Faarfannaa 10:1-18

  • Yihowaan nama gargaarsa hin qabne ni gargaara

    • Namni hamaan, “Waaqayyo hin jiru” jedhee of tuula (4)

    • Namni gargaarsa hin qabne gara Yihowaatti garagala (14)

    • “Yihowaan baraa hamma bara baraatti Mootii dha” (16)

ל [Laamed] 10  Yaa Yihowaa, maaliif fagoo dhaabbatta? Yeroo dhiphina keenyaatti maaliif dhokatta?+   Inni hamaan of tuulummaadhaan isa gargaarsa hin qabne ni ariʼa,+Taʼus inni maluma qopheesseen ni qabama.+   Sababiin isaas, inni hamaan fedhii ofittummaa* isaatiin of jaja,+Isa sassattuu taʼes ni eebbisa;*נ [Nuun]Inni Yihowaa tuffata.   Namni hamaan of tuulummaa isaatiin kan kaʼe qorannaa hin godhu;Yaada isaa guutuudhaan, “Waaqayyo hin jiru”+ jedha.   Wanta godhu irratti milkaaʼina ni argata,+Murtiiwwan kee garuu hubannaa isaatii oli dha;+Inni diinota isaa hundumaatti qoosa.*   Garaa isaatti, “Ani matumaa hin raafamu;*Dhalootaa hamma dhalootaatti Ani matumaa badiisa hin argu”+ jedhee yaada. פ [Pee]   Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi dorsisaan kan guutame dha;+Arraba isaa jalas rakkinaa fi miidhaatu jira.+   Inni gandeen biratti riphee eeggata;Iddoo dhokannaa isaa keessa taʼees nama balleessaa hin qabne ni ajjeesa.+ ע [Ayiin] Ijji isaa isa nama gaddisiisu sana miidhuuf ilaallata.+   Akkuma leenca holqa* isaa keessa jiruutti, iddoo dhokannaa isaa keessa taʼee eeggata.+ Inni isa gargaarsa hin qabne qabachuuf eeggata. Isa gargaarsa hin qabne kiyyoo isaa keessa galchee qabata.+ 10  Inni qabame ni caccaba, gadis ni buufama;Warri nama gaddisiisanis harka isaa* keessa buʼu. 11  Garaa isaatti, “Waaqayyo irraanfateera.+ Fuula isaa garagalcheera. Matumaas hin hubatu”+ jedha. ק [Qoof] 12  Yaa Yihowaa, kaʼi.+ Yaa Waaqayyo, harka kee ol kaasi.+ Warra gargaarsa hin qabne hin irraanfatin.+ 13  Namni hamaan Waaqayyoon kan tuffatu maaliifi? Inni garaa isaatti, “Ati akkan itti gaafatamu hin gootu” jedha. ר [Reesh] 14  Taʼus ati rakkinaa fi dhiphina ni argita. Ilaaltees furmaata ni kennita.+ Inni nama gaddisiisu gara keetti garagala;+Ati mucaa abbaa hin qabne* ni gargaarta.+ ש [Shiin] 15  Yommuu hammina isaa barbaadduttiSana booda akka isa hin arganneef,Irree nama jalʼaa fi irree nama hamaa cabsi.+ 16  Yihowaan baraa hamma bara baraatti Mootii dha.+ Saboonni lafa irraa badaniiru.+ ת [Taaw] 17  Yaa Yihowaa, ati garuu gaaffii garraamotaa ni dhageessa.+ Garaa isaanii ni cimsita,+ xiyyeeffannaas isaaniif ni kennita.+ 18  Namni lafa irraa inni duʼu sana booda akka isaan hin sodaachisneef,+Ati mucaa abbaa hin qabnee fi warra caccabaniif haqaan ni murteessita.+

Miiljaleewwan

Ykn., “fedhii lubbuu.”
Ykn tarii, “Inni sassattuunis of ni eebbisa.”
Ykn., “of bokoksa.”
Ykn., “hin gatantaru.”
Ykn., “bosona.”
Ykn., “qeensa isaa isa cimaa.”
Ykn., “warri jalaa duʼan.”