Pheexiros Tokkoffaa 5:1-14

  • Tuuta hoolota Waaqayyoo tiksaa (1-4)

  • Gad of qabaa, dammaqoo taʼaa (5-11)

    • Yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa (7)

    • Diyaabilos akka leenca barooduu ti (8)

  • Yaada xumuraa (12-14)

5  Kanaafuu, anis akkuma isaanii jaarsaa fi rakkina Kiristoos irra gaʼeef ragaa baatuu kanan taʼe, ulfina isa mulʼachuuf jiru+ sana keessaa qooda waanan qabuuf, jaarsolii isin gidduu jiran nan kadhadha:*  Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan* tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa;+ kanas dirqamaan utuu hin taʼin, Waaqayyo duratti fedhiidhaan,+ buʼaa sirrii hin taane jaallachuudhaan utuu hin taʼin,+ hawwii guddaadhaan raawwadhaa;  warra qabeenya Waaqayyoo taʼan irratti gooftummaa argisiisuudhaan utuu hin taʼin,+ tuutichaaf fakkeenya taʼuudhaan+ isaan tiksaa.  Dura buutuun tiksitootaa+ yommuu mulʼifamu, gonfoo ulfinaa isa badaa hin deemne argattu.+  Haaluma wal fakkaatuun, isin dargaggoonni jaarsoliidhaaf bitamaa.+ Walitti dhufeenya walii wajjin qabdaniin hundi keessan gad of qabuu uffadhaa;* sababiin isaas, Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna.+  Kanaafuu, yeroon isaa yommuu gaʼu akka ol isin qabuuf, harka Waaqayyoo isa jabaa jalatti gad of qabaa;+  inni isiniif waan yaaduuf,+ yaaddoo* keessan hundumaa isa irratti gataa.+  Dandeettii hubannaa keessanii eeggadhaa, dammaqoo taʼaa!+ Diinni keessan Diyaabilos nama liqimsu barbaadee akka leenca barooduutti naannaʼaa jira.+  Isin garuu amantiitti cimaatii isa mormaa;+ addunyaa maratti guutummaan waldaa obboloota keessanii rakkina akkasii keessa akka jiran beekaa.+ 10  Haa taʼu malee, Waaqayyo inni gaarummaa guddaa hundumaatiin guutamee fi tokkummaa Kiristoosii wajjin qabdaniin gara ulfina isaa isa bara baraatti isin waame sun,+ yeroo gabaabaadhaaf erga dhiphattanii booda, innumti leenjii keessan ni xumura. Inni isin cimsa,+ isin jabeessa,+ akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba. 11  Isaaf bara baraaf jabinni haa taʼu. Ameen. 12  Ani isin jajjabeessuu fi kun dhuguma gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa taʼuu isaa cimsee ragaa baʼuuf, karaa Silwaanos*+ isan akka obboleessa amanamaatti ilaalu sanaa gabaabsee isiniif barreesseera. Gaarummaa kana keessatti jabaadhaa dhaabbadhaa. 13  Ishiin akkuma keessan filatamtee fi Baabilon keessa jirtu nagaa isiniif dhaamteetti; ilmi koo Maarqosis+ nagaa isiniif dhaameera. 14  Dhungannaa jaalalaatiin nagaa wal gaafadhaa. Isin warri Kiristoosii wajjin tokkummaa qabdan hundi nagaan isiniif haa taʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “gorsa.”
Ykn., “Of eeggannoodhaan hordofuudhaan.”
Ykn., “hidhadhaa.”
Ykn., “dhiphina.”
Siilaas jedhamees ni waamama.