Wangeela Maatewos 6:1-34

  • LALLABA GAARAA (1-34)

    • Qajeelota of hin fakkeessinaa (1-4)

    • Barumsa kadhannaa ilaalchisee kenname (5-15)

      • Kadhannaa fakkeenya taʼu (9-13)

    • Sooma (16-18)

    • Qabeenya lafa irraa fi qabeenya samii irraa (19-24)

    • Dhiphachuu dhiisaa (25-34)

      • Hundumaa dura Mootummicha barbaadaa (33)

6  “Namootatti argisiifachuuf+ jettanii hojii qajeelummaa keessan isaan duratti akka hin hojjenne of eeggadhaa; akkana yoo gootan Abbaa keessan isa samii biraa badhaasa hin argattan.  Kanaafuu, ati yommuu kennaa gara laafinaa* kennitu akka fakkeessitoonni namoota duratti ulfina argachuuf mana sagadaa fi karaa irratti godhanitti, dursitee malakata hin afuufin. Dhuguman isiniin jedha, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru.  Ati garuu yommuu kennaa gara laafinaa kennitu, wanta harki kee mirgaa godhu harki kee inni bitaa akka beeku hin godhin;  akka kanaan kennaa gara laafinaa kee dhoksaatti ni kennita. Abbaan kee inni samii inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif deebisa.+  “Yommuu kadhattanis, akka fakkeessitootaa+ hin taʼinaa; isaan warri kaan akka isaan arganiif+ mana sagadaa fi qarqara karaa guguddaa irra dhaabbatanii kadhachuu jaallatu. Dhuguman isinitti hima, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru.  Ati garuu yeroo kadhattu, gara kutaa kee seeni; balbala kee cufadhuutii Abbaa kee isa iddoo dhoksaa jiru kadhadhu.+ Abbaan kee inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif ni deebisa.  Yommuu kadhattan akka saboota kaanii waanuma wal fakkaatu irra deddeebitanii hin dubbatinaa; isaan jechoota baayʼee waan dubbataniif kadhannaan isaanii kan isaaniif dhagaʼamu itti fakkaata.  Kanaafuu, isin akka isaanii hin taʼinaa; Abbaan keessan utuu isa hin gaafatin iyyuu wanta isin barbaachisu beeka.+  “Egaa, isin akkana jedhaa kadhadhaa:+ “‘Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee+ haa qulqullaaʼu.*+ 10  Mootummaan kee haa dhufu.+ Fedhiin kee+ akkuma samii irratti taʼaa jiru, lafa irrattis haa taʼu.+ 11  Nyaata harʼaaf nu barbaachisu harʼa nuuf kenni;+ 12  akkuma nuti warra balleessaa nu irratti raawwataniif* dhiisne,+ balleessaa* keenya nuu dhiisi. 13  Isa hamaa* sana+ irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin.’+ 14  “Namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama yoo gootan, Abbaan keessan inni samiis dhiifama isiniif godha;+ 15  namoota cubbuu isin irratti hojjetaniif dhiifama hin gootan taanaan garuu, Abbaan keessanis cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.+ 16  “Yommuu soomtan,+ akka fakkeessitootaatti fuula keessan hin daalacheessinaa; isaan akka sooman namootatti argisiifachuuf+ fuula isaanii daalacheessu.* Dhuguman isiniin jedha, isaan badhaasa isaanii guutummaatti argataniiru. 17  Ati garuu yommuu soomtu, fuula kee dhiqadhu, mataa kees dibadhu; 18  akkana yoo goote namoota duratti kan soomtu fakkaattee hin mulʼattu; kanaa mannaa, soomaa akka jirtu Abbaa kee isa bakka dhoksaa jiru qofatu arga. Abbaan kee inni samii inni dhoksaatti ilaalus gatii kee siif ni deebisa. 19  “Bakka biliin nyaatuu fi ligidni balleessutti, akkasumas bakka hattuun cabsee seenee hatuu dandaʼutti, lafa irratti qabeenya kuufachuu dhiisaa.+ 20  Kanaa mannaa, bakka biliin nyaachuu fi ligidni balleessuu,+ akkasumas hattuun cabsee seenee hatuu hin dandeenyetti, samii keessatti qabeenya kuufadhaa.+ 21  Sababiin isaas, bakkuma qabeenyi kee jiru sana garaan kees achuma ni taʼa. 22  “Ibsaan qaamaa ija dha.+ Kanaafuu, ijji kee waan tokko irratti kan xiyyeeffate* yoo taʼe, guutummaan qaama keetii ifaa* taʼa. 23  Ijji kee kan hinaafu* yoo taʼe+ garuu, guutummaan qaama keetii dukkana taʼa. Ifni si keessa jiru dhuguma dukkana yoo taʼe, dukkanni sun hammam guddaa haa taʼu! 24  “Namni gooftolii lamaaf garbicha taʼuu dandaʼu hin jiru; isa tokko jibbee isa kan biraa jaallata+ yookiin isa tokkotti maxxanee isa kan biraa tuffata. Waaqayyoo fi Qabeenyaaf garbicha taʼuu hin dandeessan.+ 25  “Kanaafuu, ani isinitti nan hima, waaʼee jireenya* keessanii ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin waaʼee dhaqna keessanii ‘Maal uffanna?’+ jettanii yaaddaʼuu keessan dhiisaa.+ Jireenyi* nyaata irra, qaamnis uffata irra hin caaluu?+ 26  Simbirroota samii hubadhaa ilaalaa;+ isaan sanyii hin facaasan yookiin hin haaman yookiin gootaraatti hin galchan; taʼus Abbaan keessan inni samii isaan soora. Maarree isin isaan caalaa gatii guddaa hin qabdanii? 27  Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma* tokko dabaluu dandaʼu jiraa?+ 28  Kana malees, wanta uffattaniif maaliif yaaddoftu? Abaaboowwan dirree keessaa akkamitti akka guddatan ilaalaatii irraa baradhaa; isaan hin dhamaʼan, hin foʼanis; 29  ani garuu isinitti nan hima, Solomoon+ illee ulfina sana hundumaa utuu qabuu, isaan keessaa hamma ishii tokkoo hin miidhagne. 30  Waaqayyo biqiltoota dirree keessaa warra harʼa mulʼatanii boru gara iddoo ibiddaatti gataman akkanatti itti uwwisa erga taʼee, isin namoota amantii xinnoo qabdan nana, isinitti immoo kana caalaa hin uwwisuu ree? 31  Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin ‘Maal uffanna?’ jettanii matumaa hin yaaddaʼinaa.+ 32  Sababiin isaas, wantoonni kun hundi wantoota saboonni argachuuf baayʼee hawwani dha. Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi akka isin barbaachisan beeka. 33  “Egaa, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.+ 34  Kanaafuu, matumaa waaʼee boruutiif+ hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas, guyyaan boruu yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.

Miiljaleewwan

Ykn., “kennaa hiyyeeyyiidhaaf kennamu.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “qulqulluu taʼee haa qabamu.”
Kal., “idaa irraa qabnuuf.”
Kal., “idaa.”
Jechuunis, Seexana.
Ykn., “of gatu.”
Ykn., “qulqulluu.” Kal., “salphaa.”
Ykn., “ifaan kan guutame.”
Kal., “gadhee; hamaa.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “lubbuu.”