Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yommuu Gaddi Ijoollee Mudatu

Yommuu Gaddi Ijoollee Mudatu

Miseensa maatii kee tokko duʼaan waan dhabdeef gaddaa jirtaa? Taanaan, gadda kee irraa jajjabina argachuu kan dandeessu akkamitti? Dargaggoonni sadii, rakkina cimaa akkasii akka dandamatan Kitaabni Qulqulluun kan isaan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

SEENAA DAAMII

Daamii

Jalqaba irratti, dhukkubbii mataa salphaa taʼe fakkaata ture. Haa taʼu malee, abbaan koo dhukkubni isaa yeroo itti cimaa adeemu, haati koo ambulaansii waamte. Ogeessonni yaalii fayyaa isa fuudhanii yeroo deeman amma iyyuu nan yaadadha. Lubbuudhaan kanan isa argu yeroo dhumaatiif akka taʼe garuu hin beekun ture. Abbaan koo dhukkuba aniyuuriizim jedhamuun kan kaʼe guyyaa sadii booda ni duʼe. Yeroo sana umuriin koo waggaa jaʼa ture.

Waggoota hedduudhaaf, abbaan koo duʼuu isaatiif of komachaan ture. Wanta yeroo ogeessonni yaalii fayyaa sun isa fuudhanii deeman sana taʼe irra deddeebiʼee kanan yaadu siʼa taʼu, ‘Maalifan callisee dhaabadhe? Waan tokko gochuu hin dandaʼun turee?’ jedheen of gaafadha. Namoota guguddaa dhibee fayyaa qaban yommuun argu, ‘Isaan utuu lubbuudhaan jiranii abbaan koo kan duʼe maaliifi?’ jedheen yaada. Yeroo booda, haati koo wanta natti dhagaʼamu akkan dubbadhu na gargaarte. Akkasumas, Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, gumii keenya irraa deggersa guddaa arganneerra.

Namoonni tokko tokko gaddi yeroo isaan mudatu, yeruma sana baayʼee gaddanii yeroo booda immoo irraanfachuu akka dandaʼan yaadu; haalli koo garuu akkana hin turre. Hamma umuriin koo jalqaba waggoota kurnanii irra gaʼutti garaadhaa hin gaddinen ture.

Dargaggoota abbaa ykn haadha isaanii duʼaan dhabaniif gorsin kennu, “Wanta isinitti dhagaʼamu nama tokkotti himaa. Miira keessan baastanii yeroo dubbatan, keessi keessan nagaa argata” kan jedhu dha.

Dhugaa dha, jireenya koo keessatti wantoota guguddaa yommuun dabarsu abbaan koo akka na bira hin jirre beekuun koo baayʼee na gaddisiisa. Taʼus, abdii Kitaaba Qulqulluu Mulʼata 21:4 irratti argamuu fi Waaqayyo yeroo dhihootti ‘imimmaan hundumaa ija keenya irraa akka haqu, duutis kana booda akka hin jirre, gaddis taʼe iyyi yookiin cinqiin kana booda akka hin jirre’ dubbatu irraa jajjabina argadheera.

SEENAA DEERIIK

Deeriik

Yaadannoo gaggaarii ani dabarse keessaa tokko tokko yeroon itti abbaa koo wajjin qurxummii qabaa fi gaarota irra dunkaanaa dhaabnee isaa wajjin bashannanaa turre dha. Inni gaarota baayʼee jaallata ture.

Abbaan koo dhukkuba onnee qaba ture; ijoollummaa kootti siʼa tokko ykn lama gara hospitaalaa dhaqee akkan isa gaafadhe nan yaadadha. Haa taʼu malee, dhukkubni isaa hammam cimaa akka taʼe hin hubannen ture. Yeroo ani waggaa sagal turetti abbaan koo dhukkuba onneetiin duʼe.

Yeroo inni duʼe baayʼeen booʼe. Waanan ukkaamame natti fakkaate; eenyuu wajjin illee haasaʼuu hin barbaadun ture. Jireenya koo keessatti miirri gadheen akkasii natti dhagaʼamee hin beeku; akkasumas sana booda wantin raawwadhu kam iyyuu na hin gammachiisu ture. Miseensa garee dargaggootaa waldaa keenyaa kanan ture siʼa taʼu, dargaggoonni kun jalqaba irratti xiyyeeffannaa naaf kennanii turan; garuu, itti hin fufne. Namoonni waldaa sanaa, “Abbaan kee yeroon isaa waan gaʼeef duʼe” ykn “Waaqayyotu isa waame” ykn immoo “Amma samii keessa jira” naan jedhu turan. Deebiiwwan isaanii kun kan na hin quubsine taʼus, Kitaabni Qulqulluun wantoota kana ilaalchisee maal akka barsiisu matumaa hin beekun ture.

Achiis haati koo Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabde siʼa taʼu, yeroo booda immoo anii fi obboleessi koo qoʼachuu jalqabne. Haala warri duʼan keessatti argamanii fi Waaqayyo abdii duʼaa kaʼuu isa jajjabina namaaf argamsiisu akka kenne baranne. (Yohaannis 5:28, 29) Haa taʼu malee, Isaayaas 41:10 baayʼee na gargaareera; Achi irratti Waaqayyo Akkana jedheera: “Egaa ani sii wajjin waanan jiruuf hin sodaatin! Ani Waaqayyo kee ti hin naʼin! Ani sin jabeessa, ani sin gargaaras.” Yihowaan akka naa wajjin jiru beekuun koo, yeroon gadda irra turettis taʼe amma jajjabina guddaa naaf argamsiiseera.

SEENAA JIINII

Jiinii

Haati koo yommuu ani waggaa torba ture dhukkuba kaansariitiin duute. Guyyaan sun abjuu natti fakkaatee ture. Akka ishiin manatti duutee fi akaakoliin koo akka achi turan nan yaadadha. Namni hundis callisee ture. Irbaata irratti hanqaaquu akka nyaanne nan yaadadha. Suutuma suuta jireenyi koo guutummaatti gara gadheetti jijjiiramaa akka jiru natti dhagaʼame.

Yeroo sanattis taʼe, waggoota sana booda jiranitti obboleettii koo ishii quxisuudhaaf jecha of cimsuu akkan qabu yaadeen ture. Kanaaf, miira koo ukkaamseen qabadhe. Yeroo ammaatti illee, miira sirrii hin taane of keessatti qabachuun barbaada. Kun garuu gaarii miti.

Gumii Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo kootti argamu irraa jaalalaa fi deggersa argannee turre amma iyyuu nan yaadadha. Galma Mootummaatti walgaʼii irratti argamuu erga jalqabnee baayʼee kan hin turre taʼus, obboloonni nuu wajjin waaqeffatan akkuma waan nuti waggoota hedduudhaaf maatii tokko taanetti nu cinaa dhaabataniiru. Yeroo hunda nyaanni manatti waan nu eeguuf, abbaan koo waggaa guutuu guutummaa maatichaatiif nyaata qopheessuun isa hin barbaachisne.

Yeroo baayʼee Faarfannaa 25:16, 17 nan yaadadha. Achi irratti faarfatichi akkana jedhee Waaqayyoon kadhateera: “Fuula kee gara kootti deebisi, araara anatti argisiisi! Anoo kophaa koo ti, gadadamaa dhas. Garaa kootti nan dhiphadha, ati na furi! Muddama ani keessa jiru keessaas na baasi!” Yeroo gaddi natti dhagaʼamutti kophaa akkan hin taane beekuun koo baayʼee na jajjabeesseera. Waaqayyo yeroo hunda na deggera. Gargaarsan Kitaaba Qulqulluu irraa argadheen, jireenya koo itti fufuu fi wantoota gaggaarii kan akka abdii duʼaa kaʼuu irratti xiyyeeffachuu dandaʼeera. Haati koo fayyaa guutuu qabaattee lafa jannata taatu irratti deebisee akkan ishii argu abdii qaba.—2 Pheexiros 3:13.

Ergaa Kitaaba Qulqulluu namoota gaddaa jiran jajjabeessu caalaatti barachuu ni barbaaddaa? Barreeffama “Namni Jaallattan Yeroo Duʼu” jedhamu kaffaltii malee garagalfadhu. WWW.JW.ORG irraa kutaa WANTOOTA QOPHAAʼAN >KITAABOTAAFI BIROOSHUROOTA jedhu jalaa ilaali.