Xalayaa Yaaqoob 3:1-18

  • Arraba madaqsuu (1-12)

    • Namoonni baayʼeen barsiisota hin taʼin (1)

  • Ogummaa ol gubbaadhaa dhufu (13-18)

3  Yaa obboloota koo, nuti murtii cimaa akka fudhannu waan beektaniif isin keessaa baayʼeen barsiisota hin taʼin.+  Sababiin isaas, hundi keenya yeroo baayʼee ni gufanna.*+ Namni dubbiidhaan hin gufanne yoo jiraate garuu, inni nama mudaa hin qabnee fi guutummaa qaama isaa toʼachuu* dandaʼu dha.  Fardeen akka nuuf ajajamaniif luugama afaan isaaniitti yoo keenye, guutummaa qaama isaaniis toʼachuu dandeenya.  Mee dooniiwwanis ilaalaa: Baayʼee guddaa kan taʼanii fi bubbee jabaadhaan kan oofaman yoo taʼan iyyuu, batoo baayʼee xinnoo taateen gara namni isaan oofu sun barbaadetti geeffamu.  Haaluma wal fakkaatuun, arrabni kutaa qaamaa ishii xinnoo yoo taate iyyuu akka malee of tuulti. Bosona guddaa tokko gubuuf ibiddi xinnoon ni geessi!  Arrabnis ibidda dha.+ Arrabni kutaa qaamaa keenya keessatti addunyaa jalʼinaa bakka buuti; ishiin guutummaa qaamaa xureessiti,+ akkasumas guutummaa daandii jireenyaa* gubdi, ofii ishiis Gahaannam* keessatti gubatti.  Bineensi bosonaa, simbirroon, uumamni lafa irra loʼuu* fi uumamni galaanaa kam iyyuu namaan madaqfamuu dandaʼa, madaqfameeras.  Haa taʼu malee, namni arraba madaqsuu dandaʼu tokko illee hin jiru. Arrabni kan hin toʼatamne, miidhaa kan geessistuu fi summii nama ajjeesuun kan guutamte dha.+  Arraba keenyaan Abbaa keenya Yihowaa* ni jajanna; arrabuma kanaanis namoota akka “fakkaattii Waaqayyootti”+ uumaman ni abaarra. 10  Eebbii fi abaarsi afaanuma tokko keessaa baʼu. Yaa obboloota koo, wantoonni kun taʼuu hin qaban.+ 11  Burqaan tokko boolluma tokko keessaa bishaan miʼaawuu fi bishaan hadhaaʼu burqisiisuu dandaʼaa? 12  Yaa obboloota koo, mukti harbuu firii ejersaa godhachuu yookiin mukti wayinii firii harbuu godhachuu ni dandaʼaa?+ Akkasumas bishaan soogiddaa bishaan qulqulluu argamsiisuu hin dandaʼu. 13  Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Inni hojii isaa kan raawwatu garraamummaa isa ogummaa irraa maddeen taʼuu isaa amala isaa isa gaariidhaan haa argisiisu. 14  Haa taʼu malee, garaa keessan keessa hinaaffaa+ cimaanii fi morkiin*+ yoo jiraate of hin tuulinaa,+ akkasumas dhugaa irratti soba hin dubbatinaa. 15  Kun ogummaa isa ol gubbaadhaa dhufu miti; kanaa mannaa kan lafaa,+ kan bineensotaa fi kan jinniiwwanii ti. 16  Bakka hinaaffaa fi morkiin* jiru kam iyyuu, jeequmsii fi wanti gadheen hundi ni jiraata.+ 17  Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu garuu, hundumaa dura qulqulluu dha,+ achiis naga qabeessa,+ yaada ofiitti kan hin cichine,+ ajajamuuf kan qophaaʼe, gara laafinaa fi firii gaariidhaan kan guutame,+ kan hin loognee+ fi kan hin fakkeessine+ dha. 18  Kana malees, warra nagaa uumaniif,*+ firiin qajeelinaa haala naga qabeessa taʼe+ keessatti facaafama.

Miiljaleewwan

Ykn., “dogoggora ni raawwanna.”
Ykn., “guutummaa qaama isaatti luugama kaaʼuu.”
Kal., “geengoo dhalootaa.”
Ykn., “munyuuquu.”
Ykn tarii, “kajeellaan ofittummaa.”
Ykn tarii, “kajeellaan ofittummaa.”
Ykn tarii, “uumaniin.”