15  Dubartittiinis, “Gooftaa, akkan hin dheebonnee fi bishaan waraabbachuuf bakka kanatti akkan hin deddeebineef, bishaan kana naa kenni” isaan jette. 16  Innis, “Dhaqi, abbaa manaa kee waamii deebiʼii kottu” ishiidhaan jedhe. 17  Dubartittiinis, “Abbaa manaa hin qabu” jettee deebiste. Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “‘Abbaa manaa hin qabu’ jechuun kee sirrii dha. 18  Sababiin isaas, ati abbaa manaa shan qabda turte; namichi amma sii wajjin jiru immoo abbaa manaa kee miti. Wanti ati dubbatte kun dhugaa dha.” 19  Dubartittiinis akkana isaan jette: “Gooftaa, ati raajii taʼuu kee hubadheera.+ 20  Abbootiin keenya gaara kana irratti waaqeffachaa turan; isin garuu bakki namoonni itti waaqeffachuu qaban Yerusaalemi jettu.”+ 21  Yesuusis akkana ishiidhaan jedhe: “Dubartii nana, na amani, saʼaatiin isin gaara kana irrattis taʼe Yerusaalemitti Abbaa itti hin waaqeffanne ni dhufa. 22  Isin wanta hin beekne waaqeffattu;+ nuti garuu fayyinni karaa Yihudootaa waan dhufuuf,+ wanta beeknu waaqeffanna. 23  Haa taʼu malee, saʼaatiin waaqeffattoonni dhugaan hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa itti waaqeffatan ni dhufa; saʼaatiin sunis amma dha; sababiin isaas, Abbaan namoonni akkanaa akka isa waaqeffatan barbaada.+ 24  Waaqayyo hafuura;+ warri isa waaqeffatanis hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”+ 25  Dubartittiinis, “Masiihiin inni Kiristoos jedhamu akka dhufu beeka. Inni yeroo dhufu wanta hundumaa ifatti nutti hima” isaan jette. 26  Yesuusis “Ani inni sitti dubbachaa jiru kun isa dha”+ ishiidhaan jedhe. 27  Yeroo kanatti barattoonni isaa deebiʼanii yommuu dhufan dubartii wajjin dubbachaa akka jiru arganii dinqisiifatan. Taʼus namni, “Maal barbaadde?” yookiin “Maaliif ishii wajjin dubbatta?” isaan jedhe hin turre. 28  Kanaafuu, dubartittiin okkotee ishii dhiistee gara magaalaa dhaquudhaan akkana jettee namootatti himte: 29  “Kottaa, namicha wantan godhe hunda natti hime ilaalaa. Namichi kun, Kiristoos taʼinnaa laata?” 30  Isaanis magaalattii keessaa baʼanii gara isaa dhufuu jalqaban. 31  Yeroo kanatti barattoonni isaa, “Rabbii,+ nyaadhu” jedhanii isa kadhatu turan. 32  Haa taʼu malee inni, “Ani nyaatan nyaadhu qaba; isin garuu waaʼee isaa hin beektan” isaaniin jedhe. 33  Kanaafuu, barattoonni isaa, “Namni nyaata isaaf fide jiraa laata?” waliin jedhan. 34  Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Nyaanni koo, fedhii isa na erge sanaa raawwachuu+ fi hojii isaa xumuruu dha.+ 35  Isin makarri gaʼuuf jiʼa afurtu hafa jettu mitii? Kunoo, ani isiniin nan jedha, ija keessan ol kaasaatii maasicha ilaalaa; inni addaatee haamaadhaaf gaʼeera.+ Ammuma iyyuu 36  inni haamu mindaa isaa argachaa fi jireenya bara baraatiif firii walitti qabaa jira; kanaan kan kaʼes inni facaasuu fi inni haamu waliin ni gammadu.+ 37  Kana ilaalchisee dubbiin, ‘Inni tokko ni facaasa, inni kan biraan immoo ni haama’ jedhu dhugaa dha. 38  Ani wanta itti hin dadhabne akka haammattan isin ergeera. Warri kaan itti dadhabaniiru, isin garuu buʼaa dadhabbii isaanii irraa hirmaattan.” 39  Namoonni Samaariyaa magaalaa sana keessa jiraatan hedduun dubartittiin, “Inni wantan godhe hunda natti himeera”+ jettee waan dhugaa baateef isatti ni amanan. 40  Kanaafuu, namoonni Samaariyaa sun yommuu gara isaa dhufan isaan bira akka turu isa kadhatan; innis guyyaa lamaaf achi ture. 41  Wanta inni dubbateen kan kaʼes, namoonni kan biroo hedduun ni amanan; 42  isaanis dubartii sanaan, “Kana booda kan amannu waan ati dubbatteen qofa miti; nuti ofii keenyaa iyyuu dhageenyeerra; namni kun dhuguma fayyisaa addunyaa+ taʼuu isaas beekneerra” jedhan. 43  Guyyaa lama booda achii kaʼee gara Galiilaa dhaqe. 44  Haa taʼu malee, Yesuus iyyuu raajiin tokko biyya isaatti akka ulfina hin arganne dubbatee ture.+ 45  Kanaafuu, namoonni Galiilaa yommuu inni achi gaʼu isa simatan; sababiin isaas, isaanis ayyaanicha irratti argamanii waan turaniif+ wantoota inni guyyaa ayyaanaatti Yerusaalem keessatti hojjete arganiiru.+ 46  Sana booda ammas gara Qaanaa ishii Galiilaa, jechuunis bakka bishaan daadhii wayiniitti itti jijjiire+ sana dhaqe. Yeroo kanatti abbaan taayitaa mana mootummaa ilmi isaa jalaa dhukkubsate tokko Qifirnaahom keessa jira ture. 47  Namichi kun Yesuus Yihudaadhaa gara Galiilaa akka dhufe yommuu dhagaʼu, ilmi isaa duʼuu jala waan gaʼeef gara Yesuus dhaqee, gad buʼee ilma isaa akka isaaf fayyisu isa kadhate. 48  Yesuus garuu namichaan, “Isin mallattoo fi dinqii yoo argitan malee matumaa hin amantan”+ jedhe. 49  Abbaan taayitaa mana mootummaa sunis, “Yaa Gooftaa, mucaan koo duʼuu isaa dura dafii naa kottu” isaan jedhe. 50  Yesuusis, “Dhaqi; ilmi kee fayyeera”+ isaan jedhe. Namichis wanta Yesuus itti hime amanee deeme. 51  Taʼus, utuu inni gad buʼaa jiruu, garboonni isaa itti dhufanii ilmi isaa akka fayye itti himan. 52  Kanaafuu, inni saʼaatii meeqatti akka itti wayyaaʼe isaan gaafate. Isaanis, “Dhaqna gubaan sun kaleessa saʼaatii torbatti isa gadhiise” jedhanii isaaf deebisan. 53  Abbaan mucichaas, kun kan taʼe saʼaatuma Yesuus, “Ilmi kee fayyeera” isaan jedhe sanatti taʼuu isaa hubate.+ Kanaafuu, innii fi maatiin isaa hundi ni amanan. 54  Kun dinqii Yesuus yommuu Yihudaadhaa gara Galiilaa dhufetti raawwate isa lammaffaa+ dha.

Miiljaleewwan

Ykn., “burqaa.”