Faarfannaa 94:1-23

  • Kadhannaa Waaqni akka haaloo baʼu dhihaate

    • ‘Hamoonni hamma yoomiitti itti fufu?’ (3)

    • Sirreeffamni Yaah kennu gammachuu argamsiisa (12)

    • Waaqayyo saba isaa hin dhiisu (14)

    • “Maqaa seeraatiin rakkina qopheessuu” (20)

94  Waaqa haaloo baʼu kan taate yaa Yihowaa,+Ati Waaqni haaloo baatu, ifa kee ibsi!   Yaa Abbaa Murtii lafaa, kaʼi.+ Warra of tuulaniif wanta isaaniif malu deebisi.+   Yaa Yihowaa, hamoonni hamma yoomiitti,Hamma yoomiitti gammaduu isaanii itti fufu?+   Isaan utuu itti hin yaadin of tuulummaadhaan dubbatu;Warri balleessaa raawwatan hundi of jaju.   Yaa Yihowaa, isaan saba kee ni caccabsu,+Dhaala kees ni cunqursu.   Dubartii abbaan manaa irraa du’ee fi nama biyya ormaa,Akkasumas mucaa abbaa hin qabne ni ajjeesu.   Isaan, “Yaah hin argu;+Waaqni Yaaqoob kana hin hubatu” jedhu.+   Isin warri hubannaa hin qabne kana hubadhaa;Isin gowwoonni, hubannaa akka qabdan kan argisiistan yoomi?+   Inni gurra tolche* dhagaʼuu hin dandaʼuu? Inni ija tolche arguu hin dandaʼuu?+ 10  Inni sabootaaf sirreeffama kennu, adabuu hin dandaʼuu?+ Sabootaaf beekumsa kan kennu isa dha!+ 11  Yihowaan yaada namootaa,Isaan hafuuruma qofa taʼuu isaanii beeka.+ 12  Yaa Yaah, namni ati sirreessitu,+Namni ati seera kee barsiistu gammadaa dha;+ 13  Kunis hamma isa hamaadhaaf boolli qotamutti+Guyyaa rakkinaatti tasgabbii isaaf kennuuf jecha dha. 14  Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa hin dhiisu,+Dhaala isaas+ hin gatu. 15  Murtiin ammas deebiʼee qajeelaa ni taʼa,Warri garaa qajeelaa qaban hundis isa ni hordofu. 16  Eenyutu hamoota irratti naaf kaʼa? Eenyutu warra balleessaa raawwatan falmuudhaan naaf dhaabbata? 17  Yihowaan gargaaraa koo utuu taʼuu baatee,Silaa yoona badeen* ture.+ 18  “Miilli koo ni mucucaate” yommuun jedhetti,Yaa Yihowaa, jaalalli kee inni amanamaan na deggere.+ 19  Yaaddoon* yeroo na liqimsetti,*Ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.*+ 20  Teessoon* badii utuma maqaa seeraatiin* rakkina qopheessuu,+Sii wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼaa? 21  Isaan hamminaan nama qajeelaa* ni haleelu,+Nama qulqulluu irrattis duʼa murteessu.*+ 22  Yihowaan garuu, iddoo amansiisaa ani kooluu itti galu* naaf taʼa,Waaqni koo qarsaa ani kooluu itti galu dha.+ 23  Inni gochi hamminaa isaanii isaanuma irratti akka deebiʼu godha.+ Hamminuma isaaniitiin isaan balleessa.* Waaqni keenya Yihowaan isaan ni balleessa.*+

Miiljaleewwan

Kal., “dhaabe.”
Kal., “callisee nan jiraadhan.”
Ykn., “Yaanni nama jeequ.”
Ykn., “na keessatti yommuu baayʼatetti.”
Ykn., “Jajjabinni kee lubbuu koo tasgabbeesse.”
Ykn., “Bulchitoonni; Abbootiin murtii.”
Ykn., “labsiidhaan.”
Kal., “Dhiiga nama qulqulluu yakkamaa (hamaa) godhu.”
Ykn., “lubbuu nama qajeelaa.”
Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Kal., “cal jechisiisa.”
Kal., “cal jechisiisa.”