Warra Roomaatiif 1:1-32

  • Nagaa dhaamuu (1-7)

  • Phaawulos Roomaa dhaquu barbaade (8-15)

  • Namni qajeelaan amantiidhaan jiraata (16, 17)

  • Warri Waaqa hin sodaanne sababa itti qabatan hin qaban (18-32)

    • Amalawwan Waaqaa uumama irratti mulʼataniiru (20)

1  Phaawulos garbicha Kiristoos Yesuus, isa ergamaa taʼuuf waamamee fi misiraachoo Waaqayyoo labsuuf adda baafame irraa;+  misiraachoon kun isa Waaqayyo dursee Kitaabota Qulqulluu keessatti karaa raajota isaa waadaa gale yeroo taʼu,  waaʼee Ilma isaa isa karaa foonii sanyii Daawit+ keessaa dhufe sanaa kan ibsu dha.  Waaqayyo humna hafuura qulqulluutiin duʼaa waan isa kaaseef+ inni Ilma Waaqayyoo+ akka taʼe ifa dha; eeyyee, Yesuus Kiristoos Gooftaa keenya.  Nuti karaa isaa gaarummaa guddaa arganneerra; ulfina maqaa isaatiif saboota hundumaa keessaa namoonni amantiidhaan kakaʼanii akka ajajaman+ gargaaruuf ergamoota taaneerra.+  Isinis saboota kana keessaa kan Yesuus Kiristoos akka taatan waamamtaniittu.  Warra Roomaa keessa jirtan, Waaqayyo biratti jaallatamtanii fi qulqulloota taʼuuf waamamtan hundumaaf: Waaqayyo Abbaa keenyaa fi Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos biraa gaarummaa guddaanii fi nagaan isiniif haa taʼu.  Duraan dursee, waaʼeen amantii keessanii addunyaa maratti waan odeeffameef, karaa Yesuus Kiristoos waaʼee hunda keessaniitiif Waaqayyoof galata nan galcha.  Ani utuu gargar hin kutin yeroo hunda kadhannaa koo keessatti waaʼee keessan akkan kaasu,+ Waaqayyo inni ani waaʼee misiraachoo Ilma isaa lallabuudhaan garaa guutuu tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessu sun ragaa anaaf ni baʼa; 10  amma fedhii Waaqayyoo taʼee dhuma irratti yoo anaaf milkaaʼe gara keessan dhufuu akkan dandaʼu kadhachaan jira. 11  Sababiin isaas, kennaa hafuuraa akka jabaattan isin gargaaru isinii kennuuf jecha isin arguuf nan hawwa; 12  kana jechuun koo, ani amantii keessaniin, isin immoo amantii kootiin akka wal jajjabeessinuufi.+ 13  Haa taʼu malee, yaa obbolootaa, akkuma ani saboota warra kaan keessatti argadhe isin gidduuttis firii tokko tokko akkan argadhuuf, yeroo baayʼee gara keessan dhufuuf karoorfadhee kanan ture taʼus, hamma ammaatti akkan dhowwame akka beektan nan barbaada. 14  Giriikotaafis taʼe warra Giriikota hin taaneef,* ogeeyyiidhaafis taʼe warra hin baranneef idaan ana irra jira; 15  kanaafuu, isin warra Roomaa keessa jirtaniifis misiraachicha lallabuuf nan hawwa.+ 16  Ani misiraachichatti hin qaanaʼu;+ misiraachichi jalqaba Yihudootaaf,+ achiis Giriikotaaf,+ humna Waaqayyoo isa namoota amantii qaban hundumaatiif fayyina argamsiisu dha.+ 17  “Inni qajeelaan garuu amantiidhaan jiraata” jedhamee akkuma barreeffame,+ Waaqayyo karaa misiraachichaa qajeelummaa isaa namoota amantii qabanitti ni mulʼisa; kunis amantii isaanii isaaniif cimsa.+ 18  Waaqayyo namoota isaaf ajajamuu didanii fi qajeelota hin taane irratti samii irraa dheekkamsa isaa+ ni mulʼisa, isaan dhugaa ukkaamsuuf+ gocha jalʼinaa raawwatu; 19  Waaqayyoon ilaalchisee wanti beekamuu dandaʼu isaan biratti ifatti mulʼata; sababiin isaas, Waaqayyo kana isaaniif ibseera.+ 20  Amalawwan isaa warri ijaan hin argamne, uumama addunyaatii jalqabee ifatti mulʼatu; sababiin isaas, humna isaa isa bara baraa+ fi Waaqummaa isaa+ wantoota uumaman irraa ifatti hubachuun ni dandaʼama;+ kanaafuu, isaan sababa itti qabatan hin qaban. 21  Isaan Waaqayyoon kan beekan taʼanis, akka Waaqummaa isaatti ulfina isaaf hin kennine yookiin isa hin galateeffanne; kanaa mannaa, yaadni isaanii gatii dhabe; garaan isaanii inni hubannaa hin qabnes ni dukkanaaʼe.+ 22  Ogeeyyii kan ofiin jedhan taʼus gowwoota taʼan; 23  ulfina Waaqa isa hin badne sanaa, bifa nama isa baduu dandaʼuutti, bifa simbirrootaatti, bifa uumamawwan miila afur qabaniittii fi bifa warra lafa irra loʼaniitti* jijjiiran.+ 24  Kanaafuu, Waaqayyo qaama isaanii akka salphisaniif akka hawwii garaa isaaniitti, xuraaʼummaatti dabarsee isaan kenne. 25  Isaan dhugaa Waaqayyoo sobatti jijjiiran; Uumaa dhiisanii uumamaaf ulfina kennan,* akkasumas uumamaaf tajaajila qulqulluu dhiheessan; taʼus Uumaan bara baraaf ni jajama. Ameen. 26  Waaqayyo fedhii saalqunnamtii qaanessaa taʼetti dabarsee kan isaan kenne kanaafi;+ dubartoonni isaanii saalqunnamtii uumamaan isaaniif kenname isa uumamaan ala taʼetti jijjiiran;+ 27  dhiironnis isa uumamaan isaaniif kenname dubartootaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu dhiisanii, dhiironni dhiirotaa wajjin kajeellaa saalqunnamtiitiin gubatan;+ wanta qaanessaa hojjechuudhaanis, ofuma isaaniitiin adaba* cubbuu isaaniitiif malu guutummaatti fudhatan.+ 28  Isaan Waaqayyoof beekamtii kennuu* waan hin barbaanneef, inni wantoota sirrii hin taane akka hojjetan yaada mancaʼaadhaaf dabarsee isaan kenne.+ 29  Isaan jalʼina,+ hammina, sassata,+ gadhummaa, hinaaffaa,+ ajjeechaa,+ lola, gowwoomsaa+ fi daba hundumaatiin+ guutamaniiru; akkasumas hamattoota, 30  maqaa kan balleessan,+ Waaqayyoon kan jibban, kan nama arrabsan, kan of tuulan, kan of jajan, wanta hamaa kan karoorfatan, warra isaaniitiif kan hin ajajamne,+ 31  hubannaa kan hin qabne,+ waadaa kan cabsan, nama kan hin jaallannee fi gara laafina kan hin qabne dha. 32  Isaan seera Waaqayyoo isa qajeelaa namoonni wanta akkasii hojjetan duʼuu akka qaban+ dubbatu guutummaatti beeku; taʼus, wantoota kana hojjechuu isaanii itti fufuu qofa utuu hin taʼin, warra wanta akkanaa hojjetanis ni jajjabeessu.

Miiljaleewwan

Kal., “barbaarotaaf.”
Ykn., “wantoota munyuuqaniitti.”
Ykn., “uumama waaqeffatan.”
Ykn., “gatii.”
Ykn., “waaʼee Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuu.”