Dhimma ijoo ta'etti seeni

Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Duʼuun Barbaada—Waaʼee Of Ajjeesuu Yaadaan Jira Yoo Taʼe Gama Kanaan Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee! Kitaabni Qulqulluun, kitaaba ‘Waaqayyo isa warra gaddan jajjabeessu’ biraa dhufe dha. (2 Qorontos 7:6) Kitaabni Qulqulluun kitaaba yaalii fayyaa sammuu taʼuu baatus, namoonni hedduun yaada akka of ajjeesan isaanitti dhufe akka moʼan isaan gargaareera. Gorsi gaariin Kitaabni Qulqulluun kennu siinis si gargaaruu ni dandaʼa.

 Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii akkamii kenna?

  • Wanta sitti dhagaʼamu warra kaanitti himi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, Inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.”—Fakkeenya 17:17, NW.

     Hiika isaa: Yaadawwan nama dhiphisan gara sammuu keenyaatti yeroo dhufan gargaarsi warra kaanii nu barbaachisa.

     Miira kee ukkaamsitee qabachuuf kan yaaltu yoo taʼe, dhiphinni keessa kee jiru baʼaa ulfaataa sitti taʼuu dandaʼa. Wanta sitti dhagaʼamu warra kaanitti himachuun kee garuu dhiphinni sitti dhagaʼamu kan siif salphatu taasisa; akkasumas dhimma sana kallattii biraatiin ilaaluuf si gargaara.

     Akkas gochuuf yaali: Wanta sitti dhagaʼamu harʼuma nama tokkotti, tarii miseensa maatii kee ykn michuu kee amantu tokkotti himi. a Kana malees, miira sitti dhagaʼamu waraqaa irratti barreessuudhaan ibsu ni dandeessa.

  • Gargaarsa yaalii fayyaa argachuuf carraaqi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.”—Maatewos 9:12.

     Hiika isaa: Yeroo dhukkubsannutti gargaarsa yaalii fayyaa argachuu qabna.

     Namni tokko of ajjeesuuf yaaduun isaa, mallattoo dhukkuba sammuu ykn dhukkuba miiraa akka isa mudate argisiisu dha. Akkuma dhibeewwan kaanii, dhukkuba kanaan qabamuun wanta nama qaanessuu hin qabu. Gargaarsa yaalii fayyaatiin haalli isaa fooyyaʼuu dandaʼa.

     Akkas gochuuf yaali: Hatattamaan ogeessa yaalii fayyaa gama kanaan dandeettii qabu irraa gargaarsa argachuuf yaalii godhi.

  • Waaqayyo akka siif yaadu yaadadhu.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Dimbiixonni shan saantima gatii xinnoo qabdu lamatti ni gurguramu mitii? Taʼus, isaan keessaa tokko illee Waaqayyo duratti hin dagatamtu. . . . Hin sodaatinaa; isin dimbiixota hedduu caalaa gatii guddaa qabdu.”—Luqaas 12:6, 7.

     Hiika isaa: Waaqayyo duratti gatii guddaa qabda.

     Namni siif yaadu akka hin jirre kan sitti dhagaʼamu taʼu illee, dhiphina keessa jirtu Waaqayyo akka gaariitti ni hubata. Ati lubbuudhaan jiraachuuf fedhii kan hin qabne taʼu illee, Waaqayyo siif ni yaada. Faarfannaan 51:17, “Yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaaf bullaa’aa hin tuffattu!” jedha. Waaqayyo waan si jaallatuuf lubbuudhaan akka jiraattu barbaada.

     Akkas gochuuf yaali: Kitaaba Qulqulluu irraa ragaalee Waaqayyo akka si jaallatu mirkaneessan qori. Fakkeenyaaf, Kitaaba qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu gochuuf akka gargaaru yaadamee qophaaʼee fi Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu boqonnaa 24 dubbisi.

  • Gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

     Hiika isaa: Waaqayyo wanta sitti dhagaʼamuu fi wanta si yaaddessu kam iyyuu ifatti akka isatti himtu si afeera.

     Waaqayyo nagaa keessaa fi jabina haala keessa jirtu dandamachuuf si gargaaru siif kennuu dandaʼa. (Filiphisiyus 4:6, 7, 13) Karaa kanaan, namoota garaa qajeelaadhaan gargaarsa argachuuf gara isaatti kadhannaa dhiheessan ni gargaara.—Faarfannaa 55:22.

     Akkas gochuuf yaali: Harʼuma gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessi. Maqaa isaa isa Yihowaa jedhutti fayyadamuudhaan gara isaatti kadhannaa dhiheessi; akkasumas wanta sitti dhagaʼamu hunda isatti himadhu. (Faarfannaa 83:18) Kana malees, jabaatte itti fufuuf akka si gargaaru isa gaafadhu.

  • Abdii Kitaabni Qulqulluun yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kennu irratti xiinxali.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Abdii jabaa fi amansiisaa akka qofoo dooniitti lubbuu qabee dhaabu kana qabna.”—Ibroota 6:19.

     Hiika isaa: Miirri kee akkuma dooniin qilleensaan asii fi achi jedhuu kan jijijjiiramuu taʼus, abdiin Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame tasgabbii akka qabaattu si gargaaruu dandaʼa.

     Abdiin kun immoo hawwii qofa utuu hin taʼin, waadaa Waaqayyo wanta rakkina nu mudatu hundumaatiif sababii taʼe balleessuuf gale irratti kan hundaaʼe dha.—Mulʼata 21:4.

     Akkas gochuuf yaali: Waaʼee abdii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee caalaatti beekuuf, birooshura Misiraachoo Waaqayyo Biraa Dhufe! jedhamu barumsa 5⁠ffaa dubbisi.

  • Wanta si gammachiisu raawwadhu.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Garaan gammadu fayyina namaaf kenna.”—Fakkeenya 17:22.

     Hiika isaa: Wantoota nu gammachiisan raawwachuun keenya, fayyaan samuu keenyaas taʼe miiraa keenya akka fooyyaʼuu gochuu dandaʼa.

     Akkas gochuuf yaali: Wantoota gammachuu siif argamsiisan raawwadhu. Fakkeenyaaf, muuziqaa miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu taasisan dhaggeeffachuu, wanta si jajjabeessu dubbisuu ykn sochiiwwan si gammachiisan gochuu dandeessa. Kana malees, wanta xinnoo taʼu illee warra kaan gargaaruuf wanta tokko gochuun kee gammachuun kee akka dabalu taasisa.—Hojii Ergamootaa 20:35.

  • Fayyaa keetiif kunuunsa taasisi.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? ‘Leenjiin qaamaa ni fayyada.’—1 Ximotewos 4:8.

     Hiika isaa: Sochii qaamaa gochuun, hirriba gaʼaa rafuunii fi nyaata madaalamaa nyaachuun keenya nu fayyada.

     Akkas gochuuf yaali: Daqiiqaa 15 qofa yoo taʼe illee, miillaan daddaftee deemuuf carraaqqii godhi.

  • Miirri sitti dhagaʼamus taʼe wantoonni kan biroon jireenya keessatti si mudatan akka jijjiiraman Yaadadhu.

     Kitaabni Qulqulluun maal jedha? “Jireenyi keessan bor maal akka taʼu . . . hin beektan.”—Yaaqoob 4:14.

     Hiika isaa: Humna keenyaa ol akka taʼe kan nutti dhagaʼamu taʼu illee, rakkoon furmaata akka hin qabne nutti dhagaʼamu yeroodhaaf qofa kan turu taʼuu dandaʼa.

     Haalli harʼa keessa jirtu dukkanaaʼaa kan fakkaatu taʼu illee, bor jijjiiramuu dandaʼa. Kanaaf, karaa itti dandamachuu dandeessu barbaadi. (2 Qorontos 4:8) Haalli dhiphisaan keessa jirtu yeroo booda jijjiiramuu dandaʼa; yoo of ajjeeste garuu haala isaa matumaa duubatti deebisuu hin dandeessu.

     Akkas gochuuf yaali: Kitaaba Qulqulluu keessaa seenaa namoota abdii kutatanii turanii fi duʼa hawwanii turanii ibsu dubbisi; yeroo booda rakkinni namoota kanaa tarii karaa isaan matumaa hin eegneen furmaata kan argate akkamitti akka taʼe hubachuuf yaali. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

 Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota duʼuu barbaadanii turanii wanta ibsu qabaa?

 Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota “Duʼuun barbaada” jedhanii turani tokko tokkoo ni dubbata. Waaqayyo kana dubbachuu isaaniitiin isaan hin balaaleffanne; kanaa manaa gargaarsa isaaniif godheera. Kanaaf sinis akkasuma si gargaaruu ni dandaʼa.

Eliyaas

  •  Eliyaas eenyu ture? Eliyaas raajii ija jabeessa ture. Taʼus, yeroon itti abdii kutate jira ture. Yaaqoob 5:17, “Eliyaas namuma miira akka keenyaa qabu ture” jedha.

  •  Duʼuu kan barbaade maaliifi? Yeroo tokko Eliyaas kophaa akka taʼe, akka sodaatee fi gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. Kanaaf, “Yaa Waaqayyo na ajjeesi!” jedhee kadhate.—1 Mootota 19:4.

  •  Wanti isa gargaare maali dha? Eliyaas wanta isatti dhagaʼamu hunda Waaqayyo duratti dhangalaase. Maarree Waaqayyo akkamitti isa jajjabeesse? Waaqayyo akka isaaf yaadu kan argisiise taʼuu isaa irra iyyuu, wantoota humna isaa argisiisan raawwachuudhaan Eliyaasiin jajjabeesse. Kana malees, Eliyaas amma iyyuu gatii guddaa akka qabu isaaf mirkaneesse akkasumas, gargaaraa isaaf yaaduu fi dandeettii qabu isaaf kenneera.

  •  Waaʼee Eliyaas dubbisi: 1 Mootota 19:2-18.

Iyoob

  •  Iyoob eenyu ture? Iyoob nama sooressa maatii balʼaa qabuu fi amanamummaadhaan Waaqa dhugaa waaqeffatu ture.

  •  Duʼuu kan barbaade maaliif? Akkuma tasaa wanti hamaa taʼe Iyoob irra gaʼe. Qabeenya isaa hunda dhabe. Ijoolleen isaa hundis balaadhaan jalaa dhuman. Kana malees dhukkuba garmalee nama dhiphisuun qabame. Dhuma irrattis, rakkina kan ofitti fide isuma akka taʼe gara jabinaa fi sobaan himatame. Kanaan kan kaʼes Iyoob, “Jireenya koo nan jibbe, ani bara baraan as hin jiraadhu” jedhe.—Iyoob 7:16.

  •  Wanti isa gargaare maali dha? Iyoob Waaqayyotti kadhannaa dhiheesseera; miira isaas namootatti himeera. (Iyoob 10:1-3) Eliihuu inni michuu isaa gara laafessa ture isa jajjabeesseera, akkasumas haala keessa jiru ilaalchisee ilaalcha sirrii akka qabaatu isa gargaareera. Hunda caalaa garuu kan isa gargaare gorsaa fi gargaarsa Waaqayyoo isaaf kenne fudhachuu isaati.

  •  Waaʼee Iyoob dubbisi: Iyoob 1:1-3, 13-22; 2:7; 3:1-13; 36:1-7; 38:1-3; 42:1, 2, 10-13.

Musee

  •  Museen eenyu ture? Museen geggeessaa Israaʼel durii fi raajii amanamaa ture.

  •  Duʼuu kan barbaade maaliifi? Museen itti gaafatamummaa guddaa qaba ture; namoonnis utuu wal irraa hin kutin isa qeequ turan, kanaan kaʼes abdii kutate. Kanaaf, “Ammuma na ajjeesi!” jedhee Waaqayyootti iyye.—Lakkoobsa 11:11, 15.

  •  Wanti isa gargaare maali dha? Museen wanta isatti dhagaʼame Waaqayyotti himeera. Waaqayyos itti gaafatamummaa isa irra jiru isaaf salphisuudhaan dhiphina isaa isaaf hirʼiseera.

  •  Waaʼee Musee dubbisi: Lakkoobsa 11:4-6, 10-17.

a Yaadni of ajjeesuu sitti dhagaʼamuu cimaa yoo taʼee fi namoonni ati jaallatu si bira jiraachuu baannaan yeruma sana gargaarsa argachuuf bilbilli.