Fakkeenya 10:1-32

  • Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa (1)

  • Harki jabaatee hojjetu sooruma argamsiisa (4)

  • Dubbiin yoo baayʼate dogoggora fida (19)

  • Eebbi Yihowaa sooressa nama godha (22)

  • Yihowaa sodaachuun umurii dheeressa (27)

10  Fakkeenya Solomoon.+ Ilmi ogeessi abbaa isaa ni gammachiisa,+Ilmi gowwaan garuu haadha isaa ni gaddisiisa.   Qabeenyi hamminaan argame gatii hin qabaatu,Qajeelummaan garuu duʼa irraa nama oolcha.+   Yihowaan namni qajeelaan* akka beelaʼu hin godhu,+Namoota hamoo garuu wanta hawwan ni dhowwata.   Harki hojii hiike hiyyummaa fida,+Harki jabaatee hojjetu garuu sooruma argamsiisa.+   Ilmi hubannaa guddaa qabu waqtii bonaatti midhaan walitti qabata,Ilmi nama qaanessu garuu, yeroo makaraatti hirriba cimaa rafa.+   Eebbi mataa nama qajeelaa irra jira,+Afaan nama hamaa garuu jeequmsa dhoksee qabata.   Yaadannoon* nama qajeelaa eebba argamsiisa,+Maqaan nama hamaa garuu tortoree bada.+   Namni garaa ogeessa taʼe qabu qajeelfama* ni fudhata,+Namni gowwummaadhaan dubbatu garuu ni dhidhiitama.+   Namni garaa qulqulluudhaan deddeebiʼu sodaa malee deema,+Namni karaa isaa jalʼaa godhu garuu ni qabama.+ 10  Namni hammina yaadee ija isaatiin dubbatu gadda fida,+Namni gowwummaadhaan dubbatus ni dhidhiitama.+ 11  Afaan nama qajeelaa madda jireenyaa ti,+Afaan nama hamaa garuu jeequmsa dhoksee qabata.+ 12  Jibbi falmii kakaasa,Jaalalli garuu balleessaa hundumaa ni haguuga.+ 13  Ogummaan afaan nama hubataa irra jira,+Uleen garuu dugda nama hubannaa* hin qabneef taʼa.+ 14  Ogeeyyiin beekumsa ni kuufatu,+Afaan nama hamaa garuu badiisa waama.+ 15  Qabeenyi sooressaa isaaf magaalaa dallaa dhagaa qabdu dha. Badiisni hiyyeessotaa garuu hiyyummaa isaanii ti.+ 16  Hojiin nama qajeelaa gara jireenyaatti geessa;Oomishni nama hamaa garuu gara cubbuutti geessa.+ 17  Namni adaba fudhatu daandii gara jireenyaatti geessu dha,*Namni sirreeffama tuffatu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa. 18  Namni jibba isaa dhoksu soba dubbata,+Namni oduu* hamaa babalʼisus gowwaa dha. 19  Dubbiin yoo baayʼate, dogoggora hambisuun hin dandaʼamu,+Namni arraba isaa toʼatu hundi garuu of eeggataa dha.+ 20  Arrabni nama qajeelaa akkuma meetii hunda caalaa baʼeessa taʼee ti,+Garaan nama hamaa garuu gatii hin qabu. 21  Afaan nama qajeelaa namoota hedduu ni soora,*+Gowwoonni garuu hubannaa dhabuu isaaniitiin kan kaʼe ni duʼu.+ 22  Eebbi Yihowaa sooressa nama godha,+Innis isaa wajjin rakkina* tokko illee hin dabalu. 23  Nama gowwaadhaaf gocha qaanessaa irratti hirmaachuun akkuma taphaa ti,Ogummaan garuu kan nama hubannaa qabuu ti.+ 24  Namni hamaan wanti inni sodaate isa irra gaʼa;Namoonni qajeeloon garuu hawwiin isaanii isaaniif guutama.+ 25  Bubbeen yommuu darbu, namni hamaan hin jiraatu,+Namni qajeelaan garuu bara baraaf buʼuura dha.+ 26  Akkuma wanti dhangaggaaʼaan ilkaan, aarris ija dheekkamsiisu,Dhibaaʼaanis nama isa ergate* ni dheekkamsiisa. 27  Yihowaa sodaachuun umurii dheeressa,+Umuriin hamootaa garuu ni gabaabbata.+ 28  Wanti qajeelonni eeggatan* gammachuu argamsiisa,+Abdiin hamootaa garuu ni bada.+ 29  Daandiin Yihowaa nama balleessaa hin qabneef dahoo dha,+Warra hammina hojjetaniif garuu badiisa dha.+ 30  Namni qajeelaan matumaa akka kufu hin godhamu,+Namoonni hamoon garuu lafa irra jiraachuu isaanii itti hin fufan.+ 31  Afaan nama qajeelaa ogummaa ni baasa,*Arrabni jalʼaan garuu ni cita. 32  Arrabni nama qajeelaa wanta nama gammachiisu beeka,Afaan hamootaa garuu jalʼaa dha.

Miiljaleewwan

Ykn., “lubbuun nama qajeelaa.”
Ykn., “Maqaan.”
Kal., “ajaja.”
Kal., “qalbii.”
Ykn tarii, “geessu irra jira.”
Ykn., “jette jettee.”
Ykn., “ni qajeelcha.”
Ykn., “gadda.”
Ykn., “mindeeffate.”
Ykn., “abdatan.”
Ykn., “firii ogummaa ni godhata.”