Faarfannaa 46:1-11

  • ‘Waaqayyo iddoo kooluu itti gallu dha’

    • Gochawwan Waaqaa warra dinqisiisoo (8)

    • Waaqni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa (9)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa ilmaan Qoraa.+ Akkaataa Alaamotiin.* Faarfannaa. 46  Waaqayyo iddoo kooluu itti galluu fi jabina keenya,+Yeroo dhiphinaattis salphaatti isa biraa gargaarsa arganna.+   Lafti yoo raafamte,Gaaronnis galaana gad fagoo keessatti yoo kufan illee nuti kan hin sodaanne kanaafi;+   Bishaanonni galaanaa yoo huursanii fi yoo hoomacha baasan,+Jeequmsa isaatiin kan kaʼes gaaronni yoo raafaman hin sodaannu. (Seelaa)   Lagni kallattii adda addaatiin yaaʼee magaalaan Waaqayyoo,+Godoo qulqulluu guddaan kan Isa Hundaa Olii taʼes akka gammadu godhu tokko jira.   Waaqayyo magaalattii keessa jira;+ ishiin garagalfamuu hin dandeessu. Waaqayyo ganama barii ishii ni gargaara.+   Saboonni iyyaniiru, mootummoonnis garagalfamaniiru;Inni sagalee isaa ol ni kaase, laftis ni baqxe.+   Yihowaan Gooftaan Raayyaa nuu wajjin jira;+Waaqni Yaaqoob iddoo amansiisaa kooluu itti gallu* dha. (Seelaa)   Kottaatii waaʼee gochawwan Yihowaa,Wantoota dinqisiisoo akkamitti lafa irratti akka raawwates ilaalaa.   Inni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.+ Iddaa ni cabsa, eeboos ni hurreessa;Gaariiwwan fardaa waraanaas* ibiddaan ni guba. 10  “Dhiisaa taaʼaa, ani Waaqa akkan taʼes beekaa. Ani saboota gidduutti,Lafa irrattis ulfina nan argadha.”+ 11  Yihowaan Gooftaan Raayyaa nuu wajjin jira;+Waaqni Yaaqoob iddoo amansiisaa kooluu itti gallu dha.+ (Seelaa)

Miiljaleewwan

Ykn., “ol kaʼaa taʼe.”
Ykn tarii, “Gaachanootas.”