Xalayaa Warra Qolosaayisiif Barreeffame 3:1-25

  • Namummaa moofaa fi namummaa haaraa (1-17)

    • Kutaawwan qaama keessanii ajjeesaa (5)

    • Jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha (14)

  • Gorsa maatii Kiristiyaanota taʼaniif kenname (18-25)

3  Haa taʼu malee, isin Kiristoosii wajjin duʼaa kan kaatan erga taʼee,+ wantoota samii irra, jechuunis mirga Waaqayyoo bakka Kiristoos taaʼe+ jiran barbaaduu keessan itti fufaa.  Sammuun keessan wantoota lafa irra jiran irratti utuu hin taʼin,+ wantoota samii irra jiran irratti akka xiyyeeffatu godhaa.+  Sababiin isaas, isin duutaniittu; jireenyi keessanis Kiristoos isa Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabuu wajjin dhokfameera.  Kiristoos inni jireenya keenya taʼe+ yommuu mulʼifamu, isinis isaa wajjin ulfinaan ni mulʼifamtu.+  Kanaafuu, kutaawwan qaama keessanii+ warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa,* xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne,+ hawwii hamaa fi sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe dha.  Sababii wantoota kanaatiin dheekkamsi Waaqayyoo ni dhufa.  Isinis akkaataa jireenyaa keessan isa duraa keessatti wantoota akkasii raawwachaa* turtan.+  Amma garuu dheekkamsa, aarii, hamminaa+ fi arrabsoo+ hundumaa of irraa fageessaa; dubbiin nama qaanessus+ afaan keessan keessaa hin baʼin.  Wal hin sobinaa.+ Namummaa* moofaa gochawwan isaa wajjin of irraa baasaa gataa;+ 10  namummaa haaraa isa akka fakkaattii uumaa isaatti+ beekumsa sirriidhaan haareffamaa deemu sana uffadhaa;+ 11  isa keessas Giriikiin yookiin Yihudiin, dhaqna kan qabate yookiin dhaqna kan hin qabanne, ormi, Iskutees,* garbichi yookiin namni bilisa taʼe hin jiru; Kiristoos garuu waan hundumaa ti, hundumaa keessa jiras.+ 12  Kanaafuu, isin warra Waaqayyoof filatamtan,+ qulqullootaa fi jaallatamoo waan taataniif, gara laafina garaadhaa madde,+ gaarummaa, gad of qabuu,+ garraamummaa+ fi obsa+ uffadhaa. 13  Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee,+ wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.+ Akkuma Yihowaan* tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.+ 14  Wantoota kana hundumaa malees, jaalala uffadhaa;+ sababiin isaas, jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha.+ 15  Kana malees, akka qaama tokkootti nagaa sanaaf waan waamamtaniif, nagaan Kiristoos garaa keessan keessatti haa moʼu.*+ Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa. 16  Dubbiin Kiristoos ogummaa hundumaan baayʼinaan isin keessa haa jiraatu. Faarfannaadhaan,+ jajannaa Waaqayyoof dhihaatuun, faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamuun wal barsiisuu fi wal jajjabeessuu* keessan itti fufaa; garaa keessanitti Yihowaadhaaf* faarfadhaa.+ 17  Wanta dubbattanis taʼe wanta hojjettan kam iyyuu karaa Yesuus Waaqayyo Abbaa galateeffachaa, wanta hundumaa maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa.+ 18  Isin haadhotiin manaa, Gooftaa duratti fudhatama waan qabuuf, abbootii manaa keessaniif bitamaa.+ 19  Isin abbootiin manaa, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa,+ garmalees isaanitti hin dheekkaminaa.*+ 20  Isin ijoolleen, waan hundumaatiin warra keessaniif ajajamaa;+ kun Gooftaa kan gammachiisu dha. 21  Isin abbootiin, hamileen isaanii akka hin cabneef,* ijoollee keessan hin aarsinaa.+ 22  Isin garboonnis namoota gammachiisuuf jecha yeroo isaan isin ilaalanitti qofa* utuu hin taʼin, garaa qulqulluu fi Yihowaa* sodaachuudhaan waan hundumaatiin gooftolii keessaniif ajajamaa.+ 23  Wanta hojjettan hunda, akka namootaaf hojjettanitti utuu hin taʼin, akka Yihowaadhaaf* hojjettanitti lubbuu* guutuudhaan hojjedhaa;+ 24  sababiin isaas, isin dhaala keessan Yihowaa* biraa akka badhaasaatti akka argattan beektu.+ Kiristoos Goofticha akka garbaatti tajaajilaa. 25  Namni balleessaa hojjetu, balleessaa hojjeteef gatii isaa akka argatu beekamaa dha;+ Waaqayyo hin loogu.+

Miiljaleewwan

Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “akkasitti deddeebiʼaa.”
Kal., “nama.”
“Iskutees” nama qaroomina hin qabne argisiisa.
Ykn., “garaa keessan haa toʼatu.”
Ykn., “gorsuu.”
Ykn., “hin hammaatinaa.”
Ykn., “abdii akka isaan hin kutanneef.”
Kal., “akka warra namoota gammachiisuuf jecha ija ilaallachaa hojjetaniitti.”