Warra Efesooniif 5:1-33

  • Dubbii fi gocha qulqulluu (1-5)

  • Akka ijoollee ifaatti deddeebiʼaa (6-14)

  • Hafuuraan guutamaa (15-20)

    • Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa (16)

  • Gorsa abbootii manaa fi haadhotii manaatiif kenname (21-33)

5  Kanaafuu, ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa;+  akkuma Kiristoos nu* jaallachuudhaan+ nuuf* jedhee Waaqayyoof kennaa fi aarsaa urgaa gaarii qabu+ godhee of dhiheesse, jaalalaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa.+  Namoota qulqulluudhaaf sirrii waan hin taaneef,+ halalummaan,* xuraaʼummaan akaakuu hundumaa yookiin sassatni isin gidduutti hin dubbatamin;+  gochi qaanessaan yookiin dubbiin gowwummaa yookiin qoosaa jibbisiisaan+ wantoota sirrii hin taane dha; kanaa mannaa, kan galateeffattan taʼaa.+  Akkuma beektanii fi ofii keessanii hubattanitti, namni halaleen*+ yookiin namni xuraaʼaan yookiin namni sassata+ isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe raawwatu Mootummaa Kiristoosii fi Mootummaa Waaqayyoo keessatti dhaala tokko illee hin qabaatu.+  Dheekkamsi Waaqayyoo sababii wantoota akkasiitiin warra hin ajajamne irratti waan dhufuuf, namni kam iyyuu dubbii faayidaa hin qabneen isin hin gowwoomsin.  Kanaafuu, isaanii wajjin tokkummaa hin qabaatinaa;  isin yeroo tokkotti dukkana turtan; amma garuu Gooftaa wajjin haala wal qabateen ifa taataniittu.+ Akka ijoollee ifaatti deddeebiʼuu keessan itti fufaa;  sababiin isaas, firiin ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa akaakuu hundumaa kan qabate dha.+ 10  Yeroo hundumaa wanta Gooftaa biratti fudhatama qabu+ qoraa mirkaneeffadhaa; 11  hojiiwwan dukkanaa firii hin qabne irratti hirmaachuu dhiisaa;+ kanaa mannaa isaan saaxilaa. 12  Sababiin isaas, wanta isaan dhoksaatti hojjetan dubbachuun illee nama qaanessa. 13  Wantoonni ifatti baʼan hundi ni saaxilamu, wantoonni saaxilaman hundi ifa taʼu. 14  Kanaafuu, “Yaa namicha rafaa jirtu nana, dammaqi, warra duʼan keessaas kaʼi;+ Kiristoos si irratti ibsa”+ jedhameera. 15  Egaa kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; 16  guyyoonni kun hamoo waan taʼaniif, yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.*+ 17  Kanaafuu, gowwoota hin taʼinaa; kanaa mannaa, fedhiin Yihowaa* maal akka taʼe hubachuu keessan itti fufaa.+ 18  Akkasumas, jireenya gadhiisiidhaaf* waan isin saaxiluuf, daadhii wayiniitiin hin machaaʼinaa;+ kanaa mannaa, hafuuraan guutamuu keessan itti fufaa. 19  Faarfannaadhaan, Waaqayyoon jajachuudhaan, akkasumas faarfannaa+ hafuuraatiin walitti dubbadhaa;* garaa keessanitti muuziqaadhaan+ Yihowaadhaaf* faarfadhaa;+ 20  yeroo hunda Waaqaa fi Abbaa keenyaaf maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin+ wanta hundumaatiif galata dhiheessaa.+ 21  Kiristoosiin sodaachuudhaan waliif bitamaa.+ 22  Haadhotiin manaa akkuma Gooftaadhaaf bitaman abbootii manaa isaaniitiif haa bitaman;+ 23  sababiin isaas, akkuma Kiristoos gumichaaf mataa taʼe, abbaan manaas mataa haadha manaa isaa ti;+ Kiristoos gumicha isa qaama isaa taʼeef fayyisaa dha. 24  Akkuma gumiin Kiristoosiif bitamu, haadhotiin manaas waan hundumaatiin abbootii manaa isaaniitiif haa bitaman. 25  Isin abbootiin manaa, akkuma Kiristoos gumii jaallatee fi ofii isaa dabarsee isaaf kenne,+ haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa;+ 26  inni kana kan godhe gumicha bishaaniin, jechuunis dubbii Waaqayyootiin dhiqee qulqulleessuudhaan qulqulluu gochuufi;+ 27  kunis gumichi xuriin yookiin gogaa shuntuuraan yookiin wanti akkasii tokko illee utuu irratti hin argamin,+ qulqulluu fi hirʼina kan hin qabne+ taʼee akkuma miidhagina isaa eegetti isa duratti akka mulʼatuufi. 28  Haaluma wal fakkaatuun, abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan. Namni haadha manaa isaa jaallatu of jaallata; 29  namni qaama* ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa; Kiristoosis gumichaaf akkanuma godha; 30  sababiin isaas, nuti kutaawwan qaama isaa ti.+ 31  “Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana;* lamaan isaanii foon tokko taʼu.”+ 32  Iccitii qulqulluun+ kun guddaa dha. Ani waaʼee Kiristoosii fi waaʼee gumichaa dubbachaan jira.+ 33  Taʼus, tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallattanitti haadha manaa keessan jaalladhaa;+ karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.+

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “isin.”
Ykn tarii, “isiniif.”
Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ibsa Jechootaa ilaali, “Halalummaa.”
Kal., “yeroo murteeffame bitaa.”
Ykn., “seeraan ala taʼeef.”
Ykn tarii, “ofitti dubbadhaa.”
Kal., “foon.”
Ykn., “haadha manaa isaa wajjin jiraata.”