Faarfannaa 55:1-23

  • Kadhannaa yommuu michuun isaa isa ganetti dhiheesse

    • Michuun isaa itti qoose (12-14)

    • “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati” (22)

Geggeessaa muuziqaatiif; meeshaawwan muuziqaa ribuu qabaniin kan faarfatamu. Maaskiil.* Faarfannaa Daawit. 55  Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi,+Gaaffii ani gara laafina argachuuf dhiheessus hin tuffatin.*+   Xiyyeeffannaa naaf kenni, deebiis naaf kenni.+ Yaaddoon koo boqonnaa na dhowwateera,+Baayʼees dhiphadheera.   Kun kan na irra gaʼe, wanta diinni dubbatuun,Akkasumas dhiibbaa namni hamaan na irraan gaʼuun kan kaʼe dha. Isaan rakkina na irratti tuulu,Aariidhaanis ija diinummaatiin na ilaalu.+   Onneen koo na keessatti dhiphateera,+Naasuun duʼaas na liqimseera.+   Sodaa fi romʼuun natti dhufeera,Hollachuunis na qabateera.   Yeroo hundumaa akkana nan jedha: “Maal taʼa utuun akka gugee* qoochoo qabaadhee! Silaa barrisee dhaqee bakka tasgabbii qabu keessa nan jiraadhan ture.   Kunoo, gara bakka fagootti nan baqadha,+Lafa onaa keessas nan buufadhan ture.+ (Seelaa)   Iddoo gaaddisa qabu dafee deemee,Bubbee hamaa fi obomboleettii jalaa nan baqadhan ture.”   Yaa Yihowaa, isaan burjaajessi, karoora isaaniis fashaleessi,*+Sababiin isaas, ani magaalaa keessatti hamminaa fi walitti buʼiinsa argeera. 10  Isaan halkanii fi guyyaa dallaa ishii irra asii fi achi deemu;Hamminnii fi rakkinni ishii keessa jira.+ 11  Badiisni ishii gidduu jira;Cunqursaa fi gowwoomsaan addabaabayii ishii keessaa matumaa hin dhabamu.+ 12  Kan natti qoosu diina miti;+Utuu akkana taʼee silaa nan dandaʼan ture. Kan na irratti kaʼe hamajaajii miti;Utuu akkana taʼee silaa isa jalaa nan dhokadhan ture. 13  Kanaa mannaa, kan na irratti kaʼe siʼi, nama akka kootii,*+Hiriyaa koo isan akka gaariitti beeku dha.+ 14  Nuti michummaa cimaa qabna turre;Namoota hedduu wajjin taanee gara mana Waaqayyoo ni deemna turre. 15  Hamminni isaan gidduu fi isaanii wajjin waan jiraatuuf,Badiisni isaanitti haa dhufu!+ Utuma lubbuudhaan jiraniis gara Awwaalaatti* gad haa buʼan. 16  Ani garuu Waaqayyoon nan waammadha,Yihowaan na oolcha.+ 17  Galgala, ganamaa fi waaree nan rakkadha, nan aadas,*+Innis sagalee koo ni dhagaʼa.+ 18  Namoonni hedduun waan natti dhufaniif,+Inni warra naan lolan jalaa na* oolcha,* nagaas naaf kenna. 19  Waaqayyo inni bara duriitii jalqabee teessoo irra taaʼee jiru,+Isaan dhagaʼa, deebiis isaaniif ni kenna.+ (Seelaa) Warri Waaqayyoon hin sodaanne,+Jijjiirama gochuu didu. 20  Inni* warra isaa wajjin nagaa qaban haleeleera;+Kakuu isaas cabseera.+ 21  Dubbiin isaa dhadhaa caalaa lallaafa,+Garaa isaa keessa garuu lolatu jira. Dubbiin isaa zayitii caalaa laafaa dha,Taʼus goraadee luqqifame dha.+ 22  Baʼaa kee Yihowaa irratti gati,+Innis si deggera.+ Namni qajeelaan akka kufu* matumaa hin heyyamu.+ 23  Ati garuu yaa Waaqayyo, boolla gad fagoo keessa isaan buusta.+ Warri dhiigaan itti gaafatamanii fi namoonni gowwoomsaa raawwatan walakkaa bara isaanii hin jiraatan.+ Ani garuu sittan amanama.

Miiljaleewwan

Ykn., “Yommuun gargaarsa argachuuf kadhannaa dhiheessu hin dhokatin.”
Ykn., “makoodii; andarii.”
Kal., “arraba isaanii hiri.”
Ykn., “nama gita koo taʼe.”
Ykn., “Siʼoolitti,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “nan jeeqamas.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Kal., “na fura.”
Jechuunis, michuu isaa isa durii isa lakk. 13 fi 14 irratti caqasame.
Ykn., “gatantaru.”