Wangeela Yohaannis 6:1-71

  • Yesuus namoota 5,000 nyaachise (1-15)

  • Yesuus bishaan irra deeme (16-21)

  • “Nyaata jireenyaa” kan taʼe Yesuus (22-59)

  • Namoonni hedduun dubbii Yesuusitti gufatan (60-71)

6  Kana booda Yesuus Galaana Galiilaa isa Xiberiyaas jedhamu gamatti ceʼe.+  Namoonni hedduunis, dinqii inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan+ raawwate waan arganiif isa duukaa buʼan.+  Kanaafuu, Yesuus gaara tokkotti ol baʼee barattoota isaa wajjin achi taaʼe.  Yeroo sanatti ayyaanni Yihudootaa Faasikaan+ dhihaatee ture.  Yesuus namoonni hedduun gara isaa yommuu dhufan ol jedhee ilaalee Filiphoosiin, “Daabboo namoonni kun nyaatan eessaa binna?”+ jedhe.  Taʼus kana kan dubbate, isa qoruuf malee waan gochuuf jedhu beeka ture.  Filiphoosis, “Tokkoon tokkoon isaaniitiif xinnoo xinnoo akka argataniif illee, daabboon dinaaree* 200 iyyuu hin gaʼu” jedhee isaaf deebise.  Barattoota isaa keessaa tokko kan taʼe Indiriyaas, obboleessi Simoon Pheexiros akkana isaan jedhe:  “Mucaa xinnoon daabboo garbuu shanii fi qurxummii xixinnoo lama qabu tokko as jira. Garuu kun nama hammanaatiif akkamitti gaʼa?”+ 10  Yesuusis, “Namoota tessisaa” jedhe. Bakka sana margi hedduun waan tureef namoonni sun achi tataaʼan; dhiironni achi taaʼanis gara 5,000 turan.+ 11  Yesuusis daabboo sana fuudhee erga galateeffatee booda warra achi tataaʼaniif hire; qurxummii xinnoo sanas akkasuma godhe; isaanis hamma barbaadan fudhatan. 12  Haa taʼu malee, erga namoonni sun nyaatanii quufanii booda, barattoota isaatiin, “Wanti tokko illee akka lafatti hin badneef, hambaa irraa hafe hunda walitti qabaa” jedhe. 13  Isaanis daabboo garbuu shanan isa namoonni sun nyaatan irraa hambaa irraa hafe hunda sassaabanii guuboo 12tti guutan. 14  Namoonni sun dinqii Yesuus hojjete yommuu argan, “Kun dhuguma iyyuu Raajicha isa gara addunyaa akka dhufu dubbatame sana dha”+ jedhan. 15  Achiis Yesuus, namoonni sun dhufanii qabanii mootii isa gochuuf akka yaadan waan hubateef, ammas kophaa isaa+ gara gaaraatti ol baʼe.+ 16  Yommuu dhihus barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;+ 17  achiis bidiruu yaabbatanii galaana gama gara Qifirnaahomitti ceʼuuf deemuu jalqaban. Yeroo kanatti dukkanaaʼee kan ture taʼus, Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.+ 18  Kana malees, bubbee jabaan bubbisaa waan tureef galaanichi ni jeeqama ture.+ 19  Haa taʼu malee, akkuma gara kiilomeetira shanii yookiin jaʼaa* deemaniin, Yesuus galaana irra deemaa gara bidiruu sanaatti utuu dhihaatuu arganii baayʼee sodaatan. 20  Inni garuu, “Ana dha, hin sodaatinaa!”+ isaaniin jedhe. 21  Achiis gammachuudhaan bidiruu sanatti ol isa fudhatan; bidiruun sunis yeruma sana bakka dhaqaa turan gaʼe.+ 22  Guyyaa itti aanutti namoonni hedduun galaanicha gamatti hafan bidiruun akka achi hin jirre argan. Bidiruu xinnoon tokko achi kan ture taʼus, Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu sana hin yaabbanne; sababiin isaas, barattoonni isaa kan deeman kophaa isaanii ture. 23  Haa taʼu malee, bidiruuwwan Xiberiyaasii dhufan bakka Gooftaan erga galateeffatee booda daabboo itti nyaatan sanatti dhihoo jiru gaʼan. 24  Kanaafuu, namoonni sun Yesuusis taʼe barattoonni isaa achi akka hin jirre yommuu argan, bidiruuwwan isaanii yaabbatanii Yesuusiin barbaacha gara Qifirnaahom dhufan. 25  Galaanicha gamatti yommuu isa argatanis, “Rabbii,+ yoom as dhufte?” isaan jedhan. 26  Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, isin kan na barbaaddan dinqii waan argitaniif utuu hin taʼin, daabboo nyaattanii waan quuftaniifi.+ 27  Nyaata baduuf utuu hin taʼin, nyaata hin badnee fi jireenya bara baraa argamsiisuuf,+ isa Ilmi namaa isiniif kennu sanaaf hojjedhaa; sababiin isaas, Waaqayyo Abbaan, inni isa duratti fudhatama argachuu isaa argisiisuuf chaappaa isa irratti godheera.”+ 28  Isaanis, “Hojii Waaqayyoo hojjechuuf maal gochuu qabna ree?” isaan jedhan. 29  Yesuusis, “Hojii Waaqayyoo hojjechuuf, isa inni ergetti amanuu qabdu”+ jedhee isaaniif deebise. 30  Achiis isaan akkana isaan jedhan: “Akka nuti arginee si amannuuf, dinqii akkamii raawwatta?+ Hojii akkamii hojjetta? 31  Akkuma, ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa nyaata isaaniif kenne’+ jedhamee barreeffame, abbootiin keenya lafa onaa keessatti mannaa nyaatan.”+ 32  Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, Museen samii irraa nyaata isiniif hin kennine; Abbaan koo garuu samii irraa nyaata isa dhugaa isiniif kenna. 33  Sababiin isaas, nyaanni Waaqayyoo, isa samii irraa dhufuu fi addunyaadhaaf jireenya kennu sana dha.” 34  Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda nyaata kana nuu kenni” isaan jedhan. 35  Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Ani nyaata jireenyaa ti. Namni gara koo dhufu hundi matumaa hin beelaʼu; namni anatti amanu hundis matumaa hin dheebotu.+ 36  Haa taʼu malee, akkuman isinitti hime isin na argitanii illee hin amantan.+ 37  Warri Abbaan anaaf kennu hundi gara koo ni dhufu; anis isa gara koo dhufu matumaa of irraa hin ariʼu;+ 38  sababiin isaas, ani samii irraa kanan dhufe,+ fedhii isa na erge sanaa raawwachuuf malee, fedhii ofii koo raawwachuuf miti.+ 39  Fedhiin isa na erge sanaa immoo, warra inni naaf kenne hunda guyyaa dhumaatti akkan duʼaa kaasuuf+ malee, isaan keessaa tokko illee akka na jalaa baduuf miti. 40  Sababiin isaas, fedhiin Abbaa kootii namni Ilma beekee isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu+ dha; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.”+ 41  Yesuus, “Ani nyaata samii irraa buʼe dha”+ waan jedheef Yihudoonni waaʼee isaa gungumuu jalqaban. 42  Achiis, “Kun Yesuus Ilma Yoseef, isa nuti abbaa isaa fi haadha isaa beeknu sana mitii?+ Maarree akkamitti, ‘Ani samii irraan buʼe’ jedha?” jedhan. 43  Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Walii keessanitti gungumuu keessan dhiisaa. 44  Abbaan inni na erge sun yoo isa harkise malee, namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu;+ anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.+ 45  Kitaaba Raajotaa keessatti, ‘Hundi isaanii Yihowaa* irraa kan baratan ni taʼu’+ kan jedhu barreeffameera. Namni Abbaa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa. 46  Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko illee Abbaa hin argine;+ inni Abbaa argeera.+ 47  Dhuguma dhuguman isiniin jedha, kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba.+ 48  “Ani nyaata jireenyaa ti.+ 49  Abbootiin keessan lafa onaa keessatti mannaa kan nyaatan taʼus duʼaniiru.+ 50  Namni isa nyaatu hundi akka hin duuneef, nyaanni samii irraa buʼe isa kana dha. 51  Nyaanni jiraataan samii irraa buʼe ana dha. Namni nyaata kana irraa sooratu hundi bara baraaf ni jiraata; nyaanni ani kennu immoo foon koo isa ani addunyaan jireenya akka argatuuf kennu dha.”+ 52  Yeroo kanatti Yihudoonni, “Namichi kun foon isaa akka nyaannu akkamitti nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falmuu jalqaban. 53  Kanaafuu, Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, foon Ilma namaa yoo nyaattanii fi dhiiga isaa yoo dhugdan malee, of keessaa jireenya hin qabaattan.+ 54  Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi jireenya bara baraa qaba; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa;+ 55  sababiin isaas, foon koo nyaata dhugaa dha; dhiigni koos dhugaatii isa dhugaa ti. 56  Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi anaa wajjin tokkummaa ni qabaata; anis isaa wajjin tokkummaa nan qabaadha.+ 57  Akkuma Abbaan inni jiraataa taʼe na ergee fi anis sababii Abbaatiin jiraadhu, namni foon koo nyaatus sababii kootiin ni jiraata.+ 58  Nyaanni samii irraa buʼe isa kana. Inni isa akka Abbootiin keessan nyaatan sanaa miti. Isaan kan nyaatan taʼus duʼaniiru. Namni nyaata kana nyaatu hundi garuu bara baraaf jiraata.”+ 59  Yesuus wantoota kana kan dubbate, yeroo Qifirnaahomitti mana sagadaa* keessatti barsiisetti dha. 60  Barattoota isaa keessaa hedduun isaanii yommuu kana dhagaʼan, “Dubbiin kun kan nama suukanneessu dha; eenyutu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhan. 61  Yesuus garuu barattoonni isaa waaʼee kanaa gungumaa akka jiran hubatee akkana isaaniin jedhe: “Kun isin gufachiisaa? 62  Maarree, Ilmi namaa bakka dura turetti utuu ol baʼuu+ yoo argitan maal jettu? 63  Jireenya kan kennu hafuura;+ foon faayidaa tokko illee hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe hafuura, jireenya dhas.+ 64  Haa taʼu malee, isin keessaa kan hin amanne tokko tokko jiru.” Yesuus kana kan jedhe, warri hin amanne eenyu akka taʼanii fi dabarsee kan isa kennu eenyu akka taʼe jalqabumaa kaasee waan beekuuf ture.+ 65  Innis itti fufee, “Yoo Abbaan isaaf heyyame malee namni tokko illee gara koo dhufuu hin dandaʼu+ kanan isiniin jedhe kanumaafi” isaaniin jedhe. 66  Kanaan kan kaʼes, barattoota isaa keessaa hedduun wantoota dhiisanii turanitti deebiʼan;+ sana boodas isa duukaa hin buune. 67  Kanaafuu, Yesuus warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhe. 68  Simoon Pheexirosis akkana jedhee isaaf deebise: “Yaa Gooftaa, gara eenyuu dhaqna?+ Ati dubbii jireenya bara baraa qabda.+ 69  Ati Qulqullicha Isa kan Waaqayyoo akka taate amanneerra, beekneerras.”+ 70  Yesuusis, “Ani kudha lamaan keessan iyyuu filadheera mitii?+ Isin keessaa inni tokko garuu maqaa kan balleessu* dha”+ jedhee deebise. 71  Yeroo kanatti waaʼee Yihudaa ilma Simoon Asqorotichaa dubbachuu isaa ture; sababiin isaas, inni warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus, gara fuulduraatti dabarsee isa kennuuf jedha ture.+

Miiljaleewwan

Kal., “gara istaadiyoomii 25 ykn 30.” Istaadiyoomiin tokko 185 m dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Ykn tarii, “yaaʼii uummataa.”
Ykn., “diyaabilosi.”