Warra Efesooniif 4:1-32

  • Qaama Kiristoosiin tokko taʼuu (1-16)

    • Namoota kennaa taʼan (8)

  • Namummaa moofaa fi haaraa (17-32)

4  Kanaafuu, ani inni Gooftaadhaaf jedhee hidhamee jiru,+ waamicha isa waamamtanii wajjin haala wal simuun akka deddeebitan+ isinan kadhadha;  yeroo hundumaa gad of qabuu+ fi garraamummaadhaan jiraadhaa; obsa qabaadhaa,+ akkasumas jaalalaan wal dandaʼaa;+  hidhaa nagaa isa tokko godhuun tokkummaa hafuuraa eeguuf carraaqqii cimaa godhaa.+  Akkuma yommuu waamamtan abdii tokkoon+ waamamtan, qaama tokkoo+ fi hafuura tokkotu jira;+  Gooftaa tokko,+ amantii tokkoo fi cuuphaa tokkotu jira;  akkasumas, hundumaa ol kan taʼe, karaa hundumaa kan hojjetuu fi hundumaa keessatti kan hojjetu Abbaa hundumaa kan taʼe Waaqa tokkotu jira.  Akkuma Kiristoos kennaa tolaa safaree nuuf kennetti gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan tokkoon tokkoon keenyaaf kennameera.+  Sababiin isaas, Kitaabonni Qulqulluun, “Inni yommuu gara iddoo ol kaʼaatti ol baʼe boojiʼamtoota fudhate; namootas kennaa godhee kenne”+ jedhu.  Maarree jechi, “ol baʼe” jedhu maal jechuu dha? Sana dura gara lafaatti gad buʼee ture jechuu dha. 10  Inni wantoota hundumaa guutuu gochuuf jedhee samiiwwan+ hunda gararraatti ol baʼe+ sun isuma gad buʼee ture sana dha. 11  Inni tokko tokko ergamoota,+ tokko tokko raajota,+ tokko tokko labsitoota wangeelaa,*+ tokko tokko immoo tiksitootaa fi barsiisota+ godhee kenne; 12  kanas kan godhe, qulqulloota akka qajeelchan,* warra kaan akka tajaajilanii fi qaama Kiristoos akka ijaaraniifi;+ 13  kunis hamma hundi keenya tokkummaa isa amantii fi waaʼee Ilma Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuudhaan argamu bira geenyutti, akkasumas hamma bilchaatoo taanutti,+ jechuunis akkuma Kiristoos hamma bilchina guutuu bira geenyutti dha. 14  Kanaafuu, kana booda ijoollee taʼuu hin qabnu; akka waan dambaliidhaan asii fi achi oofamnuu qilleensa barumsaa+ hundumaa isa gowwoomsaa namootaa fi mala haxxummaa irratti hundaaʼeen asii fi achi daddarbatamuu hin qabnu. 15  Kanaa mannaa, dhugaa dubbachuudhaan, wanta hundumaan gara isaatti, jechuunis gara Kiristoos isa mataa taʼetti jaalalaan haa guddannu.+ 16  Guutummaan qaamichaa+ karaa isaa wal simee kan wal qabate yeroo taʼu, tokkoon tokkoon buusaawwanii wanta isaaf barbaachisu kennaniin walitti hidhameera. Kutaan qaamaa hundi akka gaariitti yommuu hojii isaa hojjetu, qaamni sun akka guddatuu fi jaalalaan akka of ijaaru gochuu irratti gumaacha godha.+ 17  Kanaafuu, isin kana booda akka saboonni kaan sammuu faayidaa hin qabneen*+ deddeebiʼanitti akka hin deddeebine+ ani maqaa Gooftaatiin kana nan dubbadha, akkasumas ragaa nan baʼa. 18  Isaan doofummaa waan qabanii fi garaan isaanii waan hadoodeef, sammuun isaanii dukkanaaʼeera; jireenya isa kan Waaqayyoo irraas fagaataniiru. 19  Miirri naamusaa isaanii guutummaatti waan hadoodeef, sassataan xuraaʼummaa gosa hundumaa raawwachuuf addaggummaatti*+ dabarsanii of kennaniiru. 20  Isin garuu Kiristoosiin akkasitti hin baranne; 21  dhugaa Yesuus barsiisee wajjin haala wal simuun yoo isa dhageessanii fi yoo isa irraa barattan wantoota kana akka gaariitti ni beektu. 22  Namummaa moofaa isa jireenya keessan isa durii wajjin wal simuu fi hawwii isaa isa gowwoomsaa taʼeen mancaʼaa deemu+ of irraa baastanii akka gattan barattaniittu.+ 23  Humna sammuu keessan hojjechiisuun* haareffamuu keessan itti fufaa;+ 24  akkasumas, namummaa haaraa isa akka fedhii Waaqayyootti qajeelummaa fi amanamummaa dhugaadhaan uumame uffadhaa.+ 25  Kanaafuu, nuti amma kutaawwan qaama tokkoo+ waan taanee fi gowwoomsaa of irraa baasnee waan gatneef, tokkoon tokkoon keessan dhugaa namatti dubbadhaa.+ 26  Dheekkamaa, garuu cubbuu hin hojjetinaa;+ utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin;+ 27  Diyaabilosiif carraa* hin kenninaa.+ 28  Inni hatu kana booda hin hatin; kanaa mannaa, nama rakkateef wanta kennu akka qabaatuuf+ harka isaatiin jabaatee hojii gaarii haa hojjetu.+ 29  Dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin;+ kanaa mannaa, warri dhagaʼan faayidaa akka argataniif+ akkuma barbaachisummaa isaatti dubbii gaarii ijaaruuf gargaaru dubbadhaa. 30  Kana malees, hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa furii sanaan bilisa itti baataniif+ chaappaan ittiin isinitti godhame+ sana hin gaddisiisinaa.+ 31  Jibba guddaa,+ aarii, dheekkamsa, iyya, arrabsoo+ fi wanta miidhaa geessisu hundumaa of irraa fageessaa.+ 32  Kanaa mannaa gaarummaa walitti argisiisaa, akkasumas garaa waliif laafaa;+ akkuma Waaqayyo karaa Kiristoos tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.+

Miiljaleewwan

Ykn., “misiraachichaa.”
Ykn., “leenjisan.”
Ykn., “duwwaadhaan.”
Afaan Giriikiitiin asseelgiyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Kal., “Hafuura sammuu keessaniin.”
Ykn., “iddoo.”