Mulʼata Yohaannis 21:1-27

  • Samii haaraa fi lafa haaraa (1-8)

    • Duuti kana booda hin jiraatu (4)

    • Wantoonni hundi haaraa godhaman (5)

  • Ibsa waaʼee Yerusaalem Haaraa kenname (9-27)

21  Samii haaraa fi lafa haaraa+ nan arge; samiin inni duraa fi lafti inni duraa darbaniiru;+ galaannis+ kana booda hin jiraatu.  Magaalaa qulqulluun, Yerusaalem Haaraan akka misirroo abbaa manaa ishiitiif miidhagfamteetti+ qophooftee samii keessaa, Waaqayyo biraa+ yommuu gad buutus nan arge.  Yeroo kanatti sagalee guddaan tokko teessoo sana irraa akkana yommuu jedhu nan dhagaʼe: “Kunoo, dunkaanni Waaqayyoo namootaa wajjin jira; inni isaanii wajjin ni jiraata; isaanis saba isaa ni taʼu. Waaqayyos ofuma isaatii isaanii wajjin ni taʼa.+  Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa;+ duutis kana booda hin jiraatu;+ gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.+ Wantoonni duraa sun darbaniiru.”  Inni teessoo irra taaʼe+ sunis, “Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa nan godha”+ jedhe. Akkasumas, “Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi” jedhe.  Achiis akkana naan jedhe: “Raawwatamaniiru! Ani Alfaa fi Omeegaa,* isa jalqabaa fi isa dhumaa ti.+ Nama dheebote kamiif iyyuu burqaa bishaan jireenyaa irraa tola nan kenna.+  Inni injifatu kam iyyuu wantoota kana ni dhaala; ani Waaqa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.  Haa taʼu malee, warri sodaatan, warri amantii hin qabne,+ warri xurii isaaniitiin balfamoo taʼan, warri nama ajjeesan,+ warri halaleen,*+ warri gocha hafuurota hamoo raawwatan, warri waaqolii tolfamoo waaqeffatanii fi warri sobduun+ hundi qoodni isaanii haroo ibiddaa dinyiidhaan bobaʼu keessatti gatamuu dha.+ Kun duʼa isa lammaffaa argisiisa.”+  Maleekota saaniiwwan torban dhaʼichawwan dhumaa+ torbaniin guutaman qaban keessaa inni tokko dhufee, “Kottu, misirroo ishii haadha manaa Hoolichaa taate sitti nan argisiisa”+ naan jedhe. 10  Kanaafuu, inni humna hafuuraatiin gara gaara guddaa fi dheeraa taʼe tokkootti na geesse; achiis Yerusaalem magaalaa qulqulluun sun samii keessaa, Waaqayyo biraa yommuu gad buutu+ natti argisiise; 11  ishiin ulfina Waaqayyoo qabdi.+ Ifni ishii akka dhagaa isa hundumaa caalaa gatii guddaa qabuutti, jechuunis akka dhagaa yaasphisitti akka gaariitti calaqqisa ture.+ 12  Magaalattiin dallaa guddaa fi dheeraa, akkasumas karrawwan 12 qabdi turte; karrawwan kana biras maleekonni 12 jiru turan; karrawwan kana irratti maqaawwan gosoota ilmaan Israaʼel 12 barreeffamee ture. 13  Karaa bahaa karra sadii, karaa kaabaa karra sadii, karaa kibbaa karra sadii, karaa dhihaas karra sadiitu jira ture.+ 14  Kana malees dallaan magaalattii dhagaawwan buʼuuraa 12 qaba ture; isaan irrattis maqaawwan 12n ergamoota+ Hoolichaa 12anii barreeffamanii turan. 15  Inni anaa wajjin dubbachaa ture sunis, magaalattii, karrawwan ishii fi dallaa ishii ittiin safaruuf ulee* safaraa warqii irraa tolfame qabatee ture.+ 16  Magaalattiin roga afur kan qabdu yeroo taʼu, dheerinni ishii hammuma dalga ishii guddata ture. Inni magaalattii ulichaan yommuu safarus gara kiilomeetira 2,220* taate; magaalattiin dheerinni ishii, dalgi ishii fi ol dheerinni ishii wal qixa ture. 17  Dallaa magaalattiis ni safare; innis akka safartuu namaa fi akka safartuu maleekaatti dhundhuma 144* taʼe. 18  Dallichi yaasphis+ irraa kan hojjetame ture; magaalattiin warqii qulqulluu yeroo taatu, akka burcuqqoo qulqulluu turte. 19  Buʼuurri dallaa magaalattii dhagaa akaakuu hundumaa gatii guddaa qabuun kan miidhagfame ture: Buʼuurri inni jalqabaa yaasphis, inni lammaffaan safiroos, inni sadaffaan kaalqidoon, inni arfaffaan imeraaldi, 20  inni shanaffaan sardoniiksi, inni jaʼaffaan saardiyon, inni torbaffaan kirisoliixos, inni saddeettaffaan beerilos, inni saglaffaan tophaaziyon, inni kurnaffaan kirisophiraasos, inni kudha tokkoffaan hiiyaakinxos, inni kudha lammaffaan ametiisxos ture. 21  Karrawwan 12n sunis calleewwan* 12 turan; tokkoon tokkoon karra sanaa callee tokko irraa kan hojjetame ture. Daandii guddaan magaalattii warqii qulqulluu, akka burcuqqoo keessaan mulʼisuu ture. 22  Waaqni keenya Yihowaan* Inni Hundumaa Dandaʼuu+ fi Hoolichi mana qulqullummaa ishii waan taʼaniif, ani ishii keessatti mana qulqullummaa hin argine. 23  Ulfinni Waaqayyoo waan ishiidhaaf ibsuuf,+ Hoolichis ibsaa ishii waan taʼeef,+ aduunis taate addeessi ishiidhaaf ibsuun isaan hin barbaachisu. 24  Saboonni ifa ishiitiin deddeebiʼu;+ mootonni lafaas ulfina isaanii gara ishiitti fidu. 25  Achi keessa halkan waan hin jirreef, karrawwan ishii matumaa guyyaadhaan hin cufaman.+ 26  Isaan ulfinaa fi kabaja sabootaa gara ishiitti ni fidu.+ 27  Haa taʼu malee, wanti xuraaʼaa taʼe kam iyyuu, akkasumas namni wanta jibbisiisaa fi gowwoomsaa taʼe raawwatu kam iyyuu matumaa ishiitti hin seenu;+ warra maraa kitaaba jireenyaa Hoolichaa keessatti barreeffaman qofatu itti seena.+

Miiljaleewwan

Ykn., “A fi Z.” Alfaa fi Omeegaan qubeewwan Afaan Giriikii jalqabaa fi dhumaa ti.
Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”
Kal., “shomboqqoo.”
Kal., “Istaadiyoomii 12,000.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Gara 64 m. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Milj. Maatewos 7:6 ilaali.